Barnootnii qulqullinni isaa eegamee lammii hundaa biraan ga'uun karoora guddinaaf traanisfoormeshinii galmaa ga'uuf bu'uura.
Yaa'iin barnootaa biyyoolessaa 21 ffaan Magaalaa Adaamaatti kabajamaa kan jiru yoo ta'u innis agarsiisa bu'aa qorannoo barnootaa, biiroowwaan barnootaa Naannolee, dhabbilee leenjii teekinikaaf ogummaa fi yunvarsiitii irraa dhufan argannoowwan isaanii agarsiisuun jalqabee jira.
Yaa'iichas Biroon Barnoota Oromiyaafi Ministeeri Barnootaa Federaalaa kan waliin qopheessaan yoo ta'u “Dhadannoo barnoota qulqullinnii isaa mirkanaa'e waliin ga'uun karoora guddinaafi traanisformeeshiini ni mirkaneessana” jedha.
Yaa'ii kana hasawwaan kan banan Miniteerri Ministeera barnoota Obbo Dammaqee Mokonnin akka jedhanitti kallattiin raawwii hojii barnoota yaa'ii 20ffaa irratti ka'ame hundi galma ga'eeraa jedhaniiru.
Garaagarummaan waliin ga'iinsa barnoota saalaafi saala gidduu jiru akkasumas Naannoofi Nannoo gidduu jiru xiqqeessuuf hojii hojatameen garaagarummaa ture xiqqeessuun danda'amuu eergaa eeranii booda, Naannoolee guddachaa jiran keessattis kanaan dura sirnoota darban keessatti carraan barnootaa kan hin turreefi amma garuu hojii bal'aan hojetamuu isaa obb Dammaqeen eeraniiru.
Hojiilee dhaabbilee barnoota ol ‘aana ilaalchisees qabxiileen xiyyeeffanno sagal adda ba'anii akka hojetaman ta'aa akka jirus Obbo Dammaqeen ibsaniiru.
Walumaa galatti yaa'ii kana irratti honqinoota hojii keessatti muldhatan furuun ciminoota jiran immoo itti fufsiisuun galmoota barkumee gama barnootaan ka'ame galmaan ga'uuf ciminaan hojetamuu akka qabuus himameera.
Manneen barnootaas hojimaataa bulchiinsa gaariitiin akka hoganaman gochuudaan akkasumas barsiisota ga'umsa qaban horachuufi barumsa qulqullina qabu lammii hunda biraan ga'uun, karoora galma barnoota barkumee milkaa'uu qabaa jedhaniiru.
Itti Aanaa Perezedaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Hogganaa Biiroo Siiviil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii Obbo Abdulaziz Muhammad gama isaaniitiin xiyeeffannoon dhaabbilee leenjii teekinikaafi ogummaaf kennames karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii milkeessuuf qabu ol'aanaadhaa jedhan.
Sekterri barnootaa guddina biyyaaf bu'uura waan ta'eef galma ga'iinsa karoora barnootaaf hunduu tumsuu akka qabuus dhaamsa dabarsaniiru.
Dhuma irratiis yaa'iin barnootaa 21faan kun kallattii hojii barnootaa bara 2004s ni xumurameera.
