Gamaaggama Raawwii KGT Bara 2003 fi Hoggansa DhDUO/ADWUI kutaa 2 ffaa

Hojii KGT bara 2003 irratti gamaaggama koreen Giddugaleessaa DhDUO adeemsise irratti qophii qindeessine kutaa xumuraa akka kanatti aanutti dhiyeessina.

Barreefama keenyaa darbee irratti kutaa jalqabaa dhiyeessuu jalqabne, hoggansa ol'aanaa Dh.D.U.O irratti, hoggansaafi naamusaa waliin wal qabatee qorannoo adeemsifameen, tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhataman, Ob. Isheetuu Dassee, Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu, Koreee Giddugaleessaa Dh.D.U.O fi Hogganaan Waajjira Giddugaleessaa Dh.D.U.O kan nuuf ibsan bu'uura taasifachuun ture.

Marroo kanas, ibsa hogganaa kanaafi odeeffannoo gabaasa gamaaggama Koree Giddugaleessaa Dh.D.U.O irratti hundaa'uun itti fufna.

Akka Ob. Isheetuun itti fufuun nutti himaniifi gabaasa hojii KGT bara 2003 irrattis argisiifametti, guddina dinagdee biyya tokkoo keessatti, investimantiin shoora olaanaa taphata. Akka biyyaafi naannoo keenyaattis wayita ilaalluu, investimantiif haala mijaa'aatu jira.

Haala mijaa'aa kanatti fayyadamuudhaan, misoomni investimantii naannoo keenya keessatti haala fooyya'aafi ammayya'aan babal'atee, abbootiin qabeenyaa, lammiiwwaniifi biyyi fayyadamoo akka ta'an gochuuf, gama mootummaatiin seerotni, qajeelfamootniifi danbiiwwan ba'anii akka hojii irra oolan, rakkoowwan kallattii kanaan jiranis, yeroo yerootti qorachuudhaan sirreessaa deemuuf yaalii barbaachisaan godhamaa tureera. Bu'aalee gaggaariinis galmaa'aniiru.

“Keessattuu, kallattii ijoon karoora keenya keessatti qabame inni tokkoofi isa guddaan, galma ga'iinsa KGTn, dinagdee industiriin durfamu haala mijeessuudha” kan jedhan Ob. Isheetuun, kana keessattis shoorri abbootii qabeenyaa baay'ee guddaa akka ta'e eeru.

Akka Ob. Isheetuun jedhanitti, hanga ammaatti, abbootiin qabeenyaa bal'inaan socho'aa kan turan hojii tajaajila kennuu irratti ture. Sochii kana dhawaataan gara industiriitti ceesisuuf tattaaffiin haala mijeessuu taasifamaa tureera. Gama kanaan, guddinni itti fufiinsa qabu akka galmaa'uuf abbootiin qabeenyaa biyya keessaa gara industiriifi maanufaakcheriingiitti akka ce'aniif, hojiin isaaniin jajjabeessuu bal'inaan taaasifamaa tureera. Gara fuulduraafis, xiyyeeffannaa ol'aanaan kennamee kan irratti hojjetamu ta'a.

“Akkuman olitti jedhe, guddinni dinagdee amansiisaafi itti fufiinsa qabu dhufuu kan danda'u, gara misooma industiriifi maanufaakcheriingiitti ce'uun yoo danda'amedha. Sochiin misooma industiriifi maanufaakcheriingii ammoo wabii guddina keenya gara fuulduraa ta'uu kan danda'u, caalmaadhaan, abbootii qabeenya biyya keessaatiin yoo adeemsifamedha. kana waan ta'eef, dhimmi abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuu, xiyyeeffannaa guddaan kennameefii irratti hojjetamaa kan jirudha” jedhu, Ob. Isheetuun.

Karaa biraas, akka hogganaan kun jedhanitti, abbootiin qabeenyaa sochii gama kanaan taasifamutti fayyadamanii karaa qaxxaamuraan duroomuuf kaatan daandiin kun kan isaan hinbaafne ta'uu beekanii gara abbaa qabeenyummaa misoomawaatti akka deebi'an ta'uu qabu ejjannoo jedhuun, akka dhaabaattis ta'e mootummaatti sochii cimaan adeemsifamaa jira.

