Gochoota shororkeessummaa ABO mirkaneessan hedduu keessaa muraasa

ABOn, humnoota kaayyoo kiraa sassaabdummaa qabaniin, maqaa “Bilisummaa Oromoo” tiin erga hundeeffamee eegalee, gochoota shororkeessummaa lakkaa'amee dhumuu hin-dandeenye, dhalattoota Oromoo kaayyoo isaa deeggaruu didaniifi lammiiwwan biyyattii kumaatamatti lakkaa'aman irratti raawwataa tureera. Kumaatama badii lubbuufi miidhaa qaamaaf kenneera. Qabeenyaa biyyaafi lammiiwwanii Br. Biiliyoonotatti tilmaamamu barbadeesseera.

Gareewwan shororkeessummaa idil-addunyaa waliin walitti-hidhama uummatee, ergama shororkeessummaa isaan irraa kennamuuf qabatamaan raawwatee, dhiiga qulqulluu lammiiwwan biyya keenyaa, caalmaattis, kan ummata Oromootiin kan harka isaa dhiqataa turedha.

Gochootni suukanneessoon, ABOn lubbuufi qaama ummataa, dinagdeefi jireenya hawaasummaa biyyattii irratti raawwataa ture, akka labsii Farra shororkeessummaa lakk. 652/2001 Hagayya 22 bara 2001 Manni Maree Bakka-Bu'oota Ummataa seerummaadhaan tumee Magalata Federaalaa irratti baaseetti, gochootni isaa hundi shororkeessaa ta'uu isaa kan mirkanneessan ta'anii, gareewwan farra nageenyaafi farra misoomaa kanneen akka ABBO “ ? BnG ”, Al-shabaabiifi garee GN ? T 7 jedhaman waliin shororkeessummaan akka moggaafamu Reppubliika Federaala Demokraatawaa Itiyoophiyatti, Manni Maree bakka-Bu'oota Ummattootaa murteesseera.

Nutis, raawwiiwwan gara-jabinaafi diinummaa ABOn ummataafi biyya irratti, akkasumas, qabeenyaa ummataafi biyyaa irratti qaqqabsiisaa ture, kanneen shororkeessummaa dhaabbatichaa ifatti argisiisan hedduu keessaa muraasa ragaadhaan deeggaraman akka kanatti aanee jirutti qindeessineera.

Kab. Ad. Asteer Maammoo, Mana Maree Bakka-Bu'oota Ummataatti, Ministira Bakka-Buutuun Mootummaa waa'ee shororkeessummaa ABO ilaalchisuun walga'ii bakka-bu'oota ummataa irratti, gabaasa bal'aa dhiyeessan keessaa kanneen ijoo ta'an muraasa argisiisuun haa jalqabnu.

ABOn, akkuma beekamuufi gabaasa Ad. Asteer irraayis hubatamutti, seenaan isaa guutummaatti seenaa raawwii yakkoota shororkeessummaati. Shororkeessummaan isaas, miseensotaafi deeggartoota isaa biyya keessaafi alaatiin, akkasumas, humnoota shororkeessummaa addunyaatiin of jabeessee, yakkoota shororkessummaa hedduu raawwataa tureera. Ragaaleen gabaasa Ad. Asteera keessatti argisiifaman akka hubachiisanitti, ABOn maqaa bilisummaa Oromootiin daldaluu, ummata ‘siif dhaabbadheera' jedhu irratti gara-jabinaan gochoota shororkeessummaa raawwachuu malee, mirgoota ummatichaa kabajiisuuf bu'aan qabsoo inni argamsiise tokkollee hin-turre.

Kun osoo beekamuu, daandii nagaafi deemokraasiitti akka deebi'uuf carraan kennameefii, dhaabbile gita bittaa Dargii irratti qabsaa'anii injiafannoo ummatummaa galmeessisuun aangoofi mirgootni ummattoota biyyattii walqixa akka mirkanaa'u taasisan waliin beekamtiin kennameefii yaa'ii heera mootummaa ragaasise irratti akka hirmaatu mana maree bakka-bu'oota ummataa keessattis teessuma kudha lama akka qabaatu taasisfame.

