News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election |
|||||||
| Saboonni Sab-lammoonnii fi Ummattoonni Itoophiyaa sirna abbaa irree akkuma waliin dhabamsiisan diina hunda isaanii kan ta’e hiyyummaa irrattis tokummaan duuluu qabu.Guyyaan saboota, sablammoota fi uummatoota Itoophiyaa marsa arfafaaf naannolee baha Itoophiyaa shananiin magaalaa Dirre Dawwaatti mataduree “waldanda’uu tokkummaa dimookiraasiifi misoomaaf” jedhuun bifa ho’aadhaan qopha’e irratti muummichi ministeera Malls Zeenaawwii dabalattee qondaaltonni Motummaa federaalaa, naannoleefi bakka buutonni biyyoota olla hundi argamaniiru. Ayyaanicha irratti Muummichi ministeeraa akka jedhanitti ayyaanni guyyaa hardhaa kun adeemsa siyaasa yeroo dheeraa keessatti boqonnaa siyaasaa haarawaa kan baneefi heerri mootummaa Federala Dimokiratawwaa Itiyoophiyaa ragga’ee biyyi Kenya siyaasa motummaa federaalawwaati ceetee kan itti yaadatamuudha jedhaniiru. Ayyaanich saba sablammooniifi uummattonni Itoophiyaa mirga heerri mootummaa Itophiyaa mirkaneesseef irra dhaabbatanii jireenya isaanii foyessuufi Itoophiyaa tokkumaa fi jaalala irratti hundoofte ijaaruuf guyyaa daandii qabsoo hidhannoo fi adeemsa isaani darbe itti gamagamaniidha. Akkasumas sabaafi sablammoonni Itoophiyaa fayidaa argataniifi sadarkaa irra ga’an gadi fageeynaan yeroo itti ilaalaniifi fayidaa biyyoolessaa waliinii fixaan baasuuf hojii murteessaa fuldura isaaniitti argamu raawwachuuf yeroo waadaa itti walii galaniidha jedhaniiru. Hata’uu malee sablammoonni Itoophiyaa biyyatti heeri motummaa mirgaa fi fayidaa isanii sadarkaa ol aana ta’een isaniif kabajee balaa kam irraa oolchuu, kununsuufi irra caala guddisuun akka qabaan mumichii Ministeera dhaamsa isaani dabarsaniiru. Yeroon guyyaa saba-sablamootaafi Uumatootaa Itoophiyaa itti kabajamuu kun yeroo biyyaattiin filannoo marsa arfafaa gaggeessuf deemtutti ta’uun isaa ayaanichaa akka addaa godhu himanii filanichaas ifaaf bilisaa, dimookratawaa tasisuudhaan qaama sirritti bakka nu bu’aa nu gaggeessa jedhanii itti amanaan filachuudhaan madda angoo isaa ol aana ta’uu isanii akka mirkaneesan dhaamsa dabarsaniiru.
|
||||||