Baranas akkuma bara darbee, misooma magariisaaf raayyaa ijaarameen

Aara industriiwwan biyyoota di­nagdeen guddatan irraa gadilakkifamu, qillensa faaluun madaala isaa akka dha­bu taasiseera. Ho’insi Addunyaa gara malee dabluu isaatiin tulluuwwan cab­bii bifa mul’atee hin beekneen baquun galaana guutaan. Dimbiliquun galaan­ota kanaatis dhumaati dhala namaatiif sababa ta’eera. Hongeen babal’achuu isaatiinis omishaafi omishtummaan qonnaa xiqqaachuu danda’eera. Lubbu-qabeeyyiinis badii hin hojjanneen ada­bamuuf dirqaman. Rakkoo dinagdeetiin wal-qabatee manca’insi bosona irraa gahu ammoo, keesumattuu biyyoota Afrikaa keessatti rakkicha daran ham­meesseera.
“Kan dhugu ana, kan machaa’u mee­ti” akkuma jedhamu, badii biyyoonni dinagdeen badhaadhan hojjetaniin bi­yyi keenya ta’e, Afrikaan rakkoolee ji­jjiirama qilleensaan wal-qabatanii uu­mamaniin adabamuun dirqama itti ta’e. “Badii isin hojjettaniin adabamuu hin qabnu” jechuun abbaan mul’ata biyya keenya jaallee Mallas Afrikaa bakka bu’uun mormiin dhageessisan Afri­kaanotaa dhugaa argamsiisera. Inumaa Afrikaan beenyaa argachuu akka qabdu dabalataan amansiisuun.
Badii dureeyyonni raawwataniin hin adabamnuu gaaffii Afrikaanotaa dhag­eessisaa, gadi lakkifama Co2 misooma magariisaatiin hir’isaa adeemuun, ejj­ennoo Itoophiyaa kan ta’e, waggoottan 2-3 darban keessatti hojiin gama kanaan hojjetame, Addunyaa raajii kan jechisi­ise. Haata’u malee, hojiin hojjetame ba­dii qabeenya uumamaarra gahe waliin wal-bira yoo ilaalamu ammas hojii caal­maa hojjechuun dirqama akka ta’e kan agarsiisu.
1. Omishaafi omishtummaa da­baluu keessatti hojiin kunuun­saafi eegumsa qabeenya uumamaa shoorri isaa akkamiin ifaa?
Xiinxalli haalaa manca’insa qabeeya uumamaatiin wal-qabatee hojjetame akka agarsiisutti, akka biyyaatti wag­gaadhaan bosonni hek. Kuma 70 ta’u akka manca’uufi biyyoon toonii mil 4.2 caalu ammoo haramee bada. Kun ammoo omishaafi omishtummaa qon­naa irratti hammam dhiibbaa akka qabu tilmaamuun nama hin rakkisu. Rakkoo kanaaf fala kan ta’u ammoo hojiilee misooma sululaa, eegumsa biyyoofi bishaanii baroottan achaanuu fi bara darbe sosochii hawaasaa bal’aadhaan hojjetamaa ture, bara kanas caalmaatti humna raawwachiistummaa cimsuun itti fufsiisuudha. Waltajjiin dhimma ka­naafi kan biroos irratti xiyyeeffate tib­bana Magaalaa Adaamaatti hoggantoota ol-aanaafi giddu-galeessaa hirmaachisu­un taa’ameera. Waltajjii kanaan kallattii karoorri hojii Bonaa itti raawwtu irratti leenjjiin kan kenname yoo ta’u, leenjii kennuun cinaattis rakkooleen raawwii keessatti bara darbe mudatan adda ba­haniiru.
Hojii kunuunsa qabeenya uuma­maatiin wal-qabatee ajandaan ijoon, hojii fizikaalaafi Baayolojikaawaa hoj­jetamuun dhimmoota wlitti hidhaminsa qaban hunda qindeessuun raawwa­chuudha. kunis Kunuunsaa fi misooma beeyladaa akkasumas misooma bunaa­ti.
Itti aanaa hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Ob. Abbabaa Dirribaa ka­roora hojii Bonaa irratti xiyyeeffachuun hirmaattota wayita mariisisan “Wag­goottan lamaa hanga sadii keessatti, hojiiwwan misooma sululaa hirmaannaa ummataatiin hojjennee xumura kan jed­hu jalqabarratti shakkisiisullee, hojiin bara 2004 keessaa sosochii uummatatiin hojjetame wanti hin danda’amne akka hin jirre kan mul’ise.
1. Duula kunuunsaa fi eegumsa qa­beenya uumamaa 2004 hojjetamee irraa maal baranne?
Bara 2004 muxannoowwan gaggaarii naannoo Tigraay, Oromiyaa keessaa Godinaalee Harargee lamaanii fi Sha­waa kaabaatti argaman bu’uura TMG­Btiin Oromiyaa hunda keessatti bifa wal-fakkaatuun akka hojjetamu sochiin godhame baay’ee milkaa’aa ture.
Sosochii ummatatiin yeroo gabaabaa keessatti karoora misooma magariisaa milkeessuuf sochiin godhame baay’ee jajjabeessaa ta’uyyuu, hanga barbaa­dame akka hin raawwanne dhimmoota hudhaa jedhaman mariin kun adda baa­seera. Rakkooleen kuniin adda bahuun isaanis karoora misooma sululaa bara 2005 keessa hojjechuuf qabame daran milkaa’aa taasisuudha.