Sochiin investimantii kallattii sirriifi sirrii qofa ta'een, keessattuu, magaalotaafi naannawa isaaniitti, akkaataa abbootii qabeenyaa misoomawoo, biyyaafi lammiiwwan fayyaduun adeemsisuuf, gama mootummaatiin sochiin jijjiirama fida jedhamee itti amanamee bara raawwii KGT 2003 adeemsifamaa kan tureefi deemsichi bara KGT 2004ttis ciminaan akka itti fufuuf xiyyeeffannaan kennamee irratti hojjetamaa kan tureefi ammas hojjetamaa kan jiru ta'uu gabaasa gamaaggama Koree Giddugaleessaa DhDUOtiif dhiyaate irraa hubachuun ni danda'ama.

Akka gabaasicha irratti dhiyaatetti, hojiiwwan bulchiinsa gaarii, investimantii, … naannawoota magaalota naannoo keenyaa irratti jijjiirama bu'uuraa karooricha galmaan ga'uuf humna uumu argamsiisuuf hoggantootni sadarkaan jiraniifi miseensotni dhaaba keenyaa adda durummaan socho'anii, qaamolee abbootii gaheefi ummata akka irratti hiriirsaniif, hojiin hubannoo qabsiisuufi ga'umsa guddisuu sadarkaa sadarkaan hojjetamaa tureera, hojjetamaas jira.

Akkaataa kanaan, akka gabaasicha irratti dhiyaatetti, qaamoleen kunneen, muuxannoowwan gaggaarii kallattii kanaan galmaa'an qabatanii, babal'isuufi hojii irra oolchuuf mariiwwaniifi leenjiiwwan qorannaan walqabataniin, hudhaalee tarsiimichaa adda baasanii furmaata kaa'aa akka deeman taasisuuf tattaaffiin taasifamaa tureera. Miseensotni dhaaba keenyaa magaalota keessatti hundee dhaabaatiin jalatti gurmaa'anii jiran 418465 deemsa kana keessatti shoora ol'aanaa akka qabaatan taasifamaa jira.

KGT keessatti iddoo guddaafi bal'aan kennameef, hojii misooma baadiyaa raayyaa gurmaa'eefi ijaarameen adeemsisuuf sochii taasifamaa ture ilaaluutti wayita deebinu, ammas, kan Ob. Isheetuun nutti himan giddugala odeeffannoo keenyaa ta'a.

Raayyaan misoomaa raayyaa jedhamuu kan danda'u, akka ibsa Ob. Isheetuutti, hudhaalee kana dura isa irra turaniifi hojii keessattis isa mudatan irratti qabsaa'ee furmaata kaa'aafii deemuu kan danda'u yoo ta'edha.

Kanaafis, ga'umsa raayyaa misoomaa cimsuuf, TMGB hojii irra oolchuudhaan galma misoomaa KGT keenya keessatti qabame milkeessuuf, dursaadhaan ilaalchotni deemsa misoomaaf gufuu ta'an maal maal akka ta'an adda baasuudhaan, leenjii bal'aan akka irratti kennamu taasifameera, akka Ob. Isheetuun addeessanitti.

Rakkoolee gama ilaalchaan mudatan qofa osoo hin-taane, rakkooleen dandeettii gama hoggansaa, ogeessaafi qonnaan/horsiisee-bulaatiin mul'atan hiikuuf, hudhaalee dhiyeessii maqsuuf gaheen hoggansaafi gaheen ummataa adda bahee bara 2003tti leenjiin bu'uuraa bal'inaan irratti kennameera.

Leenjichi, akka ibsa Ob. Isheetuutti, wayita tokko qofa kennamee kan isaan dhaabbatu osoo hin-taane, deemsa TMGB hojii irra oolchuu keessatti, leenjiiwwan deemsicha cimsaniifi ga'umsa, gurmaa'inaafi ijaarsa raayyaa misoomaa jajjabeessaa deemanis itti fufiinsaan ni kennamu.

Kana ilaalchisuunis, “Hojii qonnaa keessatti, hudhaalee gurguddaan nu qunnamaa turaniiru. Isaan keessaas, tattaaffiin godhamullee, TMGB yeroo tokkoon hawaasa bira hin-ga'u shakkiin jedhu bal'inaan ni ture. Teeknoolojiiwwan misooma qonnaa haarawoo yeroo yerootti ba'an, qonnaan/horsiisee bulaan battalumatti hojii irra oolchee fayyadamaa ta'uu hin-danda'u, ilaalchi jedhus deemsichaaf gufuu ta'aa tureera.

