Qabsoo Hawaasa Yakka Malaanmaltummaa Baachuu Hin-dandeenye Uumuu Dandeessisu
Biyyoota addunyaa hunda keessatti, yakkoota gurguddaa dinagdeen biyyootaa akka hin-guddanneefi ummattootni hiyyummaa keessaa akka hin-baaneef gaadi'anii qaban keessaa inni guddaan malaammaltummaadha.
Yakka qaroomina biyyoota addunyaafi guddina teeknoloojii ammayyaa waliin haala walqabatuun tooftaa gegeddaratee guddataafi wal-xaxaa deemu kana irratti qabsoon sadarkaa idil-addunyaatti erga jalqabamee waggootni lakkaa'amaniiru.
Qabsoon seena-qabeessi sadakraa addunyaattii yeroo 8 ffaa f, naannoo Oromiyaatti ammoo, qopheessuummaa Komiishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatiin, Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, magaalaa Sabbataatti Mudde 17 bara 2004 ayyaaneffatameera.
Jal-bultii ayyaanichaatti, Mudde 16 bara 2004, achuuma magaalaa Sabbataatti, dhimmoota kaayyoofi hoj-maata komiishinichaa, akkasumas, miidhaa malaammaltummaan qabu, kallattiiwwan yakkootni malaammaltummaa itti raawwataman, haala gocha isaa irratti qabsoon adeemsifamuu qabu,… irratti mariin hirmaattota hubannoo qabsiisuu adeemsifameera.
Bulee, Mudde 17 /2004, ganama saa'atii sadii irra eegalee, sirni ayyaaneffannaa guyyaa Naamusaafi Farra Malaammaltummaan kun haala ho'aadhaan itti fufe.
Sirna ayyaaneffannaa kana irratti, keessummaa kabajaa ta'uudhaan kan argaman Ob. Abdulaziiz Mohaammad, Pireezidaantii I/A Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Hogganaan Biiroo Siviik Sarviisiifi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa, haasaa dhageessisaniin, “Malaammaltummaafi hoj-maata wal-xaxaan, biyya keeny atti, yeroo sirnoota darbanii akka aadaatti fudhatamee biyyaafi ummata keenya irratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa tureera. Ammas, miidhaa inni qaqqabsiisaa jiru keessaa, bajata, qabeenyaa mootummaafi ummataa, galma misoomaa yaadameef osoo hin-taane, faayidaa namoota dhuunfaaf akka oolu, galiin mootummaan misoomaaf barbaadu akka hin-sassaabamne, bu'uuraaleen misoomaa akka hin-diriirfamne ykn qulqullina akka hinqabaanne, sirni daldalaa fooyya'aafi dorgomaa ta'e akka hin-jiraanne, babal'inni investimantii akka gufatu, dinagdeen biyyattii akka hin-guddanne,… biyyattiifi lammiiwwan ishee hiyyummaa keessaa akka hin-baane gochuuf sochii gufachiisummaa inni raawwataaa jiru caqasuun ni danda'ama” jedhaniiru.
Malaammaltummaan, akkuma armaan olitti eerame, yakka namootni muraasni faayidaa dhuunfaa isaa qaxxaamuraan hojiifi ifaajjii malee guuttachuuf, ummata bal'aa irratti miidhaa suukaneessa, tooftaalee haala yeroo waliin gegeddaramaniin raawwatanidha.
Kana ilaalchisuunis, Ob. Abdulaziiz, kan jedhan irraa akka hubatamutti, malaammaltummaafi hoj-maatni walxaxaan loogiin hojjechuun, lammiiwwan hundi seera duratti walqixa akka hin-ilaalamne gochuun,… akka babal'atan kan taasisu wayita ta'u, kun ammoo ol'aantummaa seeraa gaaffii keessa kan galchuudha. Kana waan ta'eef, haala bara dheeraaf ummattootaafi biyyattii irratti miidhaa qaqqabsiisaa ture kana maqsuudhaaf, yeroo ammaa, mootummaan demokraatawaafi misoomawaan keenya tooftaalee adda addaatiin, qabsoo bifa garaagaraa adeemsisaa jira.
Karoora Guddinaafi Tiraansifoormeeshinii waggaa shaniif baafatte galmaan ga'uuf sochiin raawwii isaa erga eegalee waggaa lammaffaa keessa jirra. Gocha malaammaltummaa of irratti baannee karooricha akkaataa barbaadamuun galmaan ga'uun rakkisaa ta'a.
“Yeroo ammaa dinagdee biyya keenyaa sadakraa ol'aanaan guddifnee, ummataa keenya hiyyummaa keessaa baasuuf KGT baafanne galmaan ga'uu kan dandeenyu dhaabni, mootummaafi ummatni tokkummaadhaan malaammaltummaafi hoj-maata badaa irratti yoo qabsaa'an qofa waan ta'eef, lammiiwwan hundi haala kana hubatanii qabsoo farra malaammaltummaaf tumsa akka godhan waamicha mootummaa keenyaa dabarsuun barbaada” jedhaniiru Ob.Abdulaziiz Mohaammad.
Komiishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa erga labsiin hundeeffamee kaasee, qabeenyaa ummataafi mootummaa irratti badiin namoota dhuunfaan raawwatamu ittisuuf, yoo raawwatamee argames, tarkaanfii seeraa fudhachiisuuf irratti hojjetaa tureera. Ammas hojjetaa jira. Kana boodas, haala ummata bal'inaan hirmaachisuun, hoj-maata fooyya'aafi bal'ina qabuun kan itti fufu ta'a.
Kanas, Komiishinara I/A Komiishinii Naamsaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa, Ob. Tafarraa Bareechaas, gama isaaniitiin wayita haasaa dhaageessisan, “KGT biyyi keenya baafatte milkaa'inaan galmaan ga'uudhaan, biyyattiin sadarkaa biyyootni galii giddugaleessaa qaban irratti argaman irraan ga'uuf sochiin erga jalqabamee waggaa lammaffaa irratti argamna. Gochootni malaammaltummaafi hoj-maattota wal-xaxaa, deemsa kanaaf gufachiisoo ta'uu irraa duubatti akka hin-jenne ni yaadama. Kana waan ta'eef, wantoota raawwi KGT kana irratti gufachiisoo ta'an adda baasuudhaan, Komiishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa qabsoo ummata bal'inaan hirmaachisu taasisaa jira “jedhaniiru.
Ob. Tafarraan itti-dabaluudhaan, “Yeroo ammaa kallattiiwwan xiyyeeffannaa qabsoo kanaa ta'an, kanneen akka bulchiinsa qabeenya lafaa, sassaabbii galii gibiraafi bittaalee garguddaa mootummaan adeemsisu,… irratti xiyyeeffannaa caalmaa qabu kennee hojjetaa jira.
Dhimmoota kanaan wal qabateen, komiishiniin keenya bara 2003 irraa eegalee, kallattiiwwan Mootummoota Gamtoomaniin kaa'aman bu'uura taasifatee deemsa misoomaa ijaarsa demokraasiifi bulchiinsaa gaarii biyyattiin qabatte irratti akka hin-raawwatamne ittisuufi yoo raawwatames tarkaanfii seeraa fudhataafi fudhachiisaa jira. Qabeenyaan namoota dhuunfaa yakka kanaan horatanmus dhaalamee mootummaaf galii ta'ee, hojii misoomaa biyyaafi ummattoota fayyadamoo taasisuuf akka oolu taasifamaa jiraa “jedhu.
“Sochiin akkaataa kanaan jalqabame itti fufee, bara kana, hojii qabeenya muudamtootaa, filatamtootaafi hojjettoota mootummaa labsii Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaa raggaasise isaan ilaallatu beeksisuun galmeessisuuf, komiishinichi haal-duree hunda guuttatee hojiitti seenuuf qophii irratti argama.
Kanaafis, caasaalee afur magaalota Naqamtee, Ciroo, Jimmaafi Shaashamannee irratti banatee hojiitti seenaa jira kan jedhan Ob Tafarraa Bareechaati. Kana waan ta'eef, qabsoo komiishinii kanaan geggeeffamu, malaammaltummaa farra misoomaafi bulchiinsa gaarii ta'e irratti adeemsifamu irratti, ummatni bal'aan komiishinicha cinaa hiriiree qabsoo farra malaammaltummaa keessatti hirmaannaa isa irraa eegamu akka gumaachuu komiishinichi waamicha isaa dhiyeessa.
Ob. Mahaammad Tafarii hirmaata sirna ayyaaneffannaa kanaati. Isaanis, akka yaada isaanii nuuf qoodanitti, malaammaltummaan bifaafi toofataalee garaagaraatiin dhalattoota biyyattii umriifi saalaa garaagaraa qaban irratti, afaafii qabeenyaa ummataafi mootummaa irratti adeemsifamee namoota dhuunfaa muraasa dadhabbii malee duroomsuufi, ummata bal'aafi dinagdee biyya ammoo balaa guddaaf kennuuf kan raawwatamudha.
Kana waan ta'eef, malaammaltummaan biyya keenyaafi lammiiwwan ishee hunda irratti miidhaa waan qaqqabsiisuuf qabsoon isa irratti adeemsifamu, komiishinicha qofaaf kan dhiifamu osoo hin-taane, tumsa lammiiwwan hundaa kan gaafatudha, akka Ob.Mahaammad jedhanitti.
Ad. Wasanellesh Tolaa kan jedhamanis, ayyaanicha irratti argamuuf Finfinnee dhufuu isaanii eeranii, “Malaammaltummaan hoj-maata dabaa yeroo sirnootaa bittaa darbaniirraa eegalee bifa gegeddarataa har'a ga'edha. Malaanmaltummaan yeroo ammaa adeemsifamu teeknolojii ammayyaafi qaroomina addunyaan irra ga'een haala walgitu ta'uun isaa qabsoo isa walxaxaa taasisa. Kanaafuu ummatini keenyas, komiishinicha cinaa hiriiruudhaan qabsoo cimaa adeemsisuutu nurraa eegama” Jedhaniiru.
Akkuma dhaamsa Komiishinichaatti, hawaasa yakka malaammaltummaa baachuu hin-dandeenye uumuuf, qabsoo adeemsifamu irratti hundinuu tumsa gochuu akka qabu, nutis dhaamsa keenya dabarsina.
