Qabsoon ilaalcha kiraa-sassaabdummaafi ilaalcha misoomawaa gidduu jiru, olaantummaa ilaalcha misooma waan xumurama
Dh.D.U.O. dhaaba kaayyoo guddina si'aa'ina /ariitii/ qabu galmeessuudhaan ummata fayyadamaa taasisu qabatee qabsaa'aa jirudha. Demokraasii, misoomaafi nageenya mirkaneessee, ummata keenyaaf carraa wal-qixxummaan misoomuufi fayyadamuu diriirsee, yeroo gabaabaa keessatti ummata biyyoota galii giddu-galeessaa qaban cinaa hawaasa keenya hiriirsuudhaaf dhaaba kutannaafi aantummaa ummataa giddu-galeessa godhatee hojjetaa jirudha.
Kaayyoo kana dhugoomsuudhaafis, dhaabni keenya duudhaalee kaayyoo kana keessaa maddaniifi ummataafi faayidaa ummataa giddu-galeessa godhatan bu'uura taasifatee hojjetaa jira. Kanarraa kan ka'e, dhaaba ummata kabaju, ummataaf jedhee wareegama kan kaffaleefi kaffalaa jiru, gufuuwwan akka ummata hin-tajaajilleef gufachiisan hadheeffatee kan jibbuufi irratti qabsaa'udha.
Wayita ammaa kana, tajaajila dhaabniifi mootummaan keenya ummataaf kennaa jirutti guufuu kan ta'e kiraa sassaabdummaadha. Har'as, qaamotni kiraa sassaabdummaadhaan qaxxaamuraan duroomuu barbaadan jiru. Qaamotni kun, haalota kiraa sassaabdummaaf mijaawoo ta'an hunda fayyadamuudhaan duroomuun otoo isaan hin-qaanessiin, daandiin badii kun akka daandii filatamaafi bu'aa qabeessa ta'e tokkotti faarsuudhaan toora misoomaa dhaabniifi mootummaan baase jala dhaabbachuudhaaf hanga isaaniif danda'ame yaalii taasisaa jiru.
Dhaabni keenyas, akkuma misooma hawwii qofaan otoo hin-taane, raawwii qabatamaa tumsa hundaatiin galmeessisaa jiru, daandiin badii kiraa sassaabdummaas hawwii qofaan osoo hin-taane, qabsoo gitaa qabatamaadhaan geggeeffamuunidha jedhee amanuudhaan hojii bal'aa hojjetaa jira.
Haala qabatamaa bakka jirtuu giddu-galeessa godhachuudhaan hangam humnoota daandii badii flatan kana irratti qabsaa'aa jirtaa? Gumaachi ati qabsoo kana keessatti gootu faayidaa hawaasa bal'aa mirkaneessee guddina biyyaa kan hariifachiisu waan ta'eef, bakka guddaa qaba.
Bu'uuruma kanaan, dhaabni keenya dhimmoota gurguddoo sadii irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Qabsoo qabatamaan kiraa sassaabdummaa irratti taasifamaa jiru, tumsa hojii misoomaa walitti fufiinsa qabuufi olaantummaan ilaalcha misoomawaafi demokraasii ummata keessatti akka mirkanaa'u barsiisuuti.
Qabsoon qabatamaan ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaa irratti taasifamaa jiru, olaantummaa ilaalcha misoomawaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa taphataa jira. Kana malees, aantummaafi quuqama dhaabni keenya ummataaf qabu kan mirkaneessuu waan ta'eef, duudhaan dhaaba keenyaa kan akkasumaan barreeffama qofaan taa'ee jiru otoo hin-taane, hojii qabatamaan kan mul'ataa jirudha.
Dhimma kana bakka jirtutti attamitti taajjabaa jirtaa? Bal'inaan irratti mariyadhaa!
Hojii misoomaa walitti fufiinsa qabu cimsuu wajjin wal-qabatee kan jirus, kan nama gammachiisudha. Hoggansa dhaaba keenyaatiin, qonnaan/horsiisee bulaafi miseensi IMX baay'een waggaa waggaadhaan miliyeeneroota ta'aa jiran bu'aa toora kanaan mul'ate ta'uun isaa ifadha.
Bakka jirtanitti jijjiirama toora kanaan argame attamitti madaaltu?
Dhumarratti, qabsoon qabatamaan ilaalchaafi gochaa kiraa sassaabdummaarratti taasifamaa jiruufi toorri dhaaba keenyaa misoomaafi demokraasii mirkaneessaa jiru, yoomiyyuu caalaa ummata keenya keessatti ilaalcha misoomawaafi demokraasii gabbisaa jira. Kunis, qabsoo olaantummaa ilaalcha kiraa sassaabdummaafi olaantummaa ilaalcha misoomawaa gidduutti taasifamee jiru, olaantummaan ilaalcha misoomawaa injifataa kan deemu ta'uu kan namatti mul'isudha. Kun, galma gahiinsa haaromsa biyya keenyaatiif abdii attamii namaaf laataa? Irratti mariyadha!
