Rakkoo Ilaalchaa, Humna Misoomaa Seeraan Ala Godaansisu
Qophiin godaansa seeraan-alaa ilaal­chisuun itti-fufiinsaan keessummeessaa ture, amma gara xumuraatti deemaa jira. Akkuma kana duraa, ammas gabaasa Ob. Masfin Asaffaa, hogganaan waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa dhimmicha ilaalchisuun walga’ii ab­bootii amantii, jaarsolii biyyaa, qaamo­lee nageenyaa sadarkaan jiranii fi qoo­da-fudhattootaa magaalaa Adaamaatti adeemsifame irratti dhiyeessan irraa kan qophii kanaaf hambifanne dursina. Itti aansinees, yaada qaamoleen garaa­garaa nuuf kennan dhiyeessina.
Akka Ob. Masfin dabalanii dhi­yeessanitti, lammiileen karaa seeraan alaa biyyaa ba’an, hundi isaaniituu dargaggoota. Dargaggoota biyyattiin guddina misooma dinagdee isheef ab­dattuu. Humni kun, har’a olola kiraa-sassaabdota guddina dinagdee biyyaa fi nageenya lammiilee hinbarbaanneen dogoggorfamanii, dallaalota ummata saamuuf socho’aniin sobamanii, maal­laqa guddaa biyya keessatti kaappitaala ittiin hojii ummatanii duroomu danda’an saamtootaaf kaffalanii, gara dhaqanii fi dhaqanii waan hojjetan otuu hinbeekin oofamanii yaa’u.
“Humna oomishaa baay’inaan bi­yyaa yaa’aa jiru kana keessaa ammoo baay’een isaanii shamarrani. Samarran bobaa warraa jalaa ba’anii hinbeekne. Kan karaa dheeraa deemanii, ho’a gam­moojjii arganii, beela’anii, dheebot­anii, … hinbeekne. Kunneen ammoo dhiirota caalaatti miidhaaf saaxilamu. Mana dhaqanii hojiif itti mindeeffa­manitti, hojii humnaa oliitu isaan eeg­gata. Mana tokkoo kan hojjetan yoo xumuran, ergisaan kennamanii mana kanbiraaf tajaajila humnaa olii kennuun ni jira. Mindaan yeroo isaa eeggatee hinkaffalamuuf. Yoo komee dhiyeeffa­tan, dhaanamanii gamoo darbiin isaa ol fagoo irraa lafatti gadi darbatamu. Ak­kaataa kanaan, lammiileen keenya ba­laa du’aa fi hir’ina qaamaaf saaxilaman lakkoofsi isaanii eessaa fi eessa.” Jedhu Ob. Masfin.
Karaa biraas, gabaasa hogganaa ka­naa irraa akka hubatamutti, ijoolleen biyyaa godaansa seeraan alaa kanaan biyyaa ba’an, baay’een isaanii balaa garaagaraaf saaxilamuu irratti argamu. Otuu daangaa darbanii gara biyya hor­maa deemaa jiranii, ho’a gammoojjiiti­in, beelaa fi dheebun, deemsa dadhabu­un, … karaatti du’an kumootatti kan lakkaa’amanidha. Kanaan alattis, galaa­na irratti doonii garagaluun kan bishaan fudhatu, kan bineensi nyaatu, kan busaan ajjeesu, … baay’inni isaanii akka sal­phaatti kan himamu miti. Keessattuu, shamarran irratti yakki raawwatamu suukanneessummaa isaa himuun rak­kisaadha. Waan qabatanii ba’an hunda karaatti saamamuun, dhaanamuun, dhi­irota biyya halagaa baay’eedhan dirqiin gudeedamuun,… gochoota shamarran godaansa seenaan alaatiif mana isaaniitii bahan irratti raawwataman keessaa kan­neen muraasa.
Walga’icha irratti keessummaa ka­bajaa ta’uun kan argaman Kab. Ob. Abdulaazii Mahaammad, Pireezidaantii I/A fi Hogganaa Biiroo Siviil Sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaas gama isaaniitii waan jedhan qabu.
Godaansi seeraan alaa rakkoo ilaalchaan wal qabata yoo jennu maal jechuu keenya?
