Waldaaleen IMX gara

investimantiitti seenaa jiru

Intarpiraayiziin Maayikiroofi Xixiqqaa qonnaatti aanee carraa hojii bal'aan kan itti uumamu ta'uusaatiin hiyyummaa dhabamsiisuu keessatti gumaachi inni qabu daran ol'aanaadha.Dabalataanis, misooma teekonolojii ce'umsa gara industirii giddu galeessaatti taasifamuuf haala mijaawaa uumuudhaan guddina dinagdee keessatti meeshaa addaa isa ijoo dha.

Waggoottan darbanitti, ijaarsa waldaalee IMX gaggeeffamaa ture keessatti rakkoowwan hedduu mul'ataa akka turani beekama. Rakkoowwan kunneen keessaa liqaan kennamuufi fedhiin jiru wal-simuu dhibuu fi liqaan kennames seeraan deebi'uu dhabuun ni caqasamu. Kun ta'uun isaa ammoo, mootummaan karoora Guddinaafi Tiransifoormeeshinii waggaa shanii milkeessuu waajiin wal-qabatee deeggarsa Intarpiraayizoota Maayikiroofi Xixiqqaaf taasifamu akka itti fufuu gochuu irratti dhiibbaa qaqqabsiisuu akka dhanda'uus ni amanama. Kanaafuu, rakkoowwan mul'ataa jiran kunis akka furmaniif mootummaan xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuu irratti argama.

Waldaaleen maallaqa ka'umsaa ofii isaaniitiin sochii jalqaban kan akka waldaalee ijaarsaa ammoo, rakkoolee tuqaman kanaan ala gurmaa'an rakkoon liqaa gufuu isaanitti ta'uu waan hin dandeenyeef hunda caalaatti bu'aa qaqbeessa ta'aa dhufaniiru. Nutis, qophii keenya kanaan sochii hojii waldaalee IMX godina Addaa Naannawa Finfinneetti kan magaalaa Sabbataa isin dubbisiifna.

Waldaalee IMX magaalaa Sabbataatti hundaa'anii hojii ijaarsaa irratti hojjetaa jiran keessaa tokko Waldaa Ijaarsa Waliigalaa Abdiiti. Dura taa'aan waldichaa Ob. Bashaadaa Ilaalaa ibsa nu kennan irraa akka hubannetti, waldaan Ijaarsa Waliigala Abdii bara 2000tti miseensota kudha tokko ta'aniin hundaa'e. Wayita sanatti, maallaqa kaappitaalaa miseensotni kunneen birrii dhibba tokko tokko walitti buufataniin walumaagala birrii 1100n hojii keessa seenan. Baruma hundaa'an kanatti walitti hidhiinsa gabaa bulchiinsi magaalaa Sabbataa uumeefiitti gargaaramuudhaan hojii hojjetaniin kaappitaalli isaanii waggaa tokko keessatti gara birrii 250,000tti ol guddachuu danda'eera.Wayita ammaas, kaappitaalli waldichaa birrii miiliyoona 1.5 irra gaheera.

Akka ibsa Ob. Bashaadaatti, koreeniifi miseensotni waldichaa haala demokraatawaa ta'een waan wal bulchaniif miseensotni waldichaa otoo hin harca'iin waliin hojjetaa jiru. Miseensotni kun galii argatan irraa ji'aan bifa mindaatiin kan kaffalamuuf yoo ta'u, hunduu ji'aan birrii 1500 walqixa ni argatu.

Ob. Bashaadaan akka himanitti, fakkeenyummaa waldichi qabu keessaa,ofii hojii uummachuu irra darbee hoj-dhabdoota birootiif kan yaadu ta'uusaati. Yeroo ammaa waldichi hojiilee kontiraata fudhatee hojjetaa jiru keessatti yoo xinnaate guyyaatti namoota hoj-dhabeeyyii 20 hanga 30 ta'aniif carraa hojii uumuudhaan fayyadamaa taasisaa jira.

Waldichi lafa kaaree meetira 615 investimantiif oolu bulchiinsa magaalaa Sabbataa irraa fudhachuudhaan birrii miiliyoona sadii oliin gamoo abbaa darbii afurii tokko ijaaruuf qophii xumuraa jira. Gamoon kun yeroo ijaaramee xumuramu rakkoo waajjira waldichaa kan furuufi kutaalee daldala addaa addaaf oolan kireessuun galii waldichaa cimsuuf hojjetama akka ibsa dura taa'aa kanaatti .

Ob. Bashaadaan jijjiirama jireenya isaanii irratti mul'ates wayita dubbatan, “Ani kana dura manaajimantiidhaan dippiloomaan qaba ture. Har'as, fedhiin barumsaaf qabu guddaa waan ta'eef hojjechaa digiriikoo fixaan jira. Miseensotni waldichaa hedduun kan dura barnoota isaanii kutaa 6 fi 8tti addaan kutanii turan yeroo ammaa itti fufuudhaan barataa jiru.” Jedhaniiru.

