Oomishaafi oomishtummaa dabaluuf xiyyeeffatamee hojjetama

 

Kallattiiwwan bu'uuraa karoora guddinaafi tiraansifoormeeshinii waggaa shanii fiixaan baasuuf, hundi gahee irraa eegamu akka bahu waamichi dhiyaate.

Miseensa koree hojii raawwachiistuufi itti gaafatamaa ijaarsa waajjira giddu galeessaa Dh.D.U.O. Ob. Bazzuu Waaqbeekaa galmawwan karoora guddinaafi tiraansifoormeeshinii waggaa shanii (2003-2007) kaa'aman bu'a qabeessa taasisuuf kallattii hojii bara kanaa (2004) ilaalchisee ibsa kennaniin; “Karoora keenya waggaa shanii milkeessuuf hojiiwwan bara isa jalqabaa xumurree waggaa lamaffaatti ceeneerra. Hojiiwwan bara kanaa keessatti kallattiiwwan hojii bonaa keessatti misooma jallisiifi kunuunsa eegumsaafi misoomni qabeenya uumamaa bal'inaan ni gaggeeffamu jedhaniiru.

Hojiiwwan bona kana adeemsifamaniin oomishaafi oomishtummaan qonnaan bulaa akka dabalamuuf xiyyeeffatamee kan hojjetamu waan ta'eef, kana bu'a qabeessa taasisuudhaafis tarsiimoo muuxannoo gaarii karaa guutuu ta'een fayyadamuufi raayyaa misoomaa gurmaa'een kutannoodhaan hojjechuu barbaachisa. Hojiiwwan bonaa adeemsifaman keessattis raayyaa misoomaa hojii qonna gannaatiif qopheessuu irratti bu'uureeffachuunis dhimma xiyyeeffannaa kennamuuf ta'uusaa Ob. Bazzuun himaniiru.

Kallattiiwwan hojii bonaa fiixaan baasuuf gaggeessaan, ogeessi, hojjetaaniifi qonnaan/horsiisee bulaan hundi, hojiiwwan kunneen irratti xiyyeeffatee gahee isaa gumaachuu akka qabus caqasaniiru.

Waggoottan darban keessatti, Dhaabbatni Demokraatawaa Ummata Oromoofi kan isaan hogganamu Mootummaan Naannoo Oromiyaa, naannichatti hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii si'achiisuudhaan jijjiirama qabatamaa argamsiisuuf sochiiwwan gaggeeffamaa turaniin guddina dinagdee walitti fufiinsaan galmeessisuu danda'ameera.

Hojiiwwan bu'a-qabeeyyii jalqabaman kunneen daran cimsuu fi fufsiisuudhaan fedhii misoomaa ummata bal'aa guutuu kan dandeessisu karoorri guddinaafi tiraansifoormeeshinii waggaa shanii (2003-2007) qophaa'ee hojii qabatamaa keessa erga seenamee, waggaa isa jalqabaa xumurree waggaa lammaffaa eegalleerra.

Waggaa isa jalqabaa (2003) KGT dabarsine keessatti hojiiwwan hojjetamaa turaniin, ciminootaafi hanqinoota mul'atan adda baasuufi kallattiiwwan hojii bara 2004 irratti akka naannootti tibbana magaalaa Adaamaatti mariin gaggeeffameera.

Hojiiwwan bara darbe gaggeeffamaa turan keessatti hanqinootni tokko, tokko haa mul'ataniyyuu malee hojiiwwan bu'a-qabeeyyii ta'an bal'inaan hojjetamaniiru. Bu'aawwan jajjabeessoonis argamaniiru. Kallattiiwwan karoora hojii bara kanaa irrattis marii adeemsifameen, caasaaleen dhaabaafi mootummaa sadarkaa, sadarkaadhaan jiran hubannoo walfakkaataa akka qabaataniif haalli mijaa'aan uumameera.

Kutaan qophii keenyaas kanuma ilaalchisuun miseensa koree hojii raawwachiistuufi itti gaafatamaa ijaarsa dhaabaa waajjira giddu-galeessaa Dh.D.U.O. Ob. Bazzuu Waaqbeekaa dubbisneerra.

Isaanis ibsa kennaniin; “Bara darbe KGT waggaa shanii keenya kallattii kaa'ameen galma akka ga'u, tarsiimoo muuxannoo gaarii babal'isuufi hojiiwwan raayyaa misoomaa cimsuu xiyyeeffannaa ol'aanaan irratti kennamee hojjetameera. Hojiiwwan kunneen, humnoota misoomaa sadeeniin, dhaabaa, mootummaa fi ummatni raayyaa misoomaa gurmaa'een fiixaan baasuuf hojii qabatamaa keessa seenanii, sochii walirraa hin-citne taasisaa turaniiru.

