News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election |
|||||||
| Bulchiinsi Mootummaa Nannoo Oromiyaa Gabaasa Raawwii Hojii KurmaanaTokkoffaa Rifoormii Bulchiinsa Gaarii Caffeef Dhiyeesse .Yaa’iin Caffee Motummaa Naanno Oromiyaa yaa’ii isaa dhuma bara 2001tti karoorrii bara 2002 dhiyaatee yoo mirkana’u, dhimmi akka kallattii hordafamuufii karoora isaa galmaan ga’uuf akka furmaataatti fayadamuuf karoorfate, tarsiimoo muuxannoo garii baballisuu dha. Haaluma kanaan sagantaa rifoormi bulchiinsa gaarii ilaalchisee perezedaantii bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa kab.Abbaduulaa Gammadaa gabaasa dhiyaassaniin hojiin JBAHfi riformii mannen hojii mootummaa keessatti gaggeeffamaa ture haala guutuu ta’een kan raawwatame yoo ta’u, hojiin hafu sirreeffama tokko tokko gochuufi cimsuun raawwachaa jira jedhaniiru. JBAH guutummaa guutuutti hoji irra olchuuf leenjiin maalummaa fi fayidaa madaallii raawwannaa hojii bu’aa irratti xiyeeffatee irratti kaabinee naannoo iraa kaasee hanga ogeessota sadarkaa aanaarra jiraniif leenjiin hojiitti isaan galchu danda’u kennameera Gama biraatiin qajeelfamniifii hojimaatni madaallii raawwannaa hojii bu’aa irratti xiyeeffatee galmaan ga’uu dandeessisu qophaa’ee sadarkaa kaabineetti mirkaneessuun hojiira akka oolu ta’ee jira.Dabalataanis JBAH ammayeessuuf teekinoolojii quunnamtii odeeffannootiin gaargaaramuudhaaf hojiin qorannoofi dizaayinii isaa xumuramee yeroo jalqabaaf sadarkaa naannootti biirolee 20 keessatti hojiirra oolee, warra hafaniif immoo akka galma guddaatti qabamee jira Bifa walfakkaaatuun itti fayadamumma kompiyuuteraa Naannoo Oromiyaa ol guddisuuf goodinaallee 16f giddu galeessa kompiyuteraa banuun hogansa sadarkaa goodinaa,aanaafi siivilservisiittif leenjiin kennamaa jira. Rifoormii sirna haqaa hojiirra oolchuu ilaalchisee muuxannoowwan gaggaarii gama kanaan jiran babaldhisuun raayyaa jijjiiramaa ol aantummaa seeraa mirkaneessu uumuufi uummani tajaajjila haqaa saffisaa bu’a qabeessa ta’e iddoo tokkotti akka argatuu gochuuf abbaan alangaa fi qorataan poolisii qindoominaan hojechaa jiru jedhanniru. Akkaataa riformii gibiraai ilaalchisees naannoon keenya akka hijiirra ooluuf hubannoo kaffaltoota gibiraa dabaluufi seerri kaffaltii gibiraa aaka dabaluuf kurmaana tkkoffaa darbe keessa leenjiin kennamee sirna gibira ammayyaa uumuuf tattaaffii godhameen kaffaltoottaaf sassaabbii ashaaraa qubaa gaggeessuun lakkoofsa eenyumeessaa gibiraa kennamee . Akka walii galaatti gibiraa amma jalqabame guuttummaatti hojiirra yemmuu oolu galiin naannichaa caalmaan kan dabaluufi karoora misooma naannichaa galii barbaachisu gahumsaan walitti qabuuf dandeettii cimaa kan uumu akka ta’e Abbaanduulaa gabaasa isaanii keessatti ibsanii gabaasichis sagalee caalmaan ragga’eera.
|
||||||