opdo2IMXn tattaaffii ofiitiin riqicha industirii ta’aa jiran

Tarsiimoon misooma IMX, carraan hojii bal’inaan kan itti uumamu, rakkoo hojii dhabdummaafi hiyyummaa furuu itti danda’amu qofa osoo hin-taane, interpiraayizootni teeknooloojiiwwan haarawaa fudhatanii hojii irra oolchuud­haan galma bu’uura induustirii uumuu keessatti gahee guddaa akka qabaatan kan taasisu akka ta’es ni amanama.


Kunis wayita ammaa interpiraayi­zootni muraasa hin-taane cee’umsa tee­knooloojii irratti mul’achuu eegaluun isaaniis bu’aa tarsiimichaa akka ta’e argisiisa.
1.Cee’umsa idustiriidhaaf gosa hojii maanufaakchariingii irrat­ti bobba’uun faayidaa akkamii qaba?


Kanaaf ammoo fakkeenya gaarii kan nuuf ta’u bara kana torbee magaalotaa 4ffaa magaalaa Adaamaatti kabajame irratti interpiraayizootni magaalota hedduu kalaqa haarawaa agarsiisa /eg­zibiishinii/ qophaa’ee irratti dhiyeessuu isaaniiti.


Interpiraayizoota kalaqa haaraa qa­batanii agarsiisa qophaa’e irratti kan­neen hirmaatan keessaa interpiraayizii magaalaa Bishooftuutti argamu maqaa “Kuwaaliitii keem” jedhamuun beeka­mu isa tokko.
2.Teeknoloojiiwwan haaraa jechuun maal jechuudha?
Interpiraayizichi dargaggoota shan Yu­univarsiitii irraa xumuranii bahaniin kan hundaa’e yemmuu ta’u, agarsiisa /egzi­biishiinii/ magaalaa Adaamaa dhiyaatee ture irratti bu’aa kalaqa isaanii kan ta’e oomisha saamunaa dhangala’oo dhi­yeessaniiru.


Dura taa’aa interpiraayizii /IMX/ kanaa kan ta’e dargaggoo Yohaannis Tasfaayee sochii interpiraayizichaa ilaalchisuun kutaa qophii keenyaaf ibsa kenneen “Nuti dargaggootni maqaa in­terpiraayizii “Kuwaaliitii keem” jedha­muun kan gurmoofne hundi keenya bar­noota yuunivarsiitii xumurreerra.
Akka carraa ta’ee shanan keenyayyuu hojii mootummaa osoo hin-eeggatiin carraa hojii ofiin uumuu mootummaan nu mijeesseen gurmoofnee gosa hojii bu’a-qabeessa nu taasisuu danda’u ir­ratti bobba’uudhaaf walii galle.


Erga ijaaramnee booda, oomisha gabaa irratti barbaadamu qorachuu ee­galle. Wantoota naannoo keenyatti sal­phaatti argamuu danda’aniin, oomisha saamuunaa dhangala’oo oomshiuu akka danda’amu hubanne. Kana boodas oom­isha saamunaa dhangala’oo oomishnee gabaadhaaf dhiyeessuu eegalle. Oom­ishni agarsiisa kana irratti dhiyeessines bu’aa kalaqa keeyaatti.” Jechuudhaan dubbata.


Akka ibsa dura taa’aa interpiraayi­izii kanaatti baalaafi wantoota naannoo keenyatti argaman kanneen birooti­in oomisha saamunaa omishuu erga jalqabnee ji’a ja’a ol ta’eera. Oomishni isaaniis gabaa akka argatuufi dorgomaa akka ta’u gara dhaabbilee garaagaraa deemuudhaan beeksisaa jiru. Bu’aa gaariis itti argataa jiru.


Miseensotni interpiraayizii kanaa waggaa tokko keessatti hojii beekumsa irratti hudnaa’een bobba’anii bu’a-qa­beessa itti ta’an kana fulduratti cimsanii itti fufuuf hawwii fi kaka’umsa qabanis dura taa’aan waldichaa, “Nuti bu’aa hojii keenyaatin baay’ee itti gammad­neerra. Fuldurattis iddoo gahaa argan­nee hojii keenya bal’isnee hojjechuufi hojii dhabdoota kanneen biroofis carraa hojii uumuuf haalli akka nuuf mijaa’u bulchiinsa magaalaa Bishooftuu gaafan­neerra. Kantiibaan magaalichaa dhufanii oomisha keenyas arganii liqii maallaqaa fi iddoo hojii yeroo gabaabaa keessatti akka argannu waadaa nu galaniiru. Ku­nis hamilee nu kenneera. Kanaafuu, ye­roo ammaa hawwiin keenya milkaa’uu jalqabeera. Dargaggootni kanneen biroos ijaaramanii yoo hojjetan jireenya isaanii jijjiirachuuf faayidaa gud­daa akka qabu gorsina.” Jechuudhaan ijaaramanii hojjechuudhaan eeggattum­maa hojii mootummaa jalaa bahuu akka qaban dabalee addeessa.


