Hojii Bonaaf Qophii Bal'aan taasifamaa jira

Naannoo Oromiyaatti, hojii bonaa bara KGT 2004tiif qophii bal'aan taasifamaa akka jiru Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Karoora hojii misoomaa bara kanaa irratti marii adeemsifameefi orenteeshinii kenname ilaalchisuun, sadarkaa Pireezidaantii Itti-aanaatti, Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Ob. Zalaalam Jamaanee ibsa tibbana nuuf kennaniin, hojii bonaa bara kanaatiif yoomiyyuu caalaatti xiyyeeffannaan kennamee itti deemamaa kan jiru ta'uu eeraniiru.
Akka hogganaan kun jedhanitti, hojiin qonna bona kanaa hojii bal'aa gannaa itti aanuuf shaakallii ce'umsaa waan ta'eef, karoora isaa irrati marii, orenteeshiniifi leenjii bal'aan himna namaa guddaa hammatu adeemsifameera. Keessattuu, misooma qabeenya uumamaafi itti fayyadama bishaaniitiif ilaalcha caalmaa qabu kennuudhaan kan irratti socho'amu ta'uun beekameera.
Bara kana, hojiin bonaa waliigala naannoo Oromiyaatti adeemsifamu kan kana duraa caalaatti fiixa-ba'eessa akka ta'uuf, leenjiifi orenteeshinii bal'aan sadarkaa sadarkaan kan kennamu ta'uu isaa Ob. Zalaalam eeranii, misoomni jal'isii aadaa, jal'isii ammayyaa, jallisii paampii harkaa bishaan boollaa, … bal'inaan hojii irra oolee lafa hekt. miil. tokkoo ol misoomsuuf itti adeemamaa kan jiruufi kana waliinis, tokkoon tokkoo gandoota Oromiyaa mara keessatti, misoomni sululaa lafa hekt 500 ol irratti akka adeemsifamuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru.
Hojii misooma qabeenya uumamaa irrattis, xiyyeeffannaa kennameen, yeroo hojii bonaa kanatti, biqiltuu mukaa gosa garaagaraa Biil. 4 ol dhaabamuuf qophiin taasifamuu isaa Ob. Zalaalam eeranii, qaamoleen misoomaa sadeen/dhaabni, mootummaafi hawaasni yoomiyyuu caalaatti tumsa gamtaa'e gochuudhaan, hojichi akkaataa karoora qabameetti akka galma ga'uuf kan isaa irra eegamu hunda akka gumaachan waamicha isaanii dabarsaniiru.
