opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Filannoo bara kana geggeefamu cinatti hojiin misoomaa eegalame addaan cituu hin qabu.

 

Hojiin misoomaa tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuun guutummaa biyyatti keessatti eegalame hojii filannoon walirra ooluun addaan cituu akka hin qabne hoganaan ijaarsa waajjira DH.D.U.O giddugaleess Obboo Alamayyoo Ijjiguu himan.

Dhaabbileen siyaasaa filannoo irratti dorgoman hunda irraas DH.D.U.O./ADWUI/ dhimmi guddaan adda isa taasisus dhimma filannoofi misoomaa wal cina adeemsisuu isaa akka ta’es obbo Alamayyoon eeranii isa kana injifannoon keessa ba’uufis leenjiin leenjistootaa akka guutummaa biyyattiitti magaalaa Adaamaatti akka eegalame dubbataniiru.

Kayyoon leenjichaas misooma jalqabame utuu addaan hin kutin hawaasa hunda bifa walfakkatuun dadamaqsanii dimookiraasummaa filannichaaf shoora isaanii akka ba’an taasisuun injifannooon akka keessa ba’an gochuudha jedhan.

Leenjii kana irratti kan hirmaatanis koree gidduu galeessaa irraa eegalee hogantoota biiroolee, goodinaafi magalota sadarkaa tokkoffaa miseensa kaabinee ta’an fa’i.

Filannoo bara kanaa caamsaa 15 adeemsifamu kana irtratti caasaan mootummaafi hawaasni hundi wal cina hiriiruun haala mijataa jirutti fayyadamanii filannicha bifa ifaafi bilisa, dimookiraatawaa ta’eefi hawaasa hunda biratti fudhatama kan argate akka ta’uuf hubannoo bal’aa argachuun qaama nageenya filannichaa boreessu irratti akka qabsaa’uu  qabanis obbo Alamayyoon dhaamaniiru.   

 

  03.02.10