Qabsoo Magaalotatti Gochoota Kiraa Sassaabdummaa Irratti Taasifamu

Har'a rakkoo guddaan addunyaa keenyaaf yaaddessaa ta'aa jiru, gocha walxaxaa kiraa sassaabdummaan raawwatamudha. Gochi kiraa sassaabdummaa faayidaa namoota ykn gareewwan muraasaa eegsisuuf, hawaasa bal'aa jireenya gadadootiif kennudha.

Naannoo keenyattis, ijaarsi demokraasiifi bulchiinsi gaarii akka hin milkoofneef, misoomni ariifataan bal'inaan jalqabame fiixa-ba'iinsaan akka galma hin-geenyeef, tajaajilootni ammayyaa'oon akka hin-babal'anneef, kiraa sassaabdummaan tooftaalee garagaraatiin gocha gufachiiftummaa raawwachuu irraa duubatti hin-jenne.

Keessattuu, gochi yaaddessaan kun, yeroo ammaa, magaalota keenya keessatti hidda naqatee, namootni muraasni ummata tajaajiluuf waadaa galanii, ummatnis amaanaa guddaa isaan irra kaa'ee, muudama sadarkaalee adda addaa kenneef, ilaalcha kanaan qabamanii, tajaajilaa ummataa osoo hin-taane, faayidaa dhuunfaa irratti xiyyeeffachuu giddugala taasifatanii, tajaajila isaan kennan caalaatti, miidhaan isaan qaqqabsiisan madaallii kaasuu irratti argama.

Gocha faallaa ijaarsa demokraasiifi sochii misoomaa kana irratti qabsaa'uun dhabamsiisuun ammoo gaaffii yeroo dhaabaafi mootummaan keenya xiyyeeffannaa ol'aanaa kennaniifidha. Kiraa sassaaabdummaa baatanii, KGT galmaan ga'uuf socho'uun waan hin-danda'amneefi.

Akkaataa kanaan, magaalota naannoo Oromiyaa keessatti dhiibbaa kiraa sassaabdummaan sochiiwwan ijaarsa demokraasiifi bulchiinsa gaarii, hojiiwwan misoomaafi hawaasummaa irratti qaqqabsiisaa tureefi ammas qaqqabsiisaa jiru, yaaddessummaa inni mul'ata borii irratti qabu, madda isaa, tooftaalee hoj-maata isaa, akkasumas, fala gocha kanaa waliigalatti dhabamsiisuu danda'u qorachuuf, tibbana konfaransootni walfakkaatoon magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti adeemsifamaniiru. Nutis waltajjiiwwan tokko tokko irratti argamnee qabsoo farra kiraa sassaabdummaaf mariiwwan bal'inaan adeemsifaman ilaalchisuun kan qindeessine ijoo qophii keenya marroo kanaa taasifanneerra.

Waltajjiiwwan kunneen keessaa tokko konfaransii magaalaa Adaamaatti adeemsifamedha. Haala adeemsa walga'ii kanaafi dhimma ijoo mariin irratti adeemsifame Ob. Guutaa Laachoree, Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa, bal'inaan nuuf ibsaniiru. Nutis, kan kantiibaan kun nutti himan ka'umsa qophii keenyaa taasifanneerra.

Hogganaan kun ibsa isaanii, “Qorannaan bulchiinsota magaalaa adeemsifame kun kaayyoon isaa inni guddaan, dhimmoota ilaalchaafi gochoota kiraa-sassaabdummaa naannoo magaalotaatti mul'ataa jiran irratti kan xiyyeeffatedha. Kana waliinis, kaayyoon qorannaa kanaa inni guddaan, hoggansiifi hojjetaan magaalaa keessa jiru ergamaafi itti-gaafatamummaa isaa beekee, wayita itti-gaafatamummaafi ergama isaa ba'utti ammoo, wantoota akka rakkootti isa mudatan beekuudhaan adda baasee, maddi isaanii maal akka ta'e hubachuudhaan akkaataa furmaati kaa'amuuf irratti marii adeemsisuun kan jalqabamu ta'a” jechuudhaan ture kan jalqaban.