“Rakkoon kun kan amma jalqabame miti. Keessattuu, hawaasni qonnaan/horsiisee bulaa baadiyyaa isa magaalaa jiraatu caalaatti kan beekudha. Haa ta’u malee, rakkoon ilaalchaa kallattii ka­naan jiru baay’ee kan hawaasicha kees­satti hidda gadi fageeffatedha. Qaama hunda biratti ni beekama. Balaan lam­miilee keenya karaa seeraan alaa biyyaa ba’an irratti qaqqabuu kan jalqabes, har’aa fi kaleessa miti. Kana irratti qaa­moleen hundi ciminaan hojjechuu irratti harkifannaatu ture. Osoo hojjetameera ta’ee, godaansa seeraan alaa guutum­maatti dhabamsiisuu-baannullee, hanga tokko hir’isuun ni danda’ama ture. Kun ammoo, rakkoo ilaalchaa irraa mad­dudha. Miidhaa godaansi seeraan alaa biyyaa fi ummata, darbees godaantota mataa isaanii irraan ga’u gadi xiqqees­sanii ilaaluun isa tokko. Humni kun yaa’ee biyyaa godaanuun isaa kabajaa fi guddina dinagdee biyyaa irratti maal fida? Jedhanii dursanii yaaduu dhabuun ammoo isa kanbiraadha.” Jechuudhaan Kab. Ob. Abdulaaziiz haasaa isaanii kan eegalan.
Maatiin, manneen barnootaa, dhaab­bileen amantii, afooshaaleen, maan­guddoowwan, miseensonni dhaabaa, waajjiraalee fi qaamoleen dhimmi kun isaanilaallatu hundi, balaa balaa dha­loota humna misoomaa ta’e kana irratti qaqqabaa jiru biyya irraa faccisuu kees­satti gaheen isaan irraa eegamu guddaa ta’uus Kab. Ob. Abdulaaziiz ni eeru.
Keessattuu rakkoo cimaan kan jiru maatii godaantotaa bira ta’uu kan ee­ran hogganaan kun haasaa isaanii itti fufuudhaan, “Har’a maatiin dhala isaaf hinquuqamu. Mucayyoon durbaa tokko ollaa isaatii biyya arabaa dhaqxee akka carraa yoo waa gudunfatee deebite, ishee ilaalee, bor mucaayyoo manaa qabu godaansaaf ommachiisuu eegala. Maallaqa isheen dhaqxee biyya hala­gatti gubattee, dararamtee fiduuf malee wanta ishee irra ga’uu danda’u yaaduu-dhabuudhaan. Akkaataa haala qabata­maa biyyi keenya har’a keessa jirtuutti, maallaqni maatiin baadiyyaa tokko waan qabu hunda gurguree br. Kuma soddomaa fi afurtama baasee ittiin mu­cayyoo isaa alatti erguun, asumatti ittiin hojii uummattee akka guddattu gochu­un ni danda’ama. Dur akka beeknutti, haadhaa fi abbaan ijoollee isaan of jalaa baasanii gabaatti erguufillee murtii irra ga’uun isaan rakkisa. Jaalala guddaa ijoollee isaaniif waan qabaniif jechuud­ha.
Kanneen har’aa garuu, ijoollee isaanii godaansaaf sissi’eessu. Akkasiin ijoollee isaanii qaama fayyaa of jalaa qabanii gara biyyoota halagaatti er­ganii bor kan qaamni hir’ate ykn reeffidhufaaf. Kun ammoo rakkoon ilaalchaa maatii biraa kan ka’u ta’uu nu hubachi­isa. Kanaafuu, hundi keenyayyuu balaa kana hir’isaa deemuuf, gahee gahee keenya bahuu qabna” Jedhaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti, Luba Naannawa Lallabaa Amantii Ortodook­sii kan ta’an Lubi Abbaa W/Gabreelis gama isaaniitiin akka jedhanitti, har’a biyyi keenya daandii guddinaa irra jirti. Mootummaanis, lammiilee hojii dhab­dummaa keessaa ba’anii guddachuuf of qopheessan cinaa dhaabbatee deeggarsa isaan barbaachisu hunda godhaafii jira. Haadhaa fi abbaan maatii isaaniif ni wa­reegamu malee balaa biyya hormaatti isaa eeggachuu danda’uuf garaa jabaa­tee erguu hinqabu.