ABOn garuu, araada shororkeessummaaf qabuun fincilee ba'uudhaan, kallattii garaagaraatiin jeequmsa tokkummaafi tasgabbii biyyaa diigu, nageenya lammiiwwanii booressu, ijaarsa sirna demokraasiifi sochii misoomaa gufachiisu adeemsisuu filmaata taasifate.

Akkaataa kanaan, tarsiimoo jeequmsaa motoummaan Ertiraa mootummoota naannoo Baha Afrikaatiif qopheeffate ergamtummaadhaan raawwachuufiif, Asmaraatti waajjira banatee miseensota isaa biyya keessaafi kanneen Ertiraatti leenjise gara biyya keenyaatti erguun, gochoota shororkeessummaa hedduu raawwateera.

Akka ibsa Ad. Asteeritti, ABOn, ergama shororkeessummaa mootummaan Shaabiyaa yeroo yerootti kennuuf galmaan ga'uudhaaf, balaa badii guddaa qaqqabsiisuu uumuuf xiyyeeffataa kan hojjetaa ture keessaa waajjiraalee gandootaa, dhaabbileefi waajjiraalee mootummaa, dhaabbilee tajaajilaa, buufataaleefi sararoota geejjibaa, hoteelotaafi manneen nyaataa, manneen barnootaafi kolleejjota, manneen jireenyaa, suuqiiwwan, raabsaalee boba'aa, iddoowwan bashannanaa, baankota,… kanneen fakkaatan ni argamu.

Gocha isaa kanaanis, ABOn, bara 1987 hanga 2000tti qofa, balaawwan shororkeessummaa 106 qaqqabsiiseera. Balaawwan kanneeniinis, lammiiwwan qulqulluu 56 ajjeesee, 284 irratti ammoo miidhaa qaamaa ol'aanaafi salphaa geessisee, qabeenyaa tilmaama guddaa barbadeesseera.

ABOn, badiiwwan shororkeessummaa hedduu yeroo garaagaraa, bakkoota adda addaatti raawwate kanaan:-

? Shororkeessitoota hidhattoota isaa, Ertiraafi Sumaalee keessatti leenjisee gara Itiyoophiyaatti seensisuudhaan, Hagayya 15/1991 baabura Dirree-Daawwaa kaa'ee gara Dawwalleetti, akkasumas, Sadaasa 3/1992 Dirree-Daawaa irraa gara Awaashitti deemaa ture irratti boombiifi dhootuuwwan biroo kiyyeessee dhukaasuudhaan lammiiwwan nagaa hedduufi qabeenyaa guddaa irratti balaa qaqqabsiiseera.

? Adoolessa 12/1991 daandii konkolaataa magaalota Harariifi Baabbilee walqunnamsiisu qixxe-lamaanitti dhootuuwwan owwaalee dhukaasuudhaan konkolaatichi faayidaan ala akka ta'u, konkolaachisaan isaas balaa du'aaf akka saaxilamu taasiseera.

? Caamsaa 8/1983, Hoteela Saay, magaalaa Dirree-Daawwatti argamu irratti dhootuu kiyyeessee dhukaasuudhaan, badiin lubbuu, miidhaan qaamaafi qabeenyaa akka qaqqabu taasiseera.

? Fulbaana 1/1995, Hoteela Tigraay, kan magaalaa Finfinnee, naannawa Piyaassaatti argamu irratti dhootuu kiyyeessee, lubbuun lammiiwwan nagaa akka badu godheera.