Waldaadhaan ijaaramanii hojii keessa erga seenaniis, kan mana hin qabne, mana ijaarrateera. Kan dhala isaa sirriitti barsiifataa hin turres, barsiifataa jira jechuudhaan Ob. Bashaadaan himaniiru.

Waldaan ijaarsa irratti gurmaa'ee magaalaa Sabbataatti hojjetaa jiru inni biraan ammoo Waldaa Ijaarsa Waliigalaa Waliin Guddachuuti. Erga hundaa'ees waggaa lamaafi ji'a saddeet lakkoofsiseera. Miseensota fedhii qaban kudhaniin hundaa'e. Haa ta'u malee, namootni sadii jijjiiramni yeroo gabaabaa keessatti maaliif hin dhufne jechuudhaan abdii kutachuun yoo gadi dhiisan namootni toorba ammoo hojjetaa jiru. Kaappitaala ka'umsaa birrii kuma tokkoon ture meeshaalee hojii bitachuudhaan kan hojiitti seenan. Yeroo ammaatti, meeshaalee ijaarsaaf barbaachisan gahaafi kankolaataa ittiin hojjetan kan qaban yommuu ta'u, kaappitaalli isaan wayita ammaa qaban birrii miiliyoona 1.5 akka dura taa'aan waldichaa Ob. Tashoomaa Zanbaabaa dubbataniiru.

Akka Ob. Tashoomaan caqasanitti, walitti hidhiinsa gabaa mootummaadhaan uumamu otoo hin eeggatiinidha hojii ofii barbaaddachuudhaan kan hojjechuu eegalan. Wayita nuti isaan dubbisne kanatti, manneen dhuunfaa kudha tokko ijaaruuf fudhachuudhaan hojjetaa jiru. Hojii qulqullina qabuufi sadarkaa isaa eeggate hojjennaan fudhatamummaan dhufuu ni danda'a kan jedhan Ob. Tashoomaan, sadarkaa har'a waldaan Waliin Guddinaa irra gahee jiru kana keessatti gorsiifi deeggarsi bulchiinsa magaalaa Sabbataafi waajjira misoomaa IMXfi Industirii misooma magaalaa Sabbataa ol'aanaa akka ta'es ni dubbatu.

Namni hojii dhabe uummatee yoo hojjete guddachuu danda'a kan jedhan dura taa'aan kun, “ Imaammatni mootummaan baase rakkoo tokkollee hin qabu. Haa ta'u malee, gama hundaanuu hubannoon barbaadamu hanga uumamutti yeroo waan gaafatuuf yeroo ammaa gama waajjira IMXtiinis ta'e, gama hoj-dhabdootaatiin jijjiiramni mul'ataa jiru salphaa miti. Kan faayidaa isaa hubatee imaammata mootummaan baase kanatti amantaan itti galee hojjete garuu abbaa miiliyoonaa ta'aa jira” Jechuudhaan toorri keenya toora jijjiirama fidaa jiru ta'uu isaa addeessu.

Ob. Warquu Dabalee itti gaafatamaa itti aanaa waajjira Misooma IMXfi Industirii misooma magaalaa Sabbataati. Isaanis gama isaaniitiin akka jedhanitti, bara bajataa 2003 keessa dargaggoota BLTO irraafi kanneen biraa irraa babahan gurmeessuudhaaf adeemsa maallaqa qusachiisuu keessa jiru. Bara kana liqaan ni gadhiifama jedhamee waan eegamuuf dargaggoota kana hojiitti galchuudhaaf hojjetama. Keessattuu ammoo, bara haaraa kanatti Industiriifi Manufaakcheriingii/Manufacturing/ irratti karoorri bal'aan qabamuu kan ibsan Ob. Warquun, haaluma kanaanis, hoj-dhabeeyyii magaalichaa, barattoota Yunivarsiitiidhaa bahaniifi dhabbata leenjii BLTO irraa eebbifaman hojii kanatti galchuudhaaf calalliin taasifameera. Kanaafis, eddoon oomishaafi gurgurtaaf ta'u lafti karee meetirri kuma 12 qophaa'eera.

Ob. Warquun akka himanitti, waldaalee 67 ta'an qabeenya isaanii odiitii gochiisiisuudhaan calallii taasifameen waldaalee 5 kan ta'an kaappitaala birrii miiliyoona 1.2 hanga 2.5 galmeessisan gara giddu galeessatti ceesisudhaaf sochii keessa seenameera. Waldaalee 30 ta'an ammoo, Maayikiroo irraa gara Xixiqqaatti ceesisuun akka danda'ames ibsaniiru.

Dubbistotaa! Hojiiwwan misooma IMX irratti hojjetamaa jiran kana qofa miti. Namootni hojiilee hedduun gurmaa'anii, fayyadamaa ta'aniiru. Keessattuu, bara kana hojiileen gama kanaan raawwatamuu qaban hedduun waan jiraniif, namoota baay'ee hojii keessa galchuun daran itti fayyadamaa akka taasisus shakkii hin qabnu.

 

 

 

 

About Us | Policy | Contact Us | ©2010 OPDO How to play lords of the rings online