“Itti-fayyadama xaa'oo ilaalchisees, sababootni xaa'oon gatiin isaa dabalera, yeroo qonnaa eegnee fudhanna. liqiin yoo nuuf kenname malee maallaqa ittiin bitannu hin-qabnu, … kanneen jedhan rakkoolee ilaalchaa bal'inaan mul'ataa turanidha.

“Haa ta'u malee, dhaabni keenyaafi mootumman, kallattii kanaan qabsoo cimaa taasisaniin, ilaalchi ummataa kun jajjiiramee, itti fayyadama xaa'oo irratti hubannoo akka horatu, xaa'oo dursee bitachuun hojii qonnaaf akka qopheeffatu, mataan isaa wantoota naannawa isaatti argaman irraa qopheeffatee akka itti fayyadamuu eegalu taasisuun danda'amaa jira” jedhu Ob. Isheetuun.

Bara 2003tti raawwii KGT keessatti xiyyeeffannaa ol'aanaadhaan leenjiinis irratti kennamee, shaakala yeroo bonaatiin, yeroo qonna gannaa raayyaadhaan bal'inaan irratti hojjechuuf yaadamee kan ture, hojii kununsaafi misooma qabeenyaa uumamaati. Haa ta'u malee, gama kanaan bal'inaan irratti hojjetamullee, bu'aan yaadame guutummaatti argameera jedhanii afaan guutanii dubbachuun kan nama rakkisu ta'ullee, bara 2004tti gama kanaan qophiin fooyyaa'aafi kan duraa irra caalmaa qabu taasifamaa jira.

Bishaan naannoo keenyaa bara 2003tti misooma jal'isiif oolchuuf sochiin taasifame karooraa ol raawwii argachuu isaa kan eeran Ob. Isheetuun, kunis gara naannoo bishaan itti argamu hundaatti muuxannoo kana babal'isuun oomishaafi oomishutmmaa guddisuuf bakka bu'iinsa kan hin-qabne ta'uu kan mul'isedha.

Naannawoota tajaajilli misooma jal'isii bal'inaan itti hojii irra oolutti rakkoon ilaalcha itti-fayyadama teeknoloojii qonnaa/itti-fayyadama calla-guddiftoota akka sanyii filatamaa, xaa'oo, …/waan mul'atuuf, kana irratti xiyyeeffannaa kennuudhaan, bara oomishaa 2004tti hojii fooyya'insa qabu hojjechuun gaaffii isa duraa ta'uun isaa dhugeeffannaa kan argatedha.

Akkuma armaan olitti caqasame, karoora hojii bara kanaa keessatti, hojiin misoomaafi eegumsa qabeenya naannoo xiyyeeffannaa ol'aanaan kan kennameef ta'uus, hogganaan kun ni dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, afa humnoota uumamaa/aduu, qilleensa, rooba, lolaa, …/fi tuttuqaa namaatiin xaa'oon uumamaa isaa badee dhiqamaaf saaxilame deebisanii misoomsuudhaan fayyadamaaf oolchuun, dhimma karoora bara kanaa keessatti xiyyeeffannaa ol'aanaa kennameefidha.

Oomishaafi oomishtummaa seektara qonnaa dachaan dabaluudhaan “Shoorri seektarichi guddina dinagdee biyyattii keessatti qabu cimaa akka deemuufi waggoota shanan raawwii KGT keessattis ta'e waggoota shanan sanatti aanan keessa haala industiriin dursa dinagdee biyyattii itti fudhatu mijeessuuf qophii bal'aadhaan itti deemamaa jira.” jedhu Ob. Isheetuun.

Humnootni tokko tokko akkaataa deemsa armaan olitti caqasameetti, karoorichi akka galma hin-geenyeefi industiriinis dursa dinagdee fudhachuu akka hin-dandeenye kan odeessan ilaalchisuunis, “Humnootni kun, karoorichi galma hin-ga'u jedhanii odeessuu malee, maaliif galma ga'uu hin-danda'u? gaaffii jedhuuf deebii hin-qabani.

“Sochiiwwan dhaaba keenyaafi mootummaan qindoominaan adeemsisaa jiran irratti hundaa'uudhaan, karoorichi shakkii malee akka galma ga'u ibsuun ni danda'ama. Sochiiwwan kunneen keessaa kanneen ijoo ta'an eeruunis ni danda'ama.

“Akkuma beekamu, misoomni industirii uumamuu kan danda'u humna ykn annisaan (Energy) jiraachuu isaa irratti hundaa'eeti. Akkaataa kanaan, biyyi keenya bishaan laggeen gurguddaa qabdu irraa, waggoota shanan KGT keessatti humna bishaan irraa maddu (haayidroo Elektiriik paaworii) meegaa-waatii 8000 hanga 10000 ta'u maddisiisuuf karoorfattee irratti hojjetaa waan jirtuufi maddisiisuun waggoota shanan boodas kan itti fufu waan ta'eef, gara guddina dinagdee industiriin durfamuutti ce'uu irraa wanti nu ittisu hin-jiraatu.

“Misooma industiriif bu'uura kan ta'u inni lammaffaan, diriirfamuu caasaalee bu'uura misoomaati. Keessattuu, giddugaleessa biyyattii magaalota fageenyaan naannawa daangaa irratti argaman waliin tajaajila geejjibaan wal qabsiisuuf, daandiiwwan gurguddaafi sadarkaalee garaagaraa qaban hojjechuudhaan, sarara baaburaa diriirsuuf, hojiin karooraan jalqabamee adeemsifamaa jiruufi jalqabamuuf haalli mijeeffamee itti deemamaa jiru bal'aadha.

“Inni kanbiraan, hoj-maata qunnamtii (koomunikeeshinii) ammayyaa'aa diriirsuunis misooma industirii dhugoomsuuf seentuu (Input) murteessaa tokkodha. Gama kanaanis, biyyoota addunyaa waliin walitti dhufeenya wal irra hin-citne taasisuuf, haala gabaa addunyaa guyyaa guyyaa hordofuuf, addunyaa waliin haala itti fufiinsa qabuun wal jijjiirraa odeeffannoo taasisuuf, … yeroo raawwii KGT waggaa jalqabaa kanatti haala gaariin bu'uurri buufameera jechuun ni danda'ama.

Haaluma kana fakkaatuun, akka hogganaan kun jedhanitti, misooma industiriif ka'umsa ta'uun isaa kan qabatamaan mul'ataa jiru babal'ina IMX ti.

Kana ilaalchisuunis, “Babal'inni IMX, keessattuu teeknolojii ammayyaatiin deeggaramee, hordoffiifi deeggarsi mootummaatiin, … yoo adeemsifame, magaalota keessaa hojii dhabdummaa isa madda hiyyummaa ta'e hir'isuun ni danda'ama. Lammiiwwan hojii uummataniin jijjiirama jireenyaa akka gonfatanis ni taasisa.

“Kana waan ta'eef, deemsa hanga ammaatti, faayidaa IMXn lammiiwwaniif argamsiise irraa hubannoo jajjabeessaa horatameen, akkasumas, guddina gara industiriitti taasifamuuf riqicha ta'uun isaa dhugeeffatamee, lammiiwwan IMXn fiixa-ba'iinsa argatan gara hojiiwwan investimantii bifaafi sadarkaa garaagaraa abaniitti ceesisuuf socho'amaa tureera. Lammiiwwan kallattii kanaan gurmaa'anii hojjechuuf fedhii qabaniifis, leenjii qopheessuun, iddoo hojii kennuun, gabaatti akka galan deeggaruun, haala liqii maallaqaa ittiin argatan mijeessuun, … mootummaan wanta isa irraa eegamu raawwataa tureera. Bu'aa gaariinis argameera, argamaas jira” Jedhu, Ob. Isheetuun.

“Abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi alaa, haala fedhii isaaniifi qajeelfama mootummaa wal simsiisuun, hojii misooma investimantii irratti bal'inaan hiriiranii, misooma industirii dhugoomsuuf shoora isaan irraa eegamu gumaachuu akka danda'aniif, gama mootummaatiin hojiin qaamolee kana dadammaqsuu, deeggaruufi hojii irratti bobbaasuu akkaataa haala gaariin jalqabametti cimee kan itti fufu ta'a.

“Egaa, kana hunda qabanneeti, karoorri keenya akkaataa galma kaa'ameefiitti fiixa-ba'iinsa argatee, misoomni industirii dursa dinagdee biyya keenyaa fudhachuu ni danda'a jennee, kutannoodhaan irratti tumsa gochaa kan jirru” jedhu Ob. Isheetuun.

