Caaffeen Oromiyaa labsiiwwaniifi muudama abbootii seeraa raggaasisuun xumurame

hirmaattota yaa'ii caffeeWal-gahiin idilee 7ffaa waggaa 3ffaa bara hojii Caffee 4ffaa oolmaasaa guyyaa lamaan, Wixinee Labsii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii, Wixinee Labsii To’annoo Faalama Naannoo, Wixinee Labsii Sakatta’iinsa Dhiibbaa Naannoo Moo­tummaa Naannoo Oromiyaafi muudama abbootii seeraa adda addaa mirkanees­suun xumurame.
Caffichis, oolmaasaa guyyaa jalqa­baatiin Labsii, Biiroo Galiiwwan Oromiyaa ture gara Abbaa Taayitaa Galiiwwan Naannoo Oromiyaatti geed­daruuf bahe dhageeffateera. Labsii Ab­baa Taayitaa Galiiwwan Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf bahe kan dhiyeessan hogganaan Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Ob. Yohaannis Dinqaayyoo wayituma kana akka jea­hanitti, waggoottan darban riifoormii adda addaa bahan bu’uura godhachuun hojiileen hojjetaman jijjiirama gaarii fiduu danda’aniiru.
Haa ta’u malee, qorannoo deemsi­fameen hudhaaleen ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaa waliin wal-qaba­tan ammayyuu rakkoolee hin dhabam­isiifamnedha. Kanaafuu, amala addaa hojiiwwan bulchiinsa gibiraa, taaksiifi kaffaltiiwwan tajaajila adda addaa it­tiin raawwataman giddugaleessaa god­hachuun sirna bulchiinsa hojjettootaa malaammaltummaa, saamichafi loogii irraa qulqulluu ta’eefi naamusa gaariiti­in gaggeeffamu diriirsuun murteessaa ta’ee argameera.
Akkasumas,gibiraafi taaksii di­nagdeen naannichaa maddisiisu dug­uuganii sassaabuun KGT galmaan ga­huu haala dandeessisuun gurmaa’insa haaraa, iftoominaafi itti gaafatamum­maa qabu diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef qaama mootummaa of-danda’ee, humna nama barateefi teekinoloojiitiin dorgomaa ta’ee, galii naannichaa ak­kaataa barbaachisuun galchuudhaaf Biiroo irraa gara Abbaa Taayitaatti geeddaruun akka barbaachisedha Ob. Yohaannis kan ibsan.
Caffeen kunis, yaadaafi gaaffiid­haan labsicha erga gabbisanii booda, sagalee guutuudhaan Labsii Lakkoofsa 175/3/2005/ ta’ee ragga’eera.
Caffeen kun itti aansuudhaan Labsii Sakatta’iinsa Dhiibbaa Naannoo Moo­tummaa Naannoo Oromiyaa fi Wixinee Labsii To’annoo Faalama Naannoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa mur­teessuuf bahe dhaggeeffateera.

Kunis, dhiibbaalee piroojektoon­ni investimantii geessisan dursanii, tilmaamuufi tarkaanfii fudhachuuf kan dandeessu yoo ta’u,seera addunyaafi bi­yya keenyaa waliin wal-simsiisuun kan bahe ta’uu ibsameera.
Naannoo faaluudhaan guddina bi­yyattiin itti fufiinsaan gama hawaa­summaafi dinagdeedhaan galmeessisaa jirtu gufachiisuu danda’an kunneen to’achuudhaaf labsiin to’annoo Wix­ineen labsii sakatta’iinsa Dhiibbaa naannoo Faalama naannoo baheera lab­siin kun rakkolee gama kanaan dhufan irratti tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf dandeessisa jedhameera.
Labsiiwwan lamaan kunneen kan dhiyeessan Hogganaan Biiroo Lafa Baadiyyaafi Eegumsa Naannoo Oromi­yaa Ob. Dirribuu Jamaal akka jedhanit­ti, labsiiwwan lamaanuu bahuun isaanii mootummaan naannichaa xiyyeeffan­naa eegusma naannoof kenne ol’aanaa ta’uusaa kan mul’isudha. Kana malees, qaamoleen investimantiitti seenuuf jed­haniifi bobba’anii jiran hojii eegumsa naannoo irratti xiyyeeffatanii akka hojj­etan kan taasisu akka ta’e dubbataniiru.
Miseensota Caffee kanarraas hoji­irra oolmaa labsichaa, qophaa’ummaa Biirichaafi bal’ina hojichaafi gahumsa humna namaa irratti gaaffiilee ka’aniif Ob.Dirribuun deebii erga kennani boo­da, Caffichis yaadaan gabbisee sagalee guutuudhaan raggaasiseera. Labsii Lak­koofsa 176/3/2005 fi Wixineen Labsii To’annoo Faalama Naannoo Mootum­maa Naannoo Oromiyaas Labsii Lakk­oofsa 177/3/2005 ta’uudhaan moggaa­fameera.
Kana malees, Caffichi guyyaa xumu­ra wal-gahiisaatiin muudama abbootii seeraa Mana Murtii Waliigala Oromi­yaatiin dhiyaates raggaasiseera.
Pirezidaantiin Mana Murtii Walii­gala Oromiyaa Ob.Damoozee Maam­mee wayita dhiyeessan akka ibsanitti, tajaajilli abbaa seerummaa gahumsa guddaa, naamusa gaarii, kaka’umsaafi ilaalcha ummatummaa waan barbaad­uuf isaan ala kan hojjetamu bu’aa bar­baadamu fiduu hin danda’u, Kanaafuu, haala bal’ina hojichaa waliin wal-qaba­tee humna namaa gahumsa qabu hora­chuudhaaf M/M/W Oromiyaa car­raaqqii taasisaa jiruun bu’aan argamus, hanga barbaadamu kan deeme waan hin taaneef abbootii seeraa 77 muudamaaf dhiyaatanii,sagalee caalmaadhaan ragga’eera