Lubi Abbaa W/Gabree/ dabaluud­haanis, “Haadhaa fi abbaan dhalatoota isaaniif Waaqa biratti itti-gaafatamum­maa qabu. Yoo ijoolleen isaanii kaayyoo balaa akkasii qabuuf ka’an, gorsanii dhugeeffachiisuun irraa deebisuu ma­lee, mataan isaanii kakaasanii balaaf er­guu hinqaban. Bataskaanni Ortodooksii keenyas, akkuma kana dura sochii ittisaa fi to’annoo HIV/AIDS irratti hawaasa kiristaanaa dadammaqsuun gahee ishee bahaa turte, kana booda dhimma kana irrattis xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan ni hojjetti” Jedhaniiru.
Sheek Hasan Mahaammad, godina Iluu Abbaa-Booraa irraa walga’icha ir­ratti hirmaachuuf dhufan. Isaanis gama isaaniitiin akka jedhanitti, har’a biyya keenya keessatti hoodatu hojjetamaa jira. Lammiileen kaleessa hoji-dha­beeyyii turan, IMXn gurmaa’anii hojii uummatanii abbootii br. Miiliyoonaa ta’aa jiru. IMXn kun ammoo magaalota qofa osoo hintaane, gara magaalaatti gadi bal’ataa jira. Jijjiirama guddaatu dhufaa jira.
Dargaggoonni kallattii kanaan milkaa’ina argatan duroomanii gara investarummaatti tarkaanfataa jiru. Hojii dhabeeyyii kuma hedduutti lakkaa’amaniifs, carraa hojii uumani­iru. Lammiilee bifa kanaan socho’uu barbaadaniif, har’allee mootummaan leenjii, gorsaa fi iddoo hojii kennaa jira. Haala liqii maallaa itti argatanii fi gabaa keessa itti galan mijeessaafii jira. Biyya keessatti hojjetanii guddachuuf haalli gaariin otuu jiruu seeraan ala godaanuu maaliif akka barbaachise namaaf hinga­lu. Dhugaadhumatti rakkoo ilaalchaati. Kana ammoo hunduu karaa karaa aman­tii isaa irratti hojjechuu qaba. Maangud­doota, manneen barumsaa, afooshaalee fi kanneen biroos dabalatee.
Godaansi seeraan alaa nama dhu­unfaa miidhaa godaansichi qabuuf of saaxilu darbee, maqaa biyyaa fi ka­baja lammummaa irrattis balaa inni qabu, bal’inaan olitti argisiisuuf yaalii gooneerra. Dhimma kana irratti Amb. Diinaa Muftii, Dubbi-Himaan Min­isteera Dhimma Alaa Repuubiliika Demokraatawaa Federaala Itiyoophi­yaas haasofsiifneerra.
Amb. Diinaan, miidhaa godaansi seeraan alaa qabu waa hedduun wal qabsiisanii ibsu. Turtii isaan waliin taasifneen, odeeffannoo bal’aa arganne keessaa sababa dhiphina iddootiin, kan­neen kanatti aanaan qofa gabaabsinee dhiyeessuuf dirqamneerra.
“Akkuma beekamu, har’a addunyaan biyya keenya kan ilaalu ija kaleessaatiin miti. Kaleessa, duubatti hafummaan, beelaan, waraanaan, bittaa hacuuccaan, … ture biyyi keenya kan beekamtu. Bit­taan Dargii kufee daandiin demokraasii fi misoomaa erga jalqabamee kaasee garuu, seenaan fokkisaan durii sun ji­jjiiramee, har’a Itiyoophiyaan biyyoota adunyaa dandii guddinaa saffisaa ta’e irratti argaman muraasa keessaa ishee tokkodha.
Jijjiirama kana fiduu keessatti ammoo shorri dargaggoonni tapha­tan ol’aanaadha. Humni kun, humna misoomaa har’a biyyoonni dureeyyin addunyaa dinagdeen isaaii haala naasi­saadhaan gadi bu’aa wayita jirutti, di­nagdeen biyya keenyaa dijiita lamaan akka guddatu taasisee addunyaan akka dinqisiifatu taasisedha. Amma garuu, olola kiraa-sassaabdoota guddina bi­yyaafi fayyadamummaa ummataa hin­barbanneen oofamee, dallaalota kees­saa fi alaatiin dogoggoramee godaansa seeraan alaaf yaa’aa kan jiru, humna misoomaa guddina dinaagdee fi ciminaa nageenya biyyaaf abdatamu kanadha” Jedhu Amb. Diinaan.
