Kallattiiwwan misooma qabeenya uumamaa, misooma jallisiifi bonee milkeessuuf hordofamuu qaban

Akkuma addunyaatti, eegumsiifi kunuunsi qabeenya uumamaatiif god­hamu xiqqaachuu isaarraa kan ka’e, bu’uura jireenyaa kan ta’e qabeenyi uumamaa yeroo irraa gara yerootti xiqqaachaa dhufeera. Haalli kun im­moo jireenya lubbu-qabeeyyiifi oom­ishaafi oomishtummaa keenyarratti dhiibbaa fidaa akka jiru beekamaad­ha.
Haata’u malee, dhaabniifi mootum­maan keenya rakkoo kana maqsuud­haaf waggoottan sadan darban keessa raayyaa misoomaa ijaaree leenjiiwwan adda addaa kennuudhaan eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaarratti hojii bal’aa hojjetaa tureera/jiras.
Keessattuu, gama eegumsa, kunu­unsaafi misooma qabeenya uumamaar­ratti, hawaasni bosona bade deebisee dhaabuudhaan, kan haphate gabbisuu ykn heddummeessuudhaan, haaraa misoomsuudhaafi tuttuqqaa namaafi beeyilada irraa bilisa taasisuudhaan balaa lubbu qabeeyyiifi oomishaafi oomishtummaa keenyaaf yaaddes­saa ta’aa jiru kana maqsuudhaaf, hojii bal’aa hojjetaa jira. Hubannaa um­manni dhimma kanarratti qabuufi ba­laa mancaatiin qabeenya uumamaa geessisaa jiru attamitti ilaaltuu? Yoo kan wal-hin-simne ta’e maaltu nurraa eegamaa?
Hojiin kunuunsaafi eegumsa qa­beenya uumamaa bara 2004 keessa hojjetame, kan baroota darbanii caa­laa sosochiin ummataa kan keessatti uumameefi bu’aa guddaan kan itti galmaa’e ta’uyyuu, hanqinoonni hed­duunis keessatti galmaa’aniiru.
Hanqinoonni kunniin rakkoolee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessii hog­ganaa ol-aanaadhaa kaasee hanga ogeessaafi qonnaan bulaa bira jiruud­ha. Hoggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru humna misoomaa hunda qindees­suun hanga dhumaatti deeggarsaafi hordoffii walitti fufiinsaan kennuun bu’aa eegamu fiduu dadhabuun rakk­oo guddaa ture. Hanqinoota boqonnaa qophii keessatti mul’atan adda baa­suun battalatti kallattii furmaataa ken­nuurra, rakkoolee kanniin waliin gara boqonnaa raawwiitti ceehuun waliin rakkachuunis mul’ateera.
Gama biraatiin, hojii kunuunsaafi eegumsa qabeenya uumamaa fayyada­mummaa ummataatiin wal-qabsiisanii hojjechu dhabuunis rakkoowwan mul’atan keessaa tokko ture. Humna dargaggootaafi dubartootaa hojii kana keessatti karaa guutuu ta’een fayyada­muun hin danda’amne. Kanarraa kan ka’e, fayyadamummaan dargaggootaa fi dubartootaa hanga barbaadamu hin mirkanoofne.
Haala qabatamaa manca’insa qa­beenya uumamaa amma jiruun, hojii hiixatanii karoorfachuun osoo bar­baachisuu, ququnxuranii karoorsuu, karoorri bahu haala qabatamaa jiru xinxaluurra, karoora ka’umsaaf naan­noo irraa bahe akka jiruun fudhachuun mul’ateera.
Rakkoon inni biraa, ilaalcha Oromi­yaan badhaatuudha jedhanii seenaa darbeen of tuulanii jiraachuu fedhuuti. Eeyyee Oromiyaan kaleessaa magarii­tuudha. Har’a hoo?
Hanqinni guddaan hojii bara dar­bee keessatti mul’ate inni biraan im­moo, hojii eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa hojii misooma beeyladaa waliin qindeessanii hojj­echuu dhabuudha.
Hanqinoota hojii bara darbee kees­satti mul’atan kana attamitti hubat­tanii? Hanqinoota kana haala kanaan adda baasnee beekuun hojii keenya bara kanaatiif bu’aa maalii qabaa?
Hojiin eegumsaafi kunuunsa qa­beenya uumamaa bara darbe hojj­etame hanqinoota armaan olitti tuqa­man kanniin qabaatullee, hojii bara kana hojjennuuf bu’uura cimaa nuuf ta’a. Bu’urummaan isaatis, muuxx­annoowwan gaggaarii gama kanaan galmaa’ani.
