opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Muuxaannoowwan gaggaarii naannoolee horsiisiifatee bulaatti babballisuudhaan haaromsa Itiyoophiyaa bu’uura cimaa irratti ni hundeessina   

 

hawwaasni horsiifatee bulaa akka addunyaatti miliyoona 30-40 yeroo ta’u akka ardii Afrikaatti miliyoona 15-20tti tilmaamama.  Akka  Itiyoophiyaatti immoo miliyoona 9.8 ol yeroo ta’u ,akka naannoo Oromiyaatti miiyoona 4 ol ta,a.lafa ardii Afrikaa irraa 60% hawaasa kanaan kan qabame yeroo ta’u lafa Itoophiyaa keessaa immoo km2 625,000 uummata jiruu fi jireenya kanaan bulaaniin kan qabameedha. Lafa bal’aa fi hawaasa bal’aa kun yeroo dheeraadhaaf mootummaawwan darban biratti dagatame, misooma hawaasa dinagdee biyyattii keessaaa cinatti dhiifame maqaa garaagaraa mooraalii isaanii tuquun waamamaa turaniiru.

Horsiifatee bulaan hiikoo walii galaa ardii hundii irratti walii galu yoo hin qabaanne illee, mala jireenya gammoojjii fi bakka roobni itti hanqatutti ittiin jiraatanii fi mala jijjiirama naannoo kanaatiin wal simuu fi hawaasni hedduun ittiin jiraatuudha. Horsiifatee bulaan hojii dinagdee fi hormaata beeyladaa   isaanii qabeenya uumamaa irratti hundaa’ee fi kana lamaan walsimsiisuuf godaansi hiikoo qabu kan keessatti raawwatamuudha. Horsiifatee bulaan hojii galiin walii gala maatii tokkoo keessaa 50% ol hormaata beeyladaa fi bu’aa  isaarraa argachuun ittiin jiraataniidha. Walumaa galatti horsiifatee bulaan sochii dinagdee,sirna itti fayyadama lafaa, mala jireenyaa fi garaagartummaa bakkaa bakkatti kan qabuudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa   addummaa naannoo kanaa hubachuudhaan bara 1994 Komiishii Misooma Naannoo Horsiifatee Bulaa Oromiyaa (KMNHB)  dhaabee ture. Komiishinichi kan dhaabbate misooma qindaa’aa naannoo kanatti   akka dhufu hojjechuu fi qindeessuu kaayyoo jedhuun kunis hojii komiishinichaa gama lamaan YKn hojii raawwachuu fi qindeessuutii hiruudhaan ture. Haala kanaan sochiwwan hedduu erga komiishinichi hundaa’ee irraa kaasee taasifamaniin bu’aawwan gaariin  argameera.Haata’u malee adeemsa kanaan dura ittiin adeemamaa ture mootummaan irra deebi’ee xiinxiluudhaan hanqinoota hojiiwwan naannoo horsiifatee bulaa furuudhaaf bara darbe “Paakeejii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii Naannoo Horsiifatee bulaa Oromiyaa” akka naannoo keenyaatti yeroo jalqabaatiif qophaa’ee hojii irra akka oolu taasifameera.Paakeejii kana keessattis, misooma:-lafa dheedumsaa, qabeenya uumamaa fi qonna gammoojii,qabeenya beeladaa, gabaa, akkasumas dhiyeessii tajaajila hawaasummaa jalattis hojiiwwan tajaajila:- Fayyaa namaa, barnootaa fi leenjii, Bishaan, Daandii baadiyyaa, dhimma dargaggootaa fi dubartootaa, tajaajila harka qalleeyyii fi qabeenya maleeyyii,bulchiinsa gaarii,babaldhina qorannoo fi teknolojiwwanii, odeeffannoo fi quunnamtii, akkasumas kenniinsa tajaajila eksteenshinii haammataman hojiitti hiikuudhaaf tattaafatamaa jira.

Haaluma kanaan, horsiifate bultoota baay’inni isaanii131,393,Ogeessota Aanaa,hojjetaa wiirtuu misoomaa fi hojjettoota eegumsa fayyaa beelladaa hawaasaa 4,775 ta’aniif leenjiin adda addaa kennamee jira.paakeejii MBG kana irratti hundaa’uudhaanis komiishinichaan hojiiwwan argaman armaan gadii hojjetamaniiru.

Misooma Qabeenya Uumamaa ilaalchisees.biqiltuu fayidaa adda addaatiif oolan miliyoona 2.47 dhaabaniiru,daagaan gosa adda addaa kiilomeetira 7,334,daandii lola’a Km 1,611,maaykiroobeeziniin lakkoofsaan 388,367 hojjetamanii jiru.akkasumas hallayyaan m3 42,277 hidhame jira.haaluma wal fakkaatuun lafa dheedumsaa manca’e hektaara 52,535 daangessuun, hektaara 23,265 kununsuun, hektaara 32,605 miciree irraa mancaasuun hektaara 1,983 kaleessuun misoomee jira.
 
Misooma qabeenya Beeyladaa:- Horsiise bultoonni 17,917 paakeejii ekisteeshinii misooma aannanii keessatti kan haammmataman yoo ta’u kanuma deggeruufis giddu galeessa horsiisaafi fooyyessaa sanyii loon Booranaa korma fi raaddden fooyya’oo ta’an 132 raabsamanii jiru. Gama biraatiin, abbootiin warraa 6,802 ta’an paakeejii beeyladaa irratti hirmaachuudhaan beeylada 93,109 gabbisanii gabaaf dhiyeessuun galii fooyya’aa argatanii jiru. Misooma kanniisaa ilaalchisee bara kana keessa horsiifatee bultoonni 7,159 ta’an paakeejii kana irratti kan hirmaatan yoo ta’u galma-ga’iinsa paakeejii kanaatiif gaagura ammayyaa 650 raabsuun, gaagura aadaa 35,400 kunuunsuun, omishni dammaa fi gagaa fooyya’ee jira. Ittisaa fi to’annoo dhibeewwan daddarboo beeyladaa naannoo horsiisee bulaa cimsuuf bara kana beeylada 3,922,830 tiif talaalliin adda addaa beeylada 3,333,262 tiif waldhaansa adda addaa yoo kennamu, dhukkuba beeylada irraa gara namaatti darbu to’achuuf beeylada 17,664 irratti qorannoo foonii taasifameera. Gama biraatiin giddu-galeessa laabiraatoorii eegumsa fayyaa beeyladaa yaaballoo human guutuun hojii keessa galchuun hojiin sakatta’aa qorannoo fi hordoffiin dhibee beyiladaa naannoo horsiifatee bulaa akka cimu ta’ee jira.

Misooma Gabaa:-gabaan jireenya horsiifatee bulaa fooyyessuu keessatti shoora guddaa qaba. Komishinichis muuxannoo walitti hidhiinsa abbootii qabeenyaa fi horsiifatee bulaa Booranaa irraa barate gara birooti babal’isaa jira.bu’uruma kanaan abbootii qabeenyaa fiwaldaalee naannoo horsiifatee bulaa keessa jiran jajjabeessuun cinatti abboot