Dhimmoota kana irratti ibsa duraaf duubaan Ob. Guutaan kennan irraa akka hubatamutti, dhimmoota gurguddaa qorannoon kun irratti xiyyeeffate keessaa isa tokkoofi guddaan, dhimma kiraa sassaabdummaan wal qabatudha.

Kiraa-sassaabdummaan bakka bakkatti bifa garaagaraatiin kan ibsamu ta'uu kan eeran Ob. Guutaan, keessattuu, magaalaa Adaamaa keessatti akkaataa inni ittiin calaqqisu wayita dubbatan, “Magaalaa Adaamaa keessatti, gibira lafaa, galii gibira mootummaa, bittaa meeshaalee mootummaa, gurmaa'ina IMX, babal'ina manneen qubannaa seeraan alaa (caraqaabeet) , …. waliin haala wal qabatuunidha” Jedhaniiru.

Qorannaa kana irratti, akka hogganaan kun jedhanitti, dhimmootni armaan olitti eeraman gadi qabamanii ilaalamaniiru. Namootni baay'een ilaalcha kiraa sassaabdummaa irraa bilisa akka hin-taaneefi muraasnis gochaan kan itti galan ta'uun mirkaneeffameera.

Gara hojjetaa mootummaatti gadi bu'amee kan ilaalame keessaa gochi kiraa sassaabdummaa gama gurmaa'ina IMXtiin magaalaa Adaamaa keessatti ilaalame qabatamummaa isaatiin akka fakkeenyaatti caqasamuu kan danda'udha.

Kanas, hogganaan kun, “Magaalaa Adaamaatti, lammiileen hojii dhabeeyyii ta'an IMXn gurmaa'anii, deeggarsa guutuu mootummaan taasisuufiin, of-danda'anii, hojii ofii uummachuudhaan akka irratti bobba'an taasisuuf wayita socho'amu, hojjettootni mootummaa achi keessatti maatii isaanii gurmeessuuf yaalii kan godhaniifi gurmeessaniis hojii irratti bobbaasuudhaan hojii dhabeeyyii biroon carraa akka hin-arganne kan taasisanis akka jiran bira ga'ameera” Jedhaniiru.

Akkuma beekamu, Dh.D.U.O.fi mootummaan naannoo Oromiyaa, hojii bal'aa kallattiiwwan ijaarsa sirna deemokraatawaafi bulchiinsa gaariitiin, akkasumas, gama hawaas-dinagdeetiin sadarkaa waliigala naannootti adeemsifamu imaammatootaafi tarsiimoowwan baasanii, qaamolee raawwachiisoo, abbootii gaheefi raawwatoo leenjisuun hubannoo ergama gahee isaanii gahuu isaan dandeessisu argachiisanii, qaranii, ilaalcha deemokraatawaafi ga'umsa ogummaatiin qaranii, gareefi raayyaan ijaaranii, dhiyeessii guutuu barbaachisu yeroo isaatti qaqqabsiisanii, … ijaarsi sirna deemokraatawaafi sochiin misooma ariifataa haala itti fufiinsa qabuun akka adeemsifamu taasisaa jiru.

Magaalota naannoo keenyaa keessattis, hoj-dhabdummaa hiyyummaa lammiiwwan ijaaraattota magaalaa ta'aniif madda ta'ee ture hir'isuuf, Dh.D.U.O.fi mootummaan naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa ol'aanaa kennanii irratti hojjetaa turaniiru. Imaammatootaafi tarsiimoowwan hiyyummaa magaalota keessatti hidda naqatee ture maqsuuf ba'an hojii irra oolchuuf tooftaalee filmaata ta'an keessaa inni bu'a-qabeessa ta'ee argame, babal'ina IMXti.

Tooftaan kun hojii irra ooluun isaa, lammiiwwan miiliyoonatti lakka'aman, hoj-dhabdummaa keessaa ba'anii hiyyummaa injifachuu akka eegalan taasiseera. Kumatti kan lakkaa'aman abbootii Br. miiliyoonaa qabeenyaa bal'aa ta'aniiru. Maallaqa xinnaa walitti buufataniifi liqii mootummaan mijeesseefiin, hojii xinnaa irraa ka'anii, tattaaffii isaaniitiin fiixa-baa'iinsa abbootii maallaqa guddaafi qabeenyaa bal'aa isaan gonfachiise argachuu qofa osoo hin-taane, sochii isaanii gara investimantiiwwan babal'aatti akka ol guddifatanis isaan taasiseera.

