Barnootaa Qulqullinni isaa eegame Lammi hundaan ga'uun bu'uura guddina biyyaati .
Yaa'iin barnootaa naannoo Oromiyaa waggaa waggaan gaggeeffamu agarsiisa bu'aa qorannoo barnootaan magaalaa Adaamaatti jalqabamee jira.
Yaa'ichis hanqinoota baruufi barsiisuu keessatti mul'ataniifi muuxannoowwan gaggaarii jiran akkaataa babal'isuun danda'amu irrattis kallaatti ni ka'a jedhamee yaadama.
Itti aanaan perezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ogganaan Biiroo Civil Sarvisiifi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa hasawa taasisaniin fayidaa barnoonni guddina biyyaaf qabu ol aanaa waan ta'ee kana hubatame qulqullina isaa irratti xiyyeeffannaa guddaan kennamuu qabaa jedhan.
Biyya keenya hiyyummaa keessaa baasfee biyyoota galii giddu galeessa cina hiriirsuuf kallatti misoomaa keenya dinagdee qonna irratti hunda'a'e irraa gara Industriitti ceesisuuf humna nama baratee ilaalcha dimokraatawwa fi jalaala biyya qabu bal'inaan horachuuf barnootni bu'uura jedhan.
Kanaan dura raayyaa barnootaatiin paakejii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa hojiira olchuuf jijjiiramni guddaan akka dhufes Obbo Abdulaziz himaniiru.
Oganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalees karaa gama isaaniin misooma ariifachiisaa fiduuf sirna dimokraasii baba'isuuf barnoonni qooda guddaa waan qabuuf carraa barnoota qulqulinni isaa egame lammi hundaaf ga'uuf hojetamaa jira jedhaniiru.
Kunis kan mirkanaa'u, mootummaan kun imaammata barnootaa sirrii qabaachuu fi imaammaticha galmaan ga'uuf paakejjii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa lafa qabsiisuuf bajata ga'aa ramadee qaama imaamaticha rawwachiisu sadarkaa sadarkaan ijaaruu barnoonni lammi hunda akka ga'u kutannoon hojechaa jiraa jedhaniiru.
Yaa'ii kana irratti Godinni Shawaa Kabaa muxaannoo gaarii qabachun filatame yaa'iicha irratti dhiyaate akka irraa baratamu taasifameera.
Walumaa gala sochiin barnootaa naannichaa yoo ilaalamu gama harcaatii barattootaatiin hanqinni guddaan waan jiruf gara fuula duraatti xiyyeeffannoo guddaan itti kennamu akka qabu yaaicha irratti himameera.
Qaamota hojii barnoota irratti sochii cimaa taasisaniif keessumaa barattoota qormaata biyyoolessaa qabxii ol aanaa fidaniifGodinaalee,Aanoolee, dura baratoota manneen barnoota manneen barnoota, sadarkaa garaa garaa irraa jiran ,aanolee fi barsiisota adda duree ta'aniif badhasni kennameera.
Dhuma irrattis Yaa'ii ministeera barnootaa Federaalaa waggaa kana adeemsisu Adoolessa 29/12/2003 irraa jalqabe adeemsifamus naannoon Oromiyaa akka qophesitu sagantaa bahe irraa hubachuun danda'ameera.