Rakkoolee raawwii hojii misooma qabeenya uumamaa bara 2004 keessa mudatan jedhamanii adda bahan, rak­koo ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessii hogganaa ol-aanaa kaasee hanga ogees­saa bira jiruudha. Kanniin keessaa hog­ganaan sadarkaa sadarkaadhaan jiru deeggarsaafi hordoffii walitti fufiinsaan gochuu dhabuu, hojii qabeenya uu­mamaa fayyadamummaa ummataatiin wal-qabsiisuu dhabuu, kunis qooda fudhannaa dargaggootaafi dubartootaa dabaluuf hojiin qindeessuu hojjetame laafaa ta’uu, rakkoolee wayita shaakallii mul’atan bu’uura irratti hiikuun hojiitti galuu dhabuu akka ta’e Ob. Abbabaan kan ibsan. Dhiyeessidhaanis wal-qaba­tee, fedhii jiru dursanii adda baasuufi dhiyeessuurrattis rakkoon mul’ateera. Ogeessa birattis rakkoon ilaalchaa ture, hirmaannaa ummataa akka galtee gud­daatti fudhachuu dhabuu, kunis karoora hiixataa baasuun hirmaannaa ummataa bal’aa ta’een milkeessuu dhabuufi, hojii qonnaa hojii misooma midhaanii qofa godhanii ilaaluufi k.k.f.n ta’uutu ib­same.
Rakkooleen kunniin bara kana akka itti fufan gonkuma hin barbaadamu. Marii kanaan adda bahuun isaanitis waan darbe irraa barachuun bu’uura ciminaa karoora itti aanuu godha­chuudha. Haaluma kanaan hanqinoota mul’atan kanniin gara ciminaatti jijji­iruuf kallattiin dandeessisu hirmaattota leenjii kanaaf kennameera.
Ilaalcha jijjiiruun hojii ijoo dha. Raawwataanis ta’e raawwachiisan ilaalcha tokkoo qabatanii, hojii hunda raayyaa fi raayyaa qofaan hojjenna ejj­ennoo jedhu irraa gahuutu irraa eegama. Kunis leenjii hubannoo cimsuu sadar­kaa sadarkaadhaan kennamuun boqon­naa qophii keessatti xumurama. Kun akka ta’uuf leenjiin sadarkaa naannootti jalqabame sadarkaa sadarkaadhaan han­ga qonnaan bulaatti gadi bu’a. Leenjid­haan alatti, keessumattuu rakkoo ilaal­chaa qonnaan bulaa bira jiru jijjiiruuf, hojii qabatamaa hojjetameen muuxan­noo argame daawwatee akka amanu taasisuu yoo ta’u, kan biroo ammoo hojii qabeenya uumamaa hojjetamu ka­naan ummanni qabatamaadhaan fayya­damaa akka ta’u taasisuudha. Gaarreen misoomsuu qofa osoo hin taane, gaar­reen misooman kanaan wal-qabatee, jal­agaarreenitti burqaan madduu qaba. Sa­baba dhiqama biyyootiin xiqqaachuun omishaa hafuu qaba. Kanaan alas hojii misoom qabeenya uumamaa kanaan dar­gaggoonnii fi dubartoonni gurmaa’anii irratti hojjechuun fayyadamoo ta’uu qabu. Kun yammuu jedhamu hojii Bona tokkoo hojjetameen burqaan maddee bu’aan battalaa kan mul’atu osoo hin taane, hojiileen waggoottan lamaafi sadi dura hojjetaman kan qonnaan bulaan it­tiin baratu ta’uu ni danda’u. Hojii kunu­unsa qabeenya uumamaa wayita Bonaa hojjetamuun wal-qabatee, kallattiin kenname kan biraa, dhimma deeggarsaa fi hordoffiiti. Deeggarsaafi hordoffiin laafaa taanaan wanti hojjetamuuf yaa­dame ni milkaa’an waan hin fakkaanne. Kanaafuu, hojiin hojjetamu hundi karo­oraan hogganamuu fi kallattii kaa’ame raawwatamuusaa hordofuudha. Qooda fudhattoota adda addaa hirmaachisuu keenya mirkaneessuu, kanas jechuun hojjetamuu hojii misooma qabeenya uu­mamaarraa bu’aan argamu kan qonnaan bulaa qofa waan hin taaneef, hawaasa magaalaa dabalatee, abbootiin aman­taa, gaggeessitoonni hawaasummaafi dureeyyoonni keessatti akka hirmaatan haala mijeessuudha.
Kallattiin kan biroon, karoora hi­ixataa raayyaa cimaa ijaarameen hojii misooma qabeenya uumamaa hojj­echuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu galma godhate baasuu danda’uudha. Karoorri kun karoora ka’umsaa sadarkaa naannootti bahe ka’umsa godhachuun hanga qonnaan bulaa dhuunfaatti qophaa’a. Yammuu qophaa’us adeemsa karoorri misooma sululaa itti bahu hordofee qophaa’uu qaba. Kunis haala qabatamaa qilleensa baramaa (Ecology) hordofee ta’uutu irra jiraata.
Kabajamtoota dubbistoota keenya, maxxansa kanaan hammana yoo isiniin jenne, kutaa itti aanuun, hojii Bonaa hojjetamu keessatti, humna raawwachi­istummaa cimsuun hojiileen fizikaalaafi Baayolojiikaalawaa hojjetamuu qaban maalfaa akka ta’an. Kan isiniif dhi­yeessinu ta’a.