Kunis, imaammatootniifi tarsiimoowwan Dh.D.U.Ofi mootummaa naannoo keenyaa hojii irra ooluu kan danda'an, hojii irra oolaniis ummata fayyadamaa kan taasisan, magaalotattis ta'e baadiyyaatti hiyyummaa hir'isuuf filmaata bakka-bu'iinsa hin-qabne ta'uu isaa nama qalbeeffachiisa.

Sochiin kun, gama IMXtiin, muuxannoowwan gaggaariin naannawoota murtaa'anitti argaman qindeeffamanii gara naannawoota hafaniitti akka babal'atan, deeggarsootni barbaachisoo ta'an hundi bakkaafi yeroo barbaachisu hundatti taasaifamanii, injifannoowwan lammiileefi biyya fayyadamoo taasisan tooftaalee fooyya'oofi teeknoojiiwwan ammayyaa'oon deeggaramanii guddina dachaa akka galmeessaa deemaniif xiyyeeffannaa ol'aanaan kennamee irratti hojjetamaa jira.

Deemsi kun, akkuma kallattiiwwan biroo, gama IMXtiin bu'aalee jajjabeessoo argamsiiuu irratti argama. Kun adeemsa gaarii bu'aa jireenya lammiiwwaniifi dinagdee biyyattii irratti jijjiirama fiduu kan eegale ta'uun isaa qabatamaan kan mul'atuufi addunyaan kan beekedha.

Akkaataa kanaan magaalota keessatti hoj-dhabduummaa irratti humna guddaa gurmeessuufi bobbaasuu irratti tumsa taasisamu keessatti, kiraa-sassaabdotni sadarkaa hoggansaafi hojjettoota mootummaa muraasni, bifaafi tooftaa garaagaraatiin gocha isaan raawwataa turan mirgaafi faayidaa lammiiwwan IMX jalatti socho'anii qofa irratti osoo hin-taane, hamileefi kaka'umsa lammiiwwan biroon hojii kanaaf qaban irrattis miidhaa guddaa kan uume ta'uu, Ob. Guutaan himanii, gocha Kiraa-sassaabdummaa magaalaa Adaamaatti mul'ate eeruudhaan ifa taasisaniiru.

Haaluma kana fakkaatuun, akka Kantiibaan kun jedhanitti, yakki kiraa-sassaabdummaa inni hamaan naannawa magaalaatti raawwatamu, gocha weerara lafaati. Yakki kun, bulchiinsa gaariin akka hin-dhugoomne, mirgaafi faayidaa lammiiwwanii irratti dhiibbaan akka uumamu kan taasisudha.

Akka hogganaan kun addeessanitti, hoggansi muraasniifi dallaalotni kanneen bittaafi gurgurtaa quunnamsiisan isaan waliin walitti-dhufeenya faayidaa qaban, akkasumas, namootni dhuunfaa muraasni faayidaa isaaniif hin-malle saammatanii, qaxxaamuraan duroomuuf carraaqaa turaniiru. Gocha kanaan, dhamaatii malee qabeenyaa ummataafi mootummaatiin kan duroomanis, lakkoofsi isaanii salphaa miti. Qorannoo kana irratti akka ilaalametti, namootni baay'een lafa mana jireenyaa lamaafi sadii qabachuudhaan, karaa tokko yakka saamichaa seeraan-alaatiin duroomaniiru. Karaa biraa ammoo lammiiwwan mirgaafi carraa iddoo mana jireenyaa argachuuf qaban akka dhaban taasisaniiru.

Gama galii gibiraatiin, dhiibbaa kiraa-sassaabdummaan qaqqabsiisaa tureefi har'as qaqqabsiisaa jiru ilaalchisuunis, “Galii gibira mootummaa irratti, gocha kiraa-sassaabdummaa guddaatu raawwatama. Ramaddiin kaffaltii gibiraa haqa-qabeessa hin-taane wayita taasifamus ni mul'ata. Kaffalaa gibiraa galii guddaa qabu irratti ramaddiin xinnaan, isa galii xinnaa qabu irratti ammoo ramaddiin humna isaan olii wayita taasifamu argina. Kana qofas osoo hin-taane, sassaabbii ykn guuruu gibiraa irrattis hoj-maatni iftoomaafi qulqullina hin-qabne mul'ataa jira” Jedhu Ob. Guutaan.