? Ebla 6/2000 buufataalee raabsii boba'aa Nook, kanneen naannawoota Hoteela Lamiifi Hoteela Impeeriyaalitti argaman irratti dhootuuwwan kiyyeessee dhukaasuudhaan, lubbuun namoota boba'aa bitachuuf dabaree qabatanii hiriiraan eeggataa jiran hedduu tasa akka badu gochuudhaan, ergama shororkeessummaa isaa haala suukanneessaadhaan raawwateera.

? Caamsaa 12/2000, taaksii (minii-baasii) Finfinnee, Arat Kiiloo ka'ee gara Laga-Haar deemaa jiru irratti dhootuu kiyyeessee akka dhuka'u taasisuudhaan, lubbuu lammiiwwan taaksicha keessa turanii balleessee, konkolaatichas tajaajila ala taasiseera.

? Onkoloolessa 19/1999, kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo (Finfinnee) ganda 15/16 keessatti kan argamu Raabsaa Boba'aa Sheeliifi kutaa magaalaa Addis Katamaa, ganda 19/20 keessatti kan argamu Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa cinaa kan jiru Raabsaa Boba'aa Sheel irratti dhootuu kiyyeessuudhaan namoota nagaa hedduufi qabeenyaa tilmaamni isaa guddaa ta'e irratti balaa shororkeessummaa qaqqabsiiseera.

? Caamsaa 28/1999, dhabbataa oomisha boba'aa Iraan, Buraayyutti argamu irratti gocha balaa shororkeessummaa raawwateera.

? Onkoloolessa 23 fi 24/1999 godina Shawaa-Bahaa, naannawa Qooqaatti, dhootuu kiyyeessee, akka dhuka'ee tajaajilli sararichaa miidhamu godheera.

Kanneen armaan olitti tarreeffamaan dhiyaatan, gochoota shororkeessummaa ABOn ummataafi biyya irratti raawwataa ture keessaa kanneen ragaan irratti dhiyaatee mirkanaa'eefi murtiin seeraa irratti kenname muraasa murtee mana maree bakka bu'ootaaf ka'umsa akka ta'aniif cuunfamenii dhiyaateanidha. Kan hafanis hedduudha. Kanneen dhiyeessuun nama rifaasisuufi dhaga'uunis gurra nama dhukkubsu. Ta'us, kan ragaalee garaagaraa itti qabnu, dubbiftoota biraan ga'uu irraa duubatti hin-jennu.

ABOn, shororkeessummaan akka moggaafamu murtaa'uu isaa irratti mormii kan qaban miseensota ykn deeggartoota isaa yoo ta'an malee, komeen ummataafi aantoota ummataa murteen kun maaliif hanga har'aatti ture kan jedhudha. ABOfis, murteen kun, yoo itti xinnaate malee, akka gocha isaatiif kan itti baay'atu hin-ta'u.

Dhaabbatni kun, maqaa bilisummaa Oromoo da'oo godhatee, dargaggoota dhalattoota Oromoo olola dogoggorsaadhaan barnoota, hojiifi jireenya nagaa irraa kaasee kaayyoo isaan dhugeeffannaafi hubannoo itti hin-qabneef gara gammoojjii biyyoota ollaatti galchee, dhukkuboota garaagaraafi beelaan akka baalaa akka harca'an taasiseera. Kanneen isa harkaa miliqanii ba'an hedduunis daandiifi naannawa hin-beeknetti irbaata bineensaa ta'aniiru.

Dargaggoota Oromoo kanneen olola isaan qalbiin isaanii harkifamee isa faana deeman, erga biyyaa ba'anii booda, olola ABO duratti dhaga'aniifi kan dhaqanii achitti qabatamaan argan garaagara itti ta'ee, wayita komee isaanii dhiyeessan, “Deeggartoota Woyyaaneefi Dh.D.U.O.” jedhee, kumatti kan lakkaa'aman irratti kanneen biroon barnoota akka irraa fudhatan jechuudhaan, gammoojjii biyya hormaa keessatti tarkaanfii ajjechaa irratti fudhatee, foon isaanii irbaata allaattiifi waraabeessaa akka ta'u, lafeen isaaniis osoo hin-owwaalamin dirree irratti akka hafu taasiseera.

