
ADWUI dabalate paartilee siyaasaa 4 danbii naamusa filannoo mallatteessan.
Sanadii danbii naamusaa kan mallatteessan ADWUI,Dhaabbatti tokkumma guutuu Itoophiyaa,partii deemokratawa Itoophiyaa, fI Paartii tokkummaa fi deemokrasii(Qindominaa ) dha.
Paartileen siiyasaa mormitoota danbii naamusaa dabalate dhimmolee biroo irratti partii biyyaa hoggana jiru ADWUI waliin walgaltee marii kan eegalan ji'a hagayaa keessa dha.
Mariin wayita eegalu paarlamaa keessa tessoo kan qaban paartileee siyaasa akkasummas paartileen adda addaa fi dhunfaan mariicha irratti akka hirmatan waamichi dhiyate jira.
Haalumma kanan ADWUI,Dhaabbatti tokkumma guutuu Itoophiyaa(መኢአድ),partii deemokratawa Itoophiyaa,fI Partii tokkummaa fi deemokrasii(Qindominaa )walumaa gala oartileen siyaasaa afur marichaa irratti qooda fudhataniiru.
Adeemsaa mariif muuxannoowwan biyyootan Gaanaa fi Afrikaa kibaa haala qabatama biyyaa keenya hubanno keessa gashun dhiyeessan jiru.
Partii deemokratawa Itoophiyaa fi Qindominni gama isaaniin dhimmoota tokko tokko irratti yaada ijaara qaban dhiyeessaniiru .
Kan mallatteessan duraa ta'a partii ADWUI fi mummee ministiroota obbo Mallas Zeenaawii , piraazdaantii Dhaabbatti tokkumma guutuu Itoophiyaa Injinaar Hayiluu Shaawul , Duraa ta'a partii deemokratawa Itoophiyaa obbo Lidatuu Ayaleewwu fi piraazdaantii partii Qindominaa obbo Ayalee Caamiisoo dha.
Duraa ta'aan partii ADWUI fi mummee ministiroota obbo Mallas Zeenaawii eerga mallatteessan booda akka jedhanitti sirni adeemsa danbii naamusaa heddu gammachisaa fi aadaa keennanii fudhachuu kan daggagasudha.
Danbichis keessummatu filanno gaggeeffamu ifaaf biliisa fi dimokiraatawwaa gochuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru
Piraazdaantii Dhaabbata tokkumma guutuu Itoophiyaa Injinaar Hayiluu Shaawul danbiin naamusaa partiilee siiyasa giddutti jallalaa fi akka ijaa hamadhaan wal-ilaalu kan hambisuu dha..Danbiichi ragaa'un isaa ummatoota Itoophiyaaf injifannoo guddaa ta'u isaa eranii qabsoo nageenya itti fufuf haala kan mijjesu ta'u isaas dubbataniiru.
Duraa ta'a partii deemokratawa Itoophiyaa obbo Lidatuu Ayaleewwu gama isaaniin danbichi Itoophiyaatti siiyasaa waljibbiinsaa kan maqsu dha jedhaniiru.
Piraazdaantii partii Qindominaa obbo Ayalee Caamiisoos gama isaaniitiin waliigaltichi sadarkaa idila adunyaa kan eegatef filannoo kamiyuu karaa nagaan gaggeessuf kan faayadu dha.
Partileen 4 danbiin namusaa akka hojiirra oluf mana maree partilee siyaasaa tokko hundeessani jiru.Danbiin mallatta'e kun akka seera filannoo biyyaa keenya ta'uf mana maree bakka bu'oota ummatan akka raga'uu walgalteera gahame jira.
Akkasummas dhimmoota biyyaa gara garaa irratti gara fulduraa waliin marii'achuf paartilee kunneen walgalteera gahan jiru.