Karoora guddinaafi traanisformationii /KGT/ galmaan ga'uuf gurmaa'uun jarmiyaalee dubartootaa murteessaa tahuun isaa himamee

Fooramiin dubartoota filatamtootaa mana maree Oromiyaa, Federaala fi gaggeessitootaa Naannoo Oromiyaa hundeeffame.

Yaa'ii hundeeffamaa kanas hasawwaan kan banan Afayaa'ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'aan Adde Dammituu Hanbisaa hasawwaa taasisaniin dubartoonni lakkofsaan walakkaa hawaasaa ol waan ta'aniif KGT irraa adda durummaan fayyadamtoota ta;uu waan qabaniif gurma'anii socho'uu qabuu jedhaniiru.

Yeroo ammaa sochi gama Hawwaasummaa,Diinagdeefi Siyaasaan taasifamaa jiru keessaatti tumsa heerri mootummaa nuuf godheen carraan jijjiirama dubartootaa fiduu bal'aadhateera eeraga jedhanii booda sababiin isaas lakkoofsi dubartoota filatamtootaa fi gaggeesitootaa ta'aa jiran yeroodha gara yerootti dabalaa waan jiruuf tahuu isaa eeraniiru.

Kanaafuu dubartootni carraa baldhaa argame kanatti fayyadamuuf dandeettii raawwachiisummaa isaanii dabaluu danda'uutu isaanirra jiraa jedhaniiru.

Kaayyoo fooramichi hundaa'eef inni guddaan, rakkoowwan gama ilaalchaa , dandeettii fi dhiyeessii dubartoota filatamtootaa fi gaggeessitoota ta'an biratti muldhatu qoratee adda baasuun irratti hojechuu akka ta'ees adde Dammituun eeraniiru.

Obbo Bazzu waaqbeekaa itti gaafatamaa ijaarsa Dh.D.U.O giddu galeessa hasawwaa taasisaniin guddin biyya keenyaatti argame keessatti sochii dubartootni hanga ammaatti gama Hawwaasummaa, Dinagdee fi ijaarsa sirna Dimookiraasii keessatti taasisaniin bu'aan argame salphaa mitii jedhan.

Bu'aawwan argaman kanas itti fufsiisuufi babal'dhisuuf oggantootni jaarmiyaalee dubartootaa, filatamtootaafi geggeessitootni sadarkaa garaa garaa irra jiran fooramii tokko jalatti qindaa'uun ogganamanii wal irraa barachuudhaan karoora guddinaafi tiraanisfoormeeshinii galmaan ga'uun irra caalaa fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuun dirqamadha jedhaniiru.

 

Walitti qabduun koreen hundeessituu foramichaafi dura teessuun liigii dubartoota DH.D.U.O Adde Roozaa Umar dubartootni kootaa qafaan osoo hin ta'iin dhiiraan wal dorgomtees gara gaggeessummaatti dhufuu danda'uu qabdii jedhanii isa kanas kan galmaan ga'u fooramii amma hundeeffameedha jedhaniiru.

Yaa'iin kun turtii isaa guyyaa lamaa keessatti danbii ittiin bulmaataa foramichaa fi karoora kallatti waggaa lamaa foramichi ittiin ogganamuu irratti mari'atee mirkaneeseejira.

Dhuma irrattis yaa'iin fooramichaa Adde Dammituu Hambisaa dura teessuufi Adde Roozaa Umar itti aantuu godhee filachuudhaan xumurameera.

 

 

 

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO How to play lords of the rings online