Gochoota shororkeessummaa ABO ilaalchisuun, Ob. Isheetuu Dassee, Hogganaan Waajjira Giddugaleessaa Dh.D.U.O. kan jedhan “Gochi ABO hundeeffama isaa irraa eegalee goolii uumtummaa kaayyoo kan taasifatedha. Har'as, fakkaattota isaa waliin ta'uudhaan, gochoota nageenya booressuu, tasgabbii jeequufi dinagdee biyyaa barbadeessuu irraa kan adabate miti.”

Ob. Isheetuun itti fufuudhaan “ABOn ummata nan-qabsaa'aaf jedhu irratti, keessattuu, ummata Oromoofi dhalattoota sabootaa sablammootaafi ummattoota biyyattii godinaalee akka Wallaggaa, Jimmaa, Harargee Bahaafi Lixaa, Baalee, … jiraatan irratti qalma (ajjeechaa), qaama-muraa, qabeenyaa barbadeessuu, … suukanneessaa raawwateera. Ummatni kaayyoo ABO hin-fudhatne, dhaabbaticha biratti akka diina isaatti waan ilaalamuuf, carraan isa eeggatu adabbii du'aafi qaama muramuu, akkasumas, qabeenyaa horate balaa abiddaatiin dhabuu ture. Akkaata kanaanis, maanguddoowwan, dubartootootni, haadholiin, dargaggootniifi daa'imman dhalatanii umriin isaanii guyyootaan lakkaa'amu kumatti lakkaa'aman kan jedhan Ob. Isheetuun tarkaanfii gara jabinaafi gocha shororkeessummaa dhaaba kanaatiin ajjeefamaniiru.”gocha gara-jabinaafi diinummaa, nafxanyaan waggaa dhibba keessatti ummata Oromoo irratti raawwatee ol, ABOn yeroo gabaabaa keessatti haala suukanneessaadhaan ummaticha irratti akka raawwates addeessaniiru.

“ABOn, dhaaba shororkeessaa ta'ee moggaafamuun isaa sirriifi sirriidha. Kanas, karaa baay'ee ilaaluun ni danda'ama. Sirna demokraatawaa ummattoota abbootii aangoo taasiseefi mirgoota ummattootni bara dheeraaf dhabanii turan walqixxummaa heera mootummaan mirkaneesseef, humnaan diigee, waanjoo bittaa kiraa sassaabdummaa ummata irratti fe'uun, xiyyeeffannaa isaa isa guddaadha. Ummata kaayyoo kana isa harkatti dide ammoo tarkaanfii shororkeessummaa kamittiyyuu fayyadamee adabuurraa duubatti hin-jedhu.

Ibsa Ob. Isheetuu irraa akka hubanetti, Manneen barumsaa gubee, barattoota doorsisee ykn ololaan dogoggorsee, barsiisota ariyaa, … ummatni Oromoo doofummaa keessatti akka hafu taasisuuf yaaliin ABOn taasise salphaa miti.

Hojiin misoomaa jalqabame gufatee, ummatni keenya hiyyummaan gaadi'amee akka hafu taasisuuf socho'aa tureera; har'as socho'aa jira.”

ABOn, mootummaa Ertiraa isa biyyoota naannoo Baha Afrikaa jeequudhaan beekamu jala ergamtummaadhaan galee, ergama shororkeessummaa Shaabiyaan kennuuf galmaan ga'uuf, dhalattoota Oromoo kallattii garaagaraatiin abiddatti galchaa tureera.