Galiin karaa haqaafi seera-qabeessa ta'een sirriitti yoo hin-sassaabamne, kiraa-sassabdota muraasa fedhii qaxxaamuraan duromuu qabaniif haala kan mijeessuudha. Maddi isaas, tooftaa isaan dabaan qopheeffatanidha. Namni dhuunfaa galii guddaa argatu, galii xiqqaa galchuun hojiiwwan misoomaafi ijaarsota caasaalee bu'uura misoomaa adeemsisuun, akkasumas, tajaajiloota fooyya'oofi ammayyaa'oo hawaasni bal'aan magaalaa jiraatu irraa fayyadamu babal'isuun akka hin-danda'amne karaa biraa ammoo, daldaaltotni kiraa-sassaabdummaaf haala mijeessanii, ofiifis waliin dhahaa duromuuf fiiganiif haalli mijaa'an akka uumamu taasia, akka ibsa nuuf kennameetti.

Sirriidha. Yakki kiraa-sassaabdummaa bifa kanaan magaalota keenya keessatti raawwatamu, kaffalaa gibiraa galii guddaa argatu waliin walitti-dhufeenya faayidaa irratti hundaa'een, karaa tokkoon galii xiqqaa faayidaa isaa seeraan ala daran gabbifatu taasisanii, ofiis irraa fayyadamuudha. Kun ammoo, galiin sochii misoomaa cimsee fayyadamummaa ummataafi guddina dinagdee biyyattii jajjabeessu akka hin-argamne gochuudhaan, karoora guddinaaf biyyattiin qabatteef qormaata danqaa kan ta'udha.Kana qofas osoo hin-taane, gochi kiraasassabdummaa akka yakka guddaa kan ilaalamu inni kanbiraan, kan Ob. Guutaan nutti himan irraa akka hubatamutti ramaddiin kaffaltii guddaa kaffaltoota gibiraa lammiiwwan galii gad'aanaa irratti taasifamus yakka dinagdee biyyaa, faayidaa ummataafi guddina abbootii qabeenyaa irratti raawwatamudha.

Kun ammoo, akka waliigalaatti wayita ilaalamu, kaayyoo dhaaba keenyaafis ta'e ergama bulchiinsaa mootummaan keenya qabatee socho'aa jiruuf danqaafi faallaa ta'uu isaatu hubatama. Yeroo ammaa, lammiiwwan keenya hiyyummaa bara dheeraa keessaa baasuuf, oomishaafi oomishtummaa dachaan guddisuudhaan, biyyi keenya sadarkaa biyyoota galii giddugaleessaa irra jiran irraan ga'uuf KGT waggaa shaniif qabame raawwachuutti erga seennee waggaa lammaffaa keessa jirra.

Waaltinni galii biyyattii hundi namoota galii ol'aanaa argatan harka akka galuuf, namoota galii gad-aanaa argatan gadi ajjeesuuf ramaddii kaffaltii gibiraa humna olii isaan irratti adeemsisuun, yakka kiraa-sassaabdummaa kallattiin KGT gufachiisuuf adeemsifamudha. Kaayyoon sassaabbii gibiraa iftoomaafi qulqullina hin-qabnees, raawwii gufachiiftummaan ala ibsi biraan kan kennamuuf hin-ta'u.

Bu'aa marii adeemsifame kanaas, Ob. Guuta wayita nuuf ibsan, “Namootni gocha kiraa-sassaabdummaa keessa seenanii ceephoon irratti dhiyaateefi of ceepha'an, kallattii IMX tiin lafaafi faayidaa isaaniif hin-malle saammachuun isaanii kan mirkanaa'eefi lafa magaalaa keessaafi naannawwaa lama sadiifi isaan ol fudhatanii kan of harkaa qabanis ta'e gurguranii galii isaatiin hojii adda addaa adeemsisaa jiran hanga Mudde 30/2004tti laficha ykn tilmaama isaa galii gochuudhaan raawwii kana irraa akka of qulqulleessan murteen irratti dabarfamee, isaanis akka murtechAatti raawwachuuf waliigaltee godhaniiru” Jechuudhaan nutti himaniiru.

