opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments|


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Gogii hundeedhaan dandamachuudhaaf  qophiin misooma jallisii xixiqqaa xumuramuu isaa waajjiri dhimma quunnamtii mootummaa beeksise

 

waajjirichi tibba kana dhimmoota gurguddoo sadii mootummaan xiyeeffannoo itti kennee socho’aa jiru irratti onkoloolessa 19/2002 ibsa kennee jira.

Dhimmoonni kunis itti fufiinsa guddina diinagdee ,filannoo marsaa 4ffaa dha.  

Guddina diinagdee itti fufiinsaan fiduufis magaalotaa fi baadiyyaa keessati hojiwwan hojetamuu qabanis addaan baafamaniiru.

Haaluma kanaanis baadiyyaatti hojiin hojetamuu qabus midhaan  ga’ee jiru  yeroodhaan Sasaabuu, kunuunsa qabeenya uumamaafi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuudha.

Ogganaan waajjira dhimma quunnamtii mootummaa Obbo Barakat Simoon akka jedhanitti keessumaa gogiinsa ittisuudhaaf misoomni jallisii xixiqaa baldhinaan adeemsifama jedhaniiru.Qophiin kanaaf barbaachisus xumuramee akka jirus eeraniiru.

Magaala keessattis immoo qaala’ina gatii to’achuudhaaf hojiin galii ol guddisuu baldhinaan ni hojetama jedhanniiru.

Gogii waggaa kana muldhatees ilaalchisees rakkoon isaa bokkaan gannaa yeroo malee baduufi jijjiirama haala qilleensaa itti fufiinsaan muldhachaa jiru irraa akka ta’es Obbo barakat ibsaniitu.

Dhimma kanas dhaabbileen sabquunnamtii idila addunyaa tokko tokko dhimmicha babaldhisuun yaahodeessan malee rakkiochi to’annooo mootummaan alas akka hin taane hubachiisaniiru.

Dhimmi inni lammaffaan immoo filannoo marsaa 4ffaa akka biyoolessaafii naannootti adeemsifamuudha. Innis filannoo lammiileen hundi keessatti hirmaatan, ifaafi biliisafi dimookiratawwaa ta’uu qaba. ifaaf bilissummaaa isaa mirkaneessuudhaafis taajabdoonni biyya alaafi keessaa ni afeeramu .

Akka boordii filannoo biyyoolessaattis gabateen yeroo filanichaa mudde 1 hanga waxabajji  14 tti tura. Yeroon sagaleen itti kennamus ebla 15-2002dha.
   

 

 

 


  02.11.09