Yeroo Dheeraadha Booda Lagnii Abbaayyaa Saba isaa Fayaduu Jalqabuudhaafi
Dheerinaan Addunyaa irraa tokkofaa kan tahee lagni Abbaayyaa biyyoota Itiyoophiyaa, Burundii, Keeniyaa, Suudaan,Gibtsii, Taanzaaniyaa, Ugaandaafi Koongoo tuquudhaan darba.
Parasantii 85% ol kan maduu Itiyoophiyaa keessaa haa ta'uuyyuu malee amma yoona biyyoo biyyaa ishee guruudhaan biyya ormaa misoomsuu irraa darbee sirbitootaaf wolaloofi yeedaaloo ta'uu irra darbee bu'a tokko ilee buuse hin beeku.
Dhiibbaa yeroo Afrikaan Kolonni jala turtee irraa ka'uudhaan Gibtsiifi Sudaan irra kan hafee qabeenyaa isaaniitiin akka hin fayadamnee dhowamaaf sadachifama isaanis sodachaa turaniiru. Bara 1929 waligaltee biyyii inglizii biyyoota Afrikaa dhihaa bakka bu'uudhaan malateesiteen gahee Leencaa Lagaa Abbaayyaa Gibtsiif keniteerti.kunis kan jedhu “Biyyi lagaa Abbaayyaa fi lagaa gara Abbaayyaa senutti dhimmaa Jalisii fi ibsaa burqisiisuu fi itti fayadamuu barbaadan jalqaba Gibtsii irraa eeyyamaa argachuu qabu” jedha bifa gahee bishaan isheef kenamee meetrku biili 55.5 miidhu hin dandeenyeen.
Eergaa biyyoonni kun kolonni jala bahaanis Gibtsii wali galtee bara kolonni qabachuudhaan biyyoonni birroo akka qabeenyaa isaanii Aabaayyaatti hin fayadamnee gama hundaan dhiibaa gochaa turte.faayida hangana jedhamu kan hin argannee Sudaan yeroo isheen Gibtsii cinaa hiriirtuu arginaa wali galtee isaan gidutti bara 1959 malata'ee irra ka'uudhaan Sudaan meetrii kuubii bil 18.5 akka argatuuf wali galaniiru.
Biyyoonnii “Nile Basin initiative” NBI jedhamanii yaamamaan hirtee bishaan Lagaa Abbaayyaa wal-qitatti fayadamuudhaaf waggootaan darbaan kudhaniif eergaa mari'atanii booda waligaltee irraa gahaniiru biyyoota 10 keessaa biyyooni jahaa malateesanii jiru, isaaniis Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Taanzaaniyaa, Ruwaanda, Ugaandaafi Burundii yoommu yoomuu ta'aan Kongoon yeroo dhihoo keessatti ni malateessiti jedhamtee eegamaa jirti.
Itiyoophiyaan diinni ishee gudaan hiyyummaa akka tahee eergaa hubateefi Mootummaa misoomaawaa qabduun waggootaan darbaan guddinaa addunyaan hundii raga baheef dhibbantaa 11% oliin gudachaa jirti.waggoota shanaan dhufaniis hiyyummaa seenaa gochuudhaaf Karooraa Guddinaaf Ce'umsaa (Growth and Transformation plan) baafachuudhaan sochii eergaa jalqabdee ji'oonni muraasnii darbaniiru.
Yeroo dheeraadhaaf biyyii teenyaa hanqinaa Ibsaa irraa kan ka'ee uumattii baayyeen Dukanaa keessa jiraata tureera. Akkaata Karoora Guddinaaf Traansfoormashiinii keenyatti Humna Ibsa ammaa qabnuu 2000MW karaka shanniin ol guddisuudhaan 10,000MW karoorfamee jira.
Projektiin hidhaa lagaa abbaayyaa “Great millennium Dam” jedhamuu 5250MW burqisisuuf dhagaan bu'uura Muumichaa miniisteera Obboo Mallas Zeenaawiidhaan ka'ameera. Baasiin hidhaa kanaaf barbaachisuu immoo qarshii Biiliyoona 70-80 yoomuu ta'u baasiin kun kan baasu Mootummaafi Uumataa Itiyoophiyaa ta'uun isaa immoo caalmatti nama hundaa oonne tokkoof yaada tokkoon arii yeroo dheera lammi biyaa kan irra turuun isaa sochii uumanii Itiyoophiyaa hunduu gochaa jiru wanta namatti agarsiisu qaba.
Waamicha Mootummaan dhiyeeseef fudhachuudhaan lammiin biyya kana Kaabaa Hanga Kibbaatti, Bahaa hanga Dhihaatti Sabaaf Amantaaadhaan osoo wal hin qoodiin sochii ajaa'ibsiisa goocha jiru. Seena hidhaa Laga Abbaayyaa keessatti hundumtii keenya qooda qabaachuu qabna jechuudhaan Hojjatoonni Mootummaa, Raayyaan ittisa Biyyaa, Baratoonnii, daldaltoonnii,qotee bulaan fi qaamoleen hawaasa gara garaa mindaa ji'aa kennudhaan, Boondii bitachuudaafi kenaa qarshii kenuudhaan seena ajaa'ibsiisa hochachuudhaaf qophaa'a jiru.
