Filannoon bara kanatti gaggeefamu bilisaan,haqa qabeessaafi dimokraatawaan akka xummuramu aadaa marii paartiileen eegalan cimee itti fufuu akka qabu ibsame.
Prezdaantiin waldaa barsiiftota itiyoophiyaa obbo yohanis bantii.itti aanaan prezdaantii waldaa barsiiftota oromiyaa obbo Girmaa Raggaasaafi prezdaantiin waldaa barsiiftotaa dirree Dawaa obbo Shimalis Taayyee raadiyoo faanaaf akka himanitti paartiileen 65 tibbana sanada danbbii naamusa filannoo irratti waliigalteen taasisan filannoon dhufu milkaa'inaan akka xummuramu bu'ura kan kaa'edha.
Waliigaltichi sirna ijaarsa diimokraasii biyya keenyaa gara sadarkaa olaanatti kan ceesiseedhas jadhaniiru.
Siyaasni muufanna kan yaroon itti dabre ta'uu kan agarsiisedhas jadhan.
Tarkaanfiin paartileen kunneenii fudhatan kun ilaalchi bilchinaa kan itti mul'atee ta;uu himanii paartiin madrak jadhamus faana isaanii bu'uun waamicha taasifamaafi jiru fudhachuu akka qabu prezdaantonni kunneenii waamicha taasisaniiru.
|