Bilisummaa ummata Oromotiif dhaabbadheera osoo jedhu, miseensota isaa humna waraanaa mootummaa Shaabiyaa cinaa hiriirsuudhaan bara 1992tti, wayita lolli daangaa Itiyoo-Ertiraa adeemsifame, afaan qawwee biyya isaanii irratti naannessanii lammiiwwan isaanii irratti akka dhukaasan, obboloota biyya tokkotti waliin dhalatanis akka ajjeesan taasiseera. Wayita kanas, dhalattootni Oromoo dirqamamanii ykn olola dhaabbatichaan dogoggorfamanii miseensa ta'aniif, kaayyoo hin-beekneef ykn itti hin-amanneef, waraana Ertiraa cinaa hiriiranii lammiiwwan isaanii irratti duuluun alatti, mataan isaaniis, du'a ykn wareegama kaayyoofi galata hin-qabneef akka saxilaman taasiseera.

Haaluma kana fakkaatuun dhalattootni Oromoo miseensota isaa ta'an, biyya Sumaalee keessatti, garee shororkeessaa “Al-shabaab” jedhamu cinaa kaayyoo goolii uumuutiif fedhii isaanii malee hiriiranii, kumatti kan lakkaa'aman, gamoojjii biyya Sumaalee keessatti du'anii, awwala malee irbaata allaattiifi waraabeessaa ta'anii akka hafan, kanneen miidhaan qaamaa irra ga'es, yoo carraa yaalaa argatanii hir'ina qaamaatiin fayyan carraa gara biyyaatti deebi'uu isaan dandeessisu waan hin-qabneef, achummatti kadhattoota ta'anii akka hafan, kanneen waraana irratti injifatamanis, biyya hormaatti, manneen halagaa keessatti tajaajiltummaan jireenya gabrummaa keessa galuuf akka dirqamaman godheera.

Kana dura namootni miidhaa ABOf saaxilamaniifi miseensota isaa turanii, kayyoon dhaabbatichaa dogoggoraafi dogoggorsaa, ummata Oromootiif goolii malee faayidaa kan hin-qabne ta'uu isaa mirkaneeffachuudhaan, qaawwa argatan keessa hulluuqanii adda waraanaattis carraa argatanitti fayyadamanii kanneen harka kennatan,… waa'ee gochoota shororkeessummaa ABO waan baay'ee dubbatu.

Gochootni ABOn dhalattoota Oromoo irratti raawwataa ture tarreessanii fixuun kan danda'amu miti. Akkuma yeroo dubbatamu gurra nama dhukkubsu, seenaa shororkeessummaa meeshaalee lolaatiin, halbeedhaan, dhagaadhaa, abiddaan, … Oromoota irrattis ta'e dhalattoota sabootaa, sabalammootaafi ummattoota biyya keenyaa kanneen ummata Oromoo waliin jiraatan irratti raawwate hunda isaa barreessuunis ta'e dubbisuun kan sammuu nama maddeessu ta'uurra darbee, ummatuma kana keessaa argamuun miseensota isaatiyyuu kan nama shakkisiisu ta'a.

Sheek Hasan Muummee, godina Harargee, aanaa Baddannootti qonnaan-bulaa abbaa maatii namoota kudha shan qabu ture. Bara 1984tti, ABOn, jiraattota naannawaafi aanaalee naannawaa dhibba hedduutti tilmaamaman fidee walitti qabuudhaan, kaan dhaanichaan caccabsee, kaan qaama muree, kaan halbeen qalee, kaan rasaasaan ajjeesee, kaan ammoo fayyaa otuma iji isaanii ilaalu harkaafi miila hidhee gara qilee Baddannootti darbataa kan ture ta'uu dubbatu.

