opdo
   

News| About Us |Publications| Mission| Policies| Achievements| Contact Us| Links| Comments| Ethiopia 2010 Election


  TOKKUMMAA SABOOTA, SAB-LAMMOOTAA FI UMMATTOOTA ITOOPHIYAA CIMSUUDHAAN MISOOMA KEENYA NI ARIIFACHIISNA

 

 

 

Dh.D.U.O   injjifannoowwan kanaan dura gama siyaasdiinagdee fi hawwaasummaan argamsiise filannoo marsaa 4ffaa irrattis dabaluuf qopha’aadha jedhame.

Yeroo ammaa bu’aan mirga ofiin of bulchuu  , mirgi dimookiraasiifi uumamaa ummatni Oromoo gonfate bu’aa qabsoo Dh.D.U.On kan  argame akka ta’e hogganaan wajjira Dh.D.U.O giddu galeessaa obbo Zalaalam Jamaanee ibsa dhaabilee sab-quunnamtiif kennaniin ibsabiiru.

Filannoo marsaa arfaffaa ilaalchisee gaaffii gaazixeesota irraa gaafatameef deebii kennaniin Dh.D.U.O/A.D.W.U.I/ filannicha caalaa ifaafi bilisa dimookiraatawaa taasisuuf dhaabbilee mormitootaa waliin danbii namusa filannoo irratti waliigaltee rakkoo siyaasa biyyattii furuu danda’u irra  ga’amuu eeraniiru.

“Danbii namusa filanichaa irratti paartileen hin hirmaannee akkam ta’u ? seerichaan ni bitamuu?” gaaffii jedhuuf danbichi bifa seeraan mana mare bakka bu’oota uummataatiin  ba’a paartiin kamuu   paartileen filannoo irratti walii galan jechuun ajandaa siyaasaa isaaniitu tokko ta’e juchuu miti. Paartileen siyaasaa biyyatti keessaatti argaman hundi seericha hojiirra oolmaa isaatiif qabsa’uun dirqama. Ammas taanaan paartileen hafaniif waltajjiin marii waliigaltee banaa akka ta’e obbo Zalaalam dubbataniiru.

 “Danbiin namusa filannoo kun qaama kaamiif irra caalaa fayyada?” gaaffii judhuufis –danbichi paartii giduu galeessummaan isaa hawaasa bal’aa ta’e hunda akka fayyadu himaanii  fayyidaaa qaama kamiiyyuu kan eegsisuufi filannicha bifa ifaaafi bilisa dimookiraatawaa waan taasisuf paartileen marii irraatti hin argamiin sababiin isaanii maal irraa akka madde uummanni adda baasee beekuu qaba jedhaniiru.

 

Gwaaffii” mormitoonni miseensi keeya hedduun hidhamanii  wajjirri keenya nujalaa cufame jedhanii iyyatan Dh.D.U.O.akkamitti ilaal?” jedhuuf immoo kayyoon siyaasaa Dh.D.U.O inni guddaan biyya yeroo dheeraaf dheebuu dimookiraasii nageenya qabduuf sirna paartilee heduu ijaaruu waan ta’eef gochi akkana kaayyoo dhaaba keenya miti namni kamuu utuu yakka tokko hin hojjetin miseensa partii mormaa ta’uu isaa qofaaf  hidhame hin jiru jiraacuus hiqabu namni kamuu immoo badii yoo  dalagee seeraan gaafatamuun dirqama ta’a kun immoo miseensa paartii mormaa qofa irraa kan gahuu miti miseensii  paartii biyya bulchuus badii dalagnaan ni hidhama.jedhan
 
Biyyi keenya utuu Dh.D.U.O/A.D.W.U.I gara taayitaatti hin dhufin dura biyyaa tasgabbii nageenyaa,misooma hawaasa hunda bifa wal qixxa ta’eeen hin laanneefi biyyaa mirgi uumamaafi dimookiraasii keessaatti hin dagagne turte. Kanaafuu, qaamni kamuu kana beekee heera mootummaa mirgaafi fayida kana kabachiseef tumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.

Qophii Dh.D.U.On filanichaaf gochaa jiru ilaalchisees akka paartii biyyya bulchaa jiruutti qophii marii danbiifi namusa filannoo paartilee mormitoota waliin taasifame irraa eegalee miseensota fi geggeessitootaaf leenjiin hubannoo garaagaraa filannicha bifa dimookiratawaa ta’een keessaa ba’uu danda’amu irraatti kennamaaa jira jeedhan.

 

Filannichas bifa ifaafi biliisa dimookiraatawwaa ta’een raawwachuuf ga’ee hawwaasichaa ilaalchisees paartiin yookaan namni dhuunfaan  kamuu karaa seeraan ala diimookiraasummaa filanichaa guraachessuun gara taayitaatti dhufuuf yaalu yoo jiraate uummani qaama nageeyna kabachiisu cina hiriiruudhaan irratti qabsaa’ee shoora isaa akka ba’u dhaamaniiru.  

 

 

  14.12.09