News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election |
|||||||
| Uummataa naannoo Oromiyaa guutummaa guutuutti fayyadamaa qabeenya bishaanii taasisuuf hojiiwwan gurguddoon hojetamaa jiraachuun ibsame
Haaluma kanaan karoora kana galmaan ga’uuf istiraatejiwwan waggaa shanii keessatti uummata hunda sadarkaa sadrkaan walqixa fayyadamaa bishaanii taasisuuf muuxannowwan gaggaarii babaldhisuun magaalaatti haguuggii bishaan qulqulluu 2001tti 94% ture 2002tti gara 95%tti olguddisuuf karoorfatee jira. Akkasumas baadiyyaatti immoo bara 2001tti haguggii bishaan qulqulluu 54.6% ture gara 64.5%tti ol guddisuuf karoora bafatee ciminaan itti deemaa jiraachuu isaa Obbo Kabaa Mokkonnin gaggeessaan adeemsa hojii odeeffannoofi quunamtii uummataa ibsan . Walumaagalattii karoora kanaan haguuggiin bishaan qulqulluu magalaafi baaddiyyaa naannichaa bara 2001ttii 59.8%ture gara 68.5%ttii olguddisuuf karoorri qabamee kana irraas lakkofsaan uummani 2,268,942.fayyadamaa akka taasisu obbo Kabaan eeraniiru. Misooma jallisii ilaalchisees, Oromyaan lafa jallisiif mijatu hektaara 1.7qabdu keessaa 18% qofa akka hojiirra oolchite Obbo Kabaan himanii, mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa kanuma ilaalcha keessa galchuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkanneessuufi guddina diinagdee saffisaa fi itti fufiinsa qabu gama qonnaan fiduuf to’annoofii dizayinii qonnaa jallisii ammayyaa ,bishaan keessaafi irra lafaa ,bishaan bokkaa kuusuu irratti istraateejii baafatee socho,aa jira. Baajata hojichi ittiin adeemsifamuufii madda baajataa ilaalchisees babaldhina bishaan qulqulluu baadiyyaafi magaalaaf mootummaafii dhaabbilee gargaarsaa garagaraa irraa qarshii 610,718,938.fii misooma jallisiif immoo 249,376,138n socho’aa akka jiran Obbo Kabaan eeraniiru |
||||||