Akka Sheek Hasan dabalanii jedhanitti, isaan mataan isaaniis, namoota harkaafi miilli isaanii hidhamee gara qilee sanaatti darbataman keessaa tokkodha. Miidhamni qaamaa, yeroo sana isaan irra ga'ullee, lubbuudhaan hafanii ganda qilee sana naannawa jiruu wayita foqoqanii dhaqan, basaastotni dhaabbatichaa waan isaan qabaniif, matta'aa Br.kuma afurii kennanii isaan harkaa ba'an. Wayita qeyeetti deebi'an ammoo, manni jireenyaa isaanii gubatee, qabeenyaan isaanii barbadaa'ee, maatiin isaanii hundi ajjeefamanii, qeyeen isaanii daaraafi aara uffatee argan. Sana booda, Mootummaan Ce'umsaa Itiyoophiyaa deebisee isaan dhaabuu, waan jireenyaaf isaan barbaachisu hundaan deeggarsa isaaniif gochaa turuu isaa nutti himan.

Ob. Dhaaree Guuttataas, godina Arsii aanaa Shirkaatti, qonnaan-bulaadha. Isaanis, gocha shororkeessummaa ABO ilaalchisuun waan yaadatan wayita gaafataman, “Maaloo! waa'ee gochoota shororkeessummaa ABOn anaafi maatii koo, akkasumas, jiraattota aanaa keenya irratti raawwate, maaliif gadi fuutanii na yaadachiftu? Egaa, halkan har'aa guutuu irriba maleen bibir'ataa bula!” Jechuudhaan ture, ibsuu kan jalqaban.

Itti fufuudhaanis, Ob. Dhaareen, “Gochi miidhaafi ajjechaa dimshaashaa ABOn dhiyoottis ta'e fagootti ummata aanaa keenyaa irratti raawwtaa ture, kan fagootti sodaataa turre kan nu argate, Sadaasa 12/1987 ture. Ani, lafa oyiruu oolee gara manaatti deebi'aa wayitan jiru, loltootni ABO manakoo marsanii gubaa wayita jiranin arge. Mana keessa haati-manaa kiyya, jabbootni, lukuun, hoolaafi re'eenis turaniiru. Mana qofa osoo hin-taane, mooraa horiin itti galee jirtuttis abidda qabsiisaniiru. Horii dallaa cabsitee baqattu, faana bu'anii ajjeesaa wayita jiranin arge.” jechuudhaan miira gaddaa guutameen dubbatu.

“Balbala manakootii irra, saani (loon) rimaan dhaluuf dhaabattee miixataa turte. Sa'a sanas, osoo isheen dhaltee lama hin-ta'in rasaasaa irratti roobsanii ajjeesan. Yeroo kana obsuu dadhabeen, iyyaa dhaqee, sa'a kufaa jirtu sanatti marame. Yeroo sana , rasaasa sadii dhukaasanii, qaamakoo bakka sadii na rukutan. Ani nan hafa hin-seene. Haa ta'u malee, lubbuunkoo hafus, haafuu-baatus, jedheen foqoqee, sa'a duute sana duubaan diriirfadhee ciise. Du'eera jedhanii na dhiisanii, gara manneen ollaakootti darban.

“Haati-manaakoofi horiin mana keessa turan hundi, manaa wajjin gubatan. Akka carraa ta'ee, ijoolleenkoo afur ganda keessa hiriyoota isaanii waliin taphataa kan turan, dhukaasa qawweefi abidda mana irratti qabsiifam e baqatanii gara lagaatti gadi fiiganii bosonatti nam'an. Halkan guutuu, achuma bosona duudaa keessa bulani. Akka carraa ta'ee, bineensi isaan hin-arganne. Bulanii achuma oolan. Ummatni gandaa balaa jalaa hafe yaa'ee, bosonicha sakatta'ee naaf arguu danda'e. Namni ija jabaatee, du'uuf ofitti murteessee, ‘Isin nu bilisoomsuuf kan dhaabbattan yoo ta'e, maaliif ummata nagaa, humna hin-qabne irratti gocha gara-jabinaa kana raawwattu? jedhee wayita gaafatu, ‘Isin ummata daba qaban waan taataniif, isiniin lafa irraa fixnee, laficha bilisa baafna!' jechuudhaan haala ejjannoo shororkeessummaa qabachuu isaanii ibsuun deebii kennaa turan.” kan jedhu Ob. Dhareedha.