Ob. Saadaat Mashaa, bulchiinsa magaalaa Adaamaatti, I/G Waajjira DhDUOti. Isaanis, “Magaalotni wiirtuuwwan daldalaa investimantiiwwaniifi humni misoomaa guddinaan keessatti argamudha. Kana waan ta'eef, guddina naannootiifis ta'e biyyaatiif, shoorri isaan qaban guddaadha. Kana waan ta'eef, tarsiimoon industiriifi misooma magaalaa ba'ee, guddina barbaadamu akka argamsiisuuf, sochiin hawaasa bal'aafi abbootii gahee kanneen biroo hirmaachisu irratti adeemsifamaa tureera” Jechuudhaan yaada isaanii nuuf qooduu jalqaban.

Itti aansuudhaanis, Ob. Saadaati, kaayyoofi barbaachisummaa marii kanaa ilaalchisuun akka dubbatanitti, tarsiimoo industiriifi misooma magaalaa hojii irra oolchuuf wayita tattaaffiin godhamuufi KGT raawwachuuf hojiitti seenamee yeroo jiru kanatti, keessattuu, magaalota keessatti, akka hudhaa guddaatti gochoota gufachiiftummaa raawwataa kan jiru kiraa sassaabdummaadha. Sochiiwwan bulchiinsa gaariifi hawaas-dinagdee magaalota keessatti adeemsifaman ilaalchisuun marii qorannaawaa adeemsifame kana irratti, caasaaleen dhaabaafi hoggansaa sadarkaaleen jiran, harki baay'een milkaa'ina hojii hedduu galmeessisuun isaanii kan beekamu ta'ullee, ceephoofi ceepha'ama adeemsifameen, qaamoleen caasaalee dhaabaafi hoggansaa lakkoofsi isaanii salphaa hin-taane gocha kiraa-sassaabdummaa keessaa qabaachuun isaanii ifa ta'eera.

Gocha hamaan kiraa-sassaabdummaan raawwatu ifa taasisuu ykn saaxiluu qofa osoo hin-taane, gocha kana maqsuuf falli barbaachisu maali? dhimma jedhu irrattis marii qorannaawaan taasifameera; akka Ob. Saadaat jedhanitti.

“Miidhaa kiraa-sassaabdummaan guddina biyyaafi faayyidaa ummatotootaa irratti qaqqabsiisuu maqsuuf, caasaa dhaabaafi hoggansoota ol'aanoo irraa eegalee, leenjiin sadarkaaleen kennamu barbaachisummaan isaa ol'aanaadha. Hawaasnis, yeroo ammaa hubannoo argateen, qabsoo kiraa-sassabdummaa irratti taasifamu kessatti hirmaannaa ol'aanaa argisiisaa jira” Jedhu hogganaan kun.

Bifuma kana fakkaatuun, hirmaattota marii kana keessaa I/A Hogganaa Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kan ta'an Ob. Katamaa Sobbooqaas, gochi kiraa sassaabdummaa guddina magaalotaa irratti bifa garaagaraatiin dhiibbaa uumaa kan jiru ta'uu eeranii, namoota yakkoota kanneen akka waliindhahiinsaan galiiwwan mootummaa xiqqeessuuf, kaffaltoota gibiraa waliin walitti-dhufeenya faayidaa irratti hundaa'e taasisan, namoota lafa weeraranii ittiin duroomaa jiraniifi dallaaltoota, akkasumas kanneen mana addeessa babal'isan,… waliin wal dandeettiin yakkoota walxaxoo hojjetan irratti tarkaanfii fudhachuuf kana booda leenjiin gadi bu'ee kennamuufi qabsoon hawaasa bal'inaan hirmaachisee adeemsifamu bu'a-qabeessummaan galma ga'ee, gufuu kiraa-sassaabdummaan KGT keenya dura kaa'uu danda'u akka maqsu abdiin kan jiru ta'uu ibsaniiru.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO How to play lords of the rings online