opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments|


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Kolleejjin yunversiitii Amboo gara yunversiitiitti olguddisuuf Dhakaan   bu'uuraa ka'ame.

Dhagaa Bu'uuraa kanas kan ka'an perezedeentii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Abbaa Duulaa Gammadaafi ministeera Deetaa Barnootaa Obbo Wandasan kifiluudha.

Haasaawwaa Taasisan keessattis  Abbaan Duulaa Gammadaa guyyaa yunversiitiin kolleejjii Amboo gara yunversiittiitti gudatu kanaan baga isin ga'e jechuudhaan yunversiitiin kun umuriin dheeraa, hawwiifi fedhii cimaa hawaasa hundaaf hojii cimaa hojetee jira jedhan.

Hojii isaa kanaan duraa keessattis yunversiittin Amboo qorannoowwan uumata deggaru hojechuun walitti dhufeenyi inni uumaat walin qabu cimaadha jedhaniiru.
Ammas barattoota dimookiraatawwaafi naamusa qabanif jaalalla biyyaa qaban   qulqullinaan horachuu akka qabus Abbaan duulaa dhaamsa dabarsaniiru.

Yeroo Ammaa naannoo Oromiyaa keessatti yunversiitii ijaaramaa jiran lamaan dabalatee yunversiitiin saddet akka jiran eeranii baay'ina qofas osoo hin ta'iin, qulqullina barnootaa irratti xiyyeefatame hojetamaa akka jiru himanii kana galmaan ga'uudhaafis degersi mootummaa naannoo Oromiyaa yunversitichaaf godhu cimee akka itti fufu dubataniiru.

misisteera Deetaan barnootaas   Wandasan Kifiluus gama isaaniitiin imaamnani barnootaafii leenjii biyyatti  barnoota qulqullinaa qabu lammii hundaa walin ga'uuf kallatti itti deemame galma ga'ee jira jedhan.

 waggaa kurnan hardhaa yunversiittii  kudha lama qofatu turne hara garuu gara digdamii lamaatti ol guddatee jira jedhan.

Isaan kanaanis lammii aadaa hojii jaldhachuu qabuufii qorannoo gageessuu horachuu irratti xiyyeefatame hojetamaa akka jirus dubbataniii.guddinni yunversiitiin kolleejjii Amboo gara yunversitti ti godhame kun baayina simannaa baratootaa kuma torbaatami afur (74,000) ture gara kuma dhibba tokkoo olitti (100,000) akka ol guddatu  godheera.

Ministeeri Albudaafi enerjiifi walitti qabaan bordii yunversiitii Ambo Ob. Alamaayyoo Taganuu gama isaaniitiin barnooni misoomaaf bu'uura ta'e akka dagaaguufi sayiintistoonni cicimoon yunversiitii Ambootii akka ba'uuf ijaarsa yunversiitichaa saffisiisuu qabna, hunduu haa tumsu jechuu dhaan dhaamsa isaani  dabarsaniiru.
Perezedaantiin yunvarsitichaas Dr. Mitikkuu teessoos yunversiitiin Amboo umri waggaa 63 kan qabuufi sagantaa barnoota didamii sagaliin barataata leenjisaa akka jiru himniiru.

Hojii misooma biyyaa hojjenneera hojechaas jirra itti fufees nii  hojenna jedhanii   .Yunversiitiin kolleejjii Amboo gara yunversiitiitti akka olguddatuuf namoota  tumsa godhan mumicha ministeeraa Obbo  Mallas Zeenaawwi, Obbo Abbaa duulaa Gammaddaaf qaamota biroof badhaasni kannameera

.

   

 

   

 

  24.11.09