“Maanguddoowwaniifi daa'imman qabeenya qeyeedhaa qaban waliin bakka hundatti badii shororkeessummaa fakkaattii hin-qabneef kennaman. Ijoolleen durbaa lama, kan ollaakootii, gaafa biraa, wayita qeyee jiran, loltootni ABO dhufanii ‘Abbaan keessan eessa jira?' jedhanii gaafataniin. Isaanis, ‘Magaalaa deemeera. Maaliif barbaaddan?' jedhanii yommuu gaafataniin, ‘Bilisa isa baafna! Ka'aa bakka inni jirutti nu geessaa!' jedhanii dirqisiisaniin. Ijoolleen durbaa kunneenis, ka'anii gara magaalaatti isaan dura deemuu jalqaban. Haa ta'u malee, loltoonni ABO kun abbaa isaanii ajjeesuuf akka deemaa jiran waan hubataniif, ‘Magaalaa deemuu isaa malee, iddoo inni jiru adda baafnee beekuu hin-dandeenyu. Magaalaa keessas, baay'ee hin-beeknu jedhanii, kana caalaa deemuu akka hin-barbaanne isaa beeksisa.

Ob. Dhareen itti fufuudhaan, “Wayita kana, loltootni ABO sun, ijoollettiin ajaja isaaniif akka hin-sarmine wayita beekkatan, durboota lamaanuu achumatti rasaasaan dhaananii ajjeesuun isaanitti xiqqatee, morma gorra'anii, harmas irraa muranii, afaan mataa muramee keessa ka'anii deeman. Ijoolleen durbaa lamaan, akkasiin lubbuu isaanii wareeguudhaan, abbaa isaanii jaallatan, du'a jalaa hambisanii darban. Waa meeqatu jira. Hunda isaa tarreeffamaan odeessuuf, guyyaa guutuun nu hinga'u. Walumaagalatti garuu, ABOn dhaaba ummataaf dhaabbate osoo hin-taane, Shororkeessaadha!” jechuudhaan, waa'ee gocha shororkeessummaa ABO bal'inaan kan beeku keessaa muraasa kan jedhe nutti hime.

Akkuma lammiiwwan miidhaan irratti raawwatame kun jedhan, waa'ee gochoota shororkeessummaa ABO hunda ibsuuf, jechaafi yeroon ga'aa ta'u hin-jiraatu.

ABOn, kaayyoon isaa harkaa fashalaa'ee, ga'umsa dhaabbatummaa dhabee, erga adda adda ciccitee boodas, hoggantootni isaa Shaabiyaaf ergamtummaa qabaniin itti fufanii, waggaa tokko dura, dargaggoota Oromoo keessaa kanneen hubannoon isaanii gadi aanaafi dheebuu faayidaa qaban fo'atanii gara Asmaraatti waamuudhaan Mitsiwwaafi Dhaabbilee waraanaa Shaabiyaa keessatti itti-fayyadama meeshaalee waranaafi dhootuuwwan kiyyeessuu irratti leenjii kennaniifii, duula dhoksaa “Finfinnee Akka Baagidaad” jedhuun, karaa kaabaa (Walloo)fi Bahaan (Jibuutii) gara Finfinneetti seensisanii, walga'ii dura-bu'oota biyyoota Afrikaa Finfinneetti adeemsifamu dhukaasaan jeequuf, wiirtuuwwan ummatni baay'inaan itti walga'u, diippoo kuufamaafi buufataalee raabsii boba'aa, geejjiboota ummataa, hoteelotaafi iddoowwan bashannana ummataa, manneen barumsaa, waajjirootaafi industiroota (warshaalee) irratti bal'inaan dhukaasa raawwatanii, gocha shororkeessummaa guddaadhaan badii lubbuufi dinagdee ol'aanaa uumanii, magaalattii Baagidaadiin fakkeessuuf itti gaafatamummaa fudhatanii socho'aniiru. Hordoffiifi to'annoo mootummaafi ummatni taasisaniin, isaan jalaa fashalaa'e malee.