Turtii Ob. Isheetuu waliin taasifne kanaan, wantoota hedduu irratti gaaffii isaaniif dhiyeessinee, isaanis deebii bal'aa nuuf kennaniiru. Seektaroota mootummaa keessatti hojiilee hojjetamaa turan kan isaan nuuf ibsan keessaa muraasa haa ilaallu.

Akka ibsa nuuf kennameetti, gama seektara barnootaan hojiilee gurguddaan kan akka paakeejii qulqullina barnootaa mirkaneessuu hojii irra oolchuuf leenjiiwwan babal'aan gaggeessitoota barnootaa irraa kaasee, barsiisotaaf, barattootaafi maatii barattootaaf haala milkaa'ina qabuun kennamaa tureera.

Jalqabbiin kun, bu'a-qabeessummaan isaa qabatamaan mul'achuu eegaleera. Ka'umsa kanaan, manneen barnootaa modeelota ta'anii ba'an mul'achuu eegalaniiru. Qabxii barataa fooyyeessuu, qalqullina barnootaa mirkaneessuu, … kan jalqaban ni jiru. Kunis, jabina tokkodha.

Gama seektara fayyaatiinis, akka ibsa nuuf kenname irraa hubatamutti, tajaajila seektarichaa cimsaafi daran fooyyessaa deemuuf, sagantaalee garaagaraa irratti qaamolee hoggansa ol'aanaa irraa eegalee sadarkaa sadarkaan hanga hojjetaa ganda irratti argamuufi ummata tajaajilamaatti leenjiin ga'umsa ogummaafi tajaajiltootaafi hubannoo hawaasaa cimsu kennamaa tureera. Sagantaa paakeejii ekisteenshinii fayyaa 16n haala bu'a-qabeessummaan isaa yeroo gara yerootti dabalaa deemuun hojii irra oolchuuf sochiin taasifamaa ture, ciminaan akka itti fufuufi bu'a-qabeessummaan isaas hubannoo hawaasaa daran cimsuu waliin xiyyeeffannaan kennameefii irratti hojjetamaa tureera. Gara fuuladuraafis, hojii TMGB raayyaan hojii irra ooluufi hirmaannaa bal'aa hawaasa tajaajilamaatiin daran cimee kan itti fufu ta'a.

Yeroo raawwii KGT bara 2003 keessa hawaasni horsiisee-bulaa naannawa hanqina roobaa qabu jiraatu, sababa caamsaatiin balaa hamaan akka isa hin-arganneef, gama mootummaatiin, dursaadhaan qophiin taasifamee waan tureef, caamsaa cimaan jiraatullee, lubbuu lammiiwwanii irratti balaan qaqqabe hin-turre. Qophiin dursaadhaan taasifame, baraaramuu lubbuu lammiiwwaniif bu'aa argamsiisuun isaa, gara fuulduraafillee piroojektiiwwan bishaanii jalqabaman irratti mootummaafi hawaasichi wal-ta'insa cimaadhaan hojjechuu akka qaban akeekkachiisee, barnootas kaa'ee kan darbedha, akka Ob. Isheetuun dabalanii addeessanitti.

Walumaagalatti, ibsi Ob. Isheetuu irraa argannes ta'e, bu'aan gamaggama raawwii KGT bara 2003, sochiin waggaa jalqabaa kun caalmaadhaan bu'a-qabeessa ta'aa akka deemu, hoggansi Dh.D.U.O. deemsicha keessatti kennaa tureefi hirmaannaan miseensotni dhaabaa seektara hundaa keessatti adda-durummaafi fakkeenyummaan taasisaa turan ammas cimee akka itti fufu, leenjiin haala yeroofi sadarkaa deemsichi irra ga'e waliin walgitee ga'umsa raawwachiisummaafi raawwattummaa cimsu itti fufiinsaan kennamuu qaba.

Hawaasni keenya har'as akkuma kaleessaa aadaa nageenyaafi jaalalaan waliin jireenya isaafi wal-dandeettii amantiiwwan isaa eeggatee, humnoota shororkeessitoota irratti qabsoo gamtaa finiinsaa guddina irratti guddina galmeessaa akka deemu, … ejjannoo cimaa kan qabsiisu waan ta'eef, hoggantootni, miseensotni, deeggartootnii dhaaba keenyaafi ummatni bal'aan marii irratti adeemsisuun hubannoo bal'aa akka irraa argatan abdii ni qabna.

 

 

 

 

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO How to play lords of the rings online