opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Caffeen Oromiyaa yaa’ii isaa idilee 13 tibba kana taa’een gabaasa raawwii hojii dinagdee  kurmaana tokkoffaa keessatti rawewatame sagalee caalmaan mirkaneesse

Qonni biyya keeny caalmaatti rooba irratti kan hundaa’eedha. Sababuma kanaan waggaa  darbee roobni yeroo isaa hin eeggannee haamuldhatu malee bara kana yeroo kamuu caalaa qindoomina qonnaan bulaa, hojetaa misoomaa fi ogantootaan godhameen rakkicha dandamachuun akka danda’amee perezedaantiin Naannoo Oromiyaa Abbaaduulaa Gammadaan gabaasa yaa’ii 13ffaaf dhiyeessaniin eraniiru.

Haaluma kanaan leenjii muuxannoo gaarii babaldhisuu hojii ijaarsa dandeetii ilaalchisee qonnaan bulaa mil.4.32 sochii keessa akka galan  tasifamee jira

Akkasumas ogeessota qonnaa 2071, hojetaa misoomaa 13,980, manajerooota gandaa 6,146fi qonnanbulaa mil.3.58f leenjiin kennamee hojii keessa galamee qonnaan  bulaan fayyadamaa teekinooloojii akka ta’uuf teekinooloojiwwan qonnaa adda addaa irratti manuwaaliin qophaa’ee leenjii akka argatan taasifamee jira.

Yuuniyenoota hojii xaa’oo dhiyeessuu danda’an adda baasuufii gurmeessuun kan hojetamaa jiru yemmuu ta’u xaa’oo daappii kun.383,715 fi yuuri’aa kun. 120,733 hojii qonnaa bonaa qofaaf goodinaalee hundaaf yeroon akka ga’uu danda’u qophii baldhaan godhamaa akka jirus himaniiru.

Dhiyeessi calla guddistuu qonnaan bulaan itti hirmaatu keessaa inni gudaan xaa’oo uumamaa yookin kompoostii dha.Haaluma kanaan bara oomishaa  2001/2002 kompoostii meetir kiyuubii mil.14.1 qopheessuuf karoorfame keessa mil.5.2qophaa’ee mil.3.4 hojiirra oolee jira.

Liqii xaa’oo ilaalchisees kan bara 2001/2002 kenname keessaa kurmaana tokkoffaa kana tti qarshiin mil.48yookin 34%akka debi’u ta’ee jira.

Fedhii sanyii filatamaa Naannoo Oromiyaa guutuuf sochii baldhaan gama interpirayizii sanyii filatamaa Oromiyaa, kolleejota qonnaafi Bulchiinsa manneen sirreessa naannichaa keessa jiraniifi maasii qonnaan bulaa hektaara 8242 irratti sannyiin kun.186,722 akka oomishamu ta’ee jira jedhan.

Oomisha bunaa ilaalchisees kurmaana tokkoffaa kana keessaa biqiltuu bunaa mil.650 dhaabuuf karoorfamee biqiltuu mil.387 buufata biqiltuu bunaa aanolee gara garaa keessatti misomaa jira.

Karaa gama eegumsa fayyaa bineeladaas misooma ananii Naannoo keenyaa foyessuufi muuxannoo gama kanaan jiru babalisuudhaan loon booranaa qabeenya misiooma ananiin beekaman kuma 6.3 ta’an diqaalonfamanii akkaasumas horiin annanii sanyiin isaanii fooyyee qaba jedhaman 410 hanga kurmaana tokkoffaati qote bulaaf raabsamaniiru.

Misooma gabaa ilaalchisee rakkoowwan sirna gabaa irratti muldhachaa turanhudee irraa hikuudhaaf  sirna gabaa ammayyaa ,iftoomaa fi si’oomina qabu diriirsuuf qorannaa gaggeeffameen lixa Oromiiyaatti buna, baaqelaafi saalixii Bahaa Oromiyaattii, Buna, Kuduraa, Jimaa, Beleedaafi Omisha dheedhii Kibba Oromiyaatti immoo Buna, Boloqeefi Beelada irratti kan xiyyeefatee ta’ee giddugaleessi gabaa guddaa Oromiyaa tokkoo magala Buraayyuu irratti ijaaramuu eegalee hangaa kurmaana tokkooffaa kanattii 93% akka dhumee Abbaadulaan gabaasa isaanii keessattii eeraniiru.

 

  28.12.09