3.Eeggattummaa hojii mootummaa keessaa bahuu jechuun hoo maali?
Akka fakkeenyaattis interpiraayizii Kuwaaliitii keem jedhamuu fi magaa­laa Bishooftuutti argamu, kalaqaafi tat­taaffii miseensoota interpiraayzichaatiin saamunaa dhangala’oo oomishuudhaan gabaa keessatti dorgomaa ta’anii dhi­yaachuu danda’uu isaaniirrayyuu, gara industiriitti ce’aa jiraachuu isaanii bal’inaan ibsuuf yaalameera.


Ayyaana torbee magaalotaa magaa­laa Adaamaa kabajame irratti IMXwwan teeknolojii fayyadamanii kalaqa ofiitti gargaaramanii bu’aa hojii isaanii qaba­tanii kaneen dhiyaatan keessaa inni kan biraa ammoo godina adda naannawaa Finfinnee magaalaa Sulultaatti kan ar­gamu interpiraayizii ‘ Bonsaa’’ jedha­mudha.
Interpiraayzichi dargaggoota sadiin kan hundaa’e yoo ta’u dargaggootni kun yeroo waggaa 2-3 hin caallee keessatti kalaqa isaaniitti gargaaramanii meeshaa cirrachaafi simmintoo waliitti maku biyya alaati galaa ture oomishuudhaan gabaadhaaf dhiyeessaa jiru.
Kalaqa jechuun maali?
Maashina kana oomishuuf maaltu akka isaan kakaase dura taa’aan wal­dichaa dargaggoo Ashannaafii Takkaa wayita ibsu, ‘’ Maashinni cirrachaafi simmintoo walitti maku kun, galii gud­daadhaan biyya alaati gala. Yeroo am­maa hojiin ijaarsaa naannoofi biyya keenyaa baay’inaan dabalaa jira. Haala dizaayinii keenyaan hojjennee hojiirra oolchine’’ jechuudhaan dubbata.


Maashinii waldaa ‘’ Bonsaa ‘’ dhaan oomishamu kun gabaa irratti hammam fudhatama akka qabuufi qulqullina isaa ilaalchisee dura taa’aan waldicha akka nutti himeetti maashinichi biyya alaati kan galu irraa garaagarummaa hin qabu. Waldichi kan oomishu humna Elektiri­kaa yookiin boba’aa fayyadamuudhaan waan ta’eef kan fooyya’e dha. Gabaa irrattis fudhatama argatee tajaajilm­tootni irraa bitachaa jiru. Akka fedhii maamiltoota isaaniitiinis dizaayinii isaa xiqqeessuufi guddisuudhaan hojjetu. Maashinicha tokkon isaa giddu-galees­saan bir. 69.000 oliin gurgurama.IMXn gara industiriitti ce’aa jiraniiniifi oom­isha isaanii agarsiisa /egzibiishiinii/ Adaamaatti dhiyeesan keessaa interpi­raayizii mashina nyaata horii qaindees­su /oomishuu/ isaa tokkodha.


Interpiraayizichi magaalaa Sulultaat­ti kan argamu yemmuu ta’u, dargag­goota sadii fedhii walfakkaataa qaban deeggarsa mootummaa irraa argataniin waggaa sadii duraa ijaaramanii gara hojii qabatamaatti seenani akka ibsa dura taa’aa waldichaa darga. Anteneh Geetinnatiitti .
Maashinniichi gabaa irratti barbaad­amaa akka ta’e ibsuudhaan kan eegale dura taa’aan waldichaa Itti fufuudhaanis ‘’ maashinichi nyaata horii (looniifi luk­kuu) guyyaatti kuntaala 6 oomishuu danda’a Maashinichi isa biyya alaati galu irraa teeknolojiisaa fudhannee, akka biyya keenyaaf ta’utti tajaajila ga­haa kennuu akka danda’utti haala gaari­idhaan hojjennee gabaaf dhiyeessineer­ra. Tokkon isaas bir. 80,000n gurguraa jirra. Hojii kanaanis namoota 17f carraa hojii argamsiisneerra, Fuuldurattis gara industirii giddu-galeessaatti ce’uudhaaf hojjetaa jirra jedhuudhaan dubbata.


Walumaagala KGT waggaa shanii akka naannoofi biyyaa qophaa’e kees­satti industiriin misooma dinagdee keessatti gahee guddaa akka taphatu haala mijaa’aa uumuu darbees sadar­kaa sadarkaadhaan industiriin bu’uura misoomaa akka ta’u taasisuu akka ta’e tarreeffameera.
Kana fiixaan baasuudhaafis gama tokkon industiriiwwan giddu-galees­saafi ol’aanaa babal’isuu gama biraatin ammoo, interpiraayizoota maaykiroofi xixiqqaa cimsuufi babal’isuu akka ta’e kallattii kaa’ameera.


Kana waan ta’eef IMXn kalaqaafi teeknolojiitti fayyadaman jajjabeessuufi deeggarsa kennuudhaan gara sadar­kaa itti aanutti akka ce’an gochuu bar­baachisa. Muuxannoowwan gaggaarii qindaa’anis babal’isuun murteessaa ta’a