“Sochiiwwan taasifamaa turan keessattis, ciminootaafi hanqinoota mul'atan adda baasuudhaan, hojiiwwan kallattii sirrii qabsiisuu hojjetamaniiru. Kanneen keessaas, bara jalqabaa (2003) KGT waggaa shanii keessatti hojiiwwan tarsiimoo muuxannoo gaarii babal'isuu akkaataa barbaadamuun akka raawwtamu, gaggeessitoota sadarkaa adda addaa irratti argaman, ogeessota, qaamolee abbootii gaheefi qonnaan/horsiisee bultootni maalummaafi faayidaa tarsiimoo bal'isuufi ijaarsa raayyaa misoomaa ilaalchisee mariiwwaniifi leenjiiwwan bal'inaan gaggeeffamaniiru.

“Kana malees KGT galmaan ga'uu keessatti, rakkoolee ilaalchaa, dandeettiifi dhiyeessii qunnamuu danda'an maqsuudhaan, karoorri waggaa shanii galma akka ga'u hubannoon walfakkaataa akka jiraatuufi hundi raayyaa misoomaa tokko ta'ee kutannoodhaan gahee isaa bakka ba'u mariifi leenjiin walitti fufiinsaan kennamaa tureera. Kanaaf waggaa jalqabaa KGT keessatti qophii bal'aan taasifameera.” jedhaniiru.

Akka ibsa Ob. Bazzuutti, hojiiwwan bara darbe keessatti qonnaan bulaan keenya hubannoofi beekumsa leenjiidhaan argateetti fayyadamuudhaan, ijaarama tokko shaniin, seeliidhaan garee misoomaafi hundee dhaabaadhaan waliin mari'achuufi hojii idilee isaatiin wal deeggaruu jalqabeera. Qonnaan bultootni adda dureenis, hundi ta'uu baatullee, hedduun isaanii, paakeejii qonnaa, callaa guddistuufi sanyii filatamaa dhiyaatan, hundi karaa saayinsaawaa ta'een kan fayyadaman ta'uu baatuus fooyya'umsi gaarii argisiisaa jiru. Qonnaan bulaan leenjicha booda, lafa qonnaa qopheessuufi sararaan facaasuu irratti kan kanaan duraa irraa yeroo ammaa dandeettii isaa cimsataa fooyyeffataa jira.

kanaafuu, karoora bara kanaa keessatti, qonnaan/horsiisee bulaan keenya dandeettii leenjicha irraa argateefi itti fayyadamuus jalqabetti karaa guutuu ta'een akka itti gargaaramu ni taasifama. Kanaafuu gaggeessaan, ogeessiifi hojjetaan sadarkaa hundatti argamu kan SMSn qindoomes ta'e kan hin-qindoomin, hunduu kutannoodhaan hojii qabatamaa keessa galee qonnaan/horsiisee bulaa deeggaruu akka qabu kan eeran Ob. Bazzuun, caasaaleen hundi hojiiwwan hojjetaman hunda keessatti wal hubatanii, qindaa'anii waan jireenya qonnaan/horsiisee bulaa jijjiiruu danda'u irratti tumsanii hojjechuu akka qabanis ibsaniiru.

Ob. Bazzuun itti fufuudhaan, “Akka karoora bara kanaatti , kallattiin hojii bonaa oomishaafi oomishtummaan keenya akka dabalu gochuudhaan muuxannoo shaakallii yeroo hojii kanaatti horatamuun hojii qonna gannaaf qophii cimaa taasisuudha. Kanaafuu, hojii bonaa keessatti, misoomni jal'isii xiyyeeffannaadhaan kan hojjetamu yommuu ta'u, kunuunsa, eegumsaafi misoomni qabeenya uumamaafis humna qabnu hunda duguugnee fayyadamuudhaan bal'inaan gaggeeffama. Hojiiwwan bonaa hojjetaman keessatti raayyaa misoomaa hojii qonnaa gannaatiif qopheessuu irratti bu'uureeffachuunis, dhimma isa ijoodha.” Jedhaniiru.

Ibsa Ob. Bazzuu irraa akka hubatameetti; kallattiiwwan hojii bonaatiif dhimmoota xiyyeeffannoon kennameef hundi, oomishaafi oomishtummaa dabaluudha. Kanaaf ammoo tarsiimoo muuxannoo gaarii babal'isuufi raayyaa gurmaa'een kutannoodhaan hojjechuun murteessaa dha. Sirna deeggarsaafi hordoffii cimaa ta'e diriirsuu, hojiiwwan hojjetaman gamaaggamuu, ciminootaafi hanqinoota adda baasuu, ragaa sirrii ta'e qabachuufi madda hanqinootaa qoratanii hiikaa deemuunis hojiiwwan xiyyeeffannaa barbaadanidha. Kanaafuu, hojiiwwan kunneen irratti xiyyeeffatamee hunduu gahee isaa gumaachuutu irraa eegama.

 

 

 

 

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO How to play lords of the rings online