Hojii bara darbee kanarraa cimi­noota argaman cimsuun, hanqinootaaf ammoo kallattii furmaataa kaa’uun ka­roorri hojii bonaa misooma qabeenya uumamaa fi misooma jal’isii bara kanas hojii ijoo raayyaa misoomaa cimaan raawwatamu godhachuun bo­qonnaan qophii isaa xumuramee bo­qonnaa raawwiitti galameera.
Kanaafis, kallattiin gurguddoo hor­dofnee karoora keenya raawwannu taa’aniiru. Waa hunda dura hojiin hojjenuu kallattii hojiirra oolmaa KGT hordofuu qabna. Isaanis, hojii hojjennu bu’uura TMGB hojjechuu, bishaanii fi qabeenya uumamaa gahumsaan fayya­damuufi qonnaan bulaan keenya oom­isha galii gaarii argamsiisu irratti xi­yyeeffatee akka oomishu taasisuudha.
Kallattiiwwan hordofamuu qaban
- Raawwataafi raawwachi­isaan ilaalcha wal-fakkaataa akka qabaatu taasisuudha. Kanaaf ammoo, leenjiin boqonnaa qophii sadarkaa naannootti gaggeessitoota ol-aanoofi giddu galeessaaf kenname hanga qon­naan bulaatti gadi bu’eera. Waltajjii leenjii kanarrattis hanqinootaafi cimi­noota bara darbee irratti akka mari­yatamu kallattiin taa’eera. Kallattii furmaataaf kaa’ameefi hojiilee bara darban hojjetaman irraa muxxannoo argamaniin hojii qabatamaa keessa galuun murteessaadha.
- Karoorri hojii Bonaa hanga qonnaan bulaa dhuunfaatti bahu hiix­ataa haala qabatamaa jiru xiinxaluu irratti hundaa’uu isaa mirkaneeffa­chuun barbaachisaa ta’a.
- Hojiin hojjetamu hundi kal­lattii kaa’ame eegee akka raawwatu deeggarsaafi hordoffii walitti fufiin­saan kennuunis kallattii hordofamuu qabudha.
- Hojiin misooma qabeenya uu­mamaa kan qonnaan bulaa qofa waan hin taaneef, jiraattoota magaalaa dabalatee dhaabbileen mootummaafi mit-mootummaa, akkasumas, dhaab­bileen amantii keessatti qooda akka fudhatan gochuu
- Hojii misooma sululaa hojii­lee misooma beeyladaa waliin walitti qindeessuun hojjechuu. Sulula misoo­ma keessatti nyaata beeyladaatu misooma. Nyaata misoomu kana haa­manii nyaachisuun oomishaafi oom­ishtummaan beeyladaa foyyeessuun ni danda’ama. Gama biraatiin, sababa dheedichaatiin baadiin qabeenya uumamaarra gahu ni hir’ata. Beey­ladoonni toora kanatti misoomanis warreen sanyii fooyya’oofi oomish­tummaa foyyee qaban ta’u. Kanaaf ammoo, sagantaa mala harka namaan diqaalomsuun naannawa misooma sululaa kanatti bal’inaan hojjetamuuf karoorfamee jira.
- Sagantaa kanaan ala, misoomni sululaa horsiisa kanniisaatiif mijataa dha. Kanaaf, hojii misooma sululaa keessatti dargaggootaafi dubartoota gurmeessuun hojii kana irratti hir­maachisuun bu’aa gar-lamee ar­gamsiisa. Sululli misoomuu fi sulula misoome keessatti dargaggoonnii fi dubartoonni dinagdeen fayyadamoo ta’uu.
Hojiin misooma sululaa oomisha qonnaa keenyaaf mijaa’aa dha. Haalli mijaa’aan yoo argame ammoo, caal­maatti misoomsuun galma karoora GT milkeessuudha. Karoora GT keessatti oomishaafi oomishtummaa keenya dachaan daballa jennee karoorfan­neerra. Rooba qofa eegnee omishuun kana milkeessuu dandeenyaa?
Kanaaf, filannoon jiru, qabeenya bishaanii qabnu hunda duguugnee fayyadamuun waggaatti si’a 2 fi isaa ol oomishuu danda’uu qabna. Kallattiin hojii Bonaatiif taa’ees kanuma. Gag­geessaan sadarkaan jiru kallattiiwwan kanaan hogganaa jiraa? Ogeessi hoo? Deggersa kallattiiwwan kana bu’uura godhate kennaa jiraa? Qonnaan/horsiisee bulaan kallattiiwwan kanaan gara hojiitti seeneeraa