Godaantonni seeraan alaa hum­noota shororkeessummaa fi kiraa-sassaabdummaaf akkamiin meeshaa ta’uu danda’u?
Akka Amb. dabalanii jedhanitti, godaansi beekamtii seeraan ala adeem­sifamu kun, yeroo ammaa maqaa fok­kisaa biyyattii irraa haqamaa jiru dee­bisee kan xureessu ta’uu irratti argama. Oomishaa fi oomishtummaa guddifnee beela kaleessa mallattoo keenya ture dhabamsiisaa wayita jirrutti, waraanni kaleessa biyya keenya hammacaa ture.
Maqfamee nageenyaan bkka bu’aa wayita jirutti, carraan hojii uummatanii ittiin guddachuu magaalaattis ta’e baadi­yyaatti bal’inaan uumamaa wayita jirut­ti, carraan hojii uummatanii ittiin gud­dachuu magaalaatiis ta’e baadiyyaatti bal’inaan uumamaa wayita jirutti, moo­tummaanis kallattii hundaan gaaffiiw­wan deeggarsa dhiyaatuufiif deebii uub­saa kennaa wayita jirutti, … lammiileen godaansa seeraan alaaf hiriiruun isaanii, biyyattiin xurii fokkisaa keessaa baate sanatti akka deebitu gochuudha.
Lammiileen kun, akka Amb. Jed­hanitti, otuu bakka dhaquun ka’an hinga’in baay’een isaanii balaa garaa­garaatiin karaatti du’u. Kanneen car­raa argatanii ga’anis, biyya hormaatti rakkoolee garaa araa hanga badii lub­buu fi miidhaa qaamaaf isaan kennuuf saaxilamu. Mootummaan akkaataa deemsa isaanii waan quba-hinqabneef, yeroodhaan birmachuufii hindanda’u. Humnoota kiraa-sassaabdummaa fareen misoomaa fi farreen misooma biyya keenyaa ta’an harkatti kufaniis ergama badii raawwannaa fi nagaeenya biyyaa booressuu humnoonni kun kaayyeffa­tanii socho’an raawwachuufiif meeshaa ta’uus ni danda’u. Kun hundi godaansa seeraan alaan wal qabatee kan dhufud­ha.
Mootummaan deemsa karaa seera-qabeessaan mijeessaa osoo jiruu, godaansi seeraan alaa maaliif filatama?
“Haa ta’u malee, mootummaan akka mootummaatti, balaa godaansi seeraan alaa kun qaqqabsiisu maqsuuf, lam­miileen biyya alaa ba’anii hojjechuu barbaadan akkaataa heera motoummaa irratti mirgi bakkaa bakkatti socho’uu isaanii kabajameefitti, gosa hojii ir­ratti bobba’uuf deeman irratti leenjii ogummaa isaan horachiisu fudhatanii, shaakkallii qooqaa taasifatanii, haala qilleensaafi aadaa lammilee biyya sanaa gamanumaa beekanii karaa seera qa­beessa beekamtii mootummaa qabuun akka deemaniif haala mijeessee ture.
Yoo karaa kana deeman, motoum­maan hordofee mirga isaanii kabajsi­isaaf.” Kan jedhan Amb. Diinaa Muftii, yeroo ammaa mootummaan federaalaa rakkoo godaansi seeraan alaa qabu ir­ratti giddugaleessaa hanga gandaatti gadi bu’ee ummata kan hubannoo qab­siisuu fi lammiilee biyyoota alaatti rak­koolee garaagaraa keessa galan kara dippiloomaatawaa ta’een tattaafatee gara biyyaatti deebisu, … komiishinii Ob. Dammaqaa Mokonnon Muummi­cha Ministeeraa Itti-Aanaan durfamu hundeessee sochiitti akka galu taasi­seera. Sochiin bifa kanaan jalqabames, bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa kan jiru yoo ta’an, ADWUI fi mootummaa fed­eraalaa, dhimma yaaddessaa ta’aa dhufe kanaaf, gara fuuladuraa keessa furmaati bu’uura hanga kennamutti nageenya lammiileef jecha, yeroodhaaf ittisa deemsaa taasisuuf kan dirqame ta’uus dabalanii nutti himaniiru.
Nutis, jalqabbiin kun tumsa qaamo­lee hundaatiin bu’a-qabeessa akka ta’u abdii qabnu ibsaa, dhimma kana irratti qophii marroo sadiif qindeessine asir­ratti goolabna.