ABOn, ummata Oromoo irratti badii suukanneessaa qaqqabsiisuu kaayyoo taasifatee kan hundaa'eefi socho'aas kan ture ta'uu ummaticha caalaa kan beeku hin-jiru. Ummatichis waan kana beekuuf, isa caalaas miidhaan dhaabbatichaa kan irratti raawwatame waan hin jirreef, jibbee, aakkifatee isa tufeera.

Kana ilaalchisuudhaan, Kab. Ob. Mallas Zeenaawii, Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa, “Shaabiyaan, gochoota shororkeessummaatiif ABOfi kanneen isa fakkaatan, meeshaafi maallaqaan deeggaree bobbaasaa akka jiru, ragaalee qabatamoodhaan sadarkaa guutuu addunyaatti mirkanaa'eera.

Ummataaf dhaabachuu isaa labsaa, ABOn, ummata irratti badii suukanneessaa raawwata. Dhaabbilee misoomaafi caasaalee hawaasaa tajaajiloota garaagaraa kennan dhabamsiisuuf socho'a. Ummata nan qabsaa'aaf jedhu ajjeessee, ija, harkaafi miilla hidhee, morma qalee,… qileetti darbachuudhaan allattiifi sareen akka isaan nyaatu taasiseera. Gocha ilmi namaa nama irratti hin-raawwatne ilmaan Oromoo irraan gaheera.” jedhaniiru.

Haaluma kana fakkaatuun, Ob. Kumaa Dammaqsaa, Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee, miseensa koree hojii raawwachiistuu Dh.D.U.O. gochoota suukanneessoo ABOn ummata Oromoo irratti qaqqabsiisaa ture hadheeffannaan kan ibsan keessaa muraasa haa ilaallu.

“ABOn, Oromoota sadarkaa umrii isaaniifi harka-duwwummaa isaaniitiin, miidhaa isaa of irraa ittisuu hin-dandeenyeefi qabeenyaa isaanii irratti badii shororkeessummaa seenaan dhiifama hin-gooneef qaqqabsiiseera. Daa'imman afaan hin-hiikkane, dubartoota ulfaa, maanguddoowwan sababa dullummaatiin lafaa ka'uu hin-dandeenye, … alatti hidhanii meeshaalee qara qaban, dhagaafi qawweedhaan ajjeessaniiru; qaama muraniiru. Dubartoota ulfaa gara tarsaasaniiru.

Midhaan maasaa irraafi callaa gombisaa jiru gubaniiru. Horii qeyee jiru hunda kaan rasaasaan, kaan abiddaan ajjeesaniiru. Namoota ajjeesan, harka irraa muranii, garaa tarsaasuudhaan keessa kaa'aniiru. Kaanis erga ajjeesaniin booda, mataa isaanii saaqanii, ijas keessaa baasanii cirrachaafi dhagaa itti galchaniiru. Gara-jabinaafi shororkeessummaan kan caalu jiraa?” jechuudhaan dubbataniiru.

Dhugaadhumatti, gochi shororkeessummaa ABOn ummataafi biyya keenya irratti raawwataa ture, dhaaba ykn garee addunyaa irratti shororkeessummaan moggaafamee beekame kamiiniyyuu ol yoo ta'e malee kan gadi ta'u miti. Kanaafis, dhaabbata shororkeessaa ta'uudhaan moggaafamuun isaa yoo itti xiqqate malee, kan itti baay'atu akka hin-taane eenyuyyuu akka dhugeeffatu ni amanama.

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO