opdo2Kallattii hojiiwwan misoomaa yaa’ii idilee 7ffaan kaa’ame

Dh.D.U.O.n yaa’iiwwan jaha kanaan dura gaggeesseen, hanqinootaa fi cimi­noota keessoo isaa adda baasaa, hojii itti aanuuf ammoo kallattii kaa’aa, dhaaba of cimsaa as gahee fi hoggansa ken­neen fayyadamummaa ummata bakka bu’ee mirkaneessaa jiru dha. Yaa’iin dhaabbatummaa Dh.D.U.O. yeroo ye­roodhaan gaggeessaa dhufe kun, hanqi­noota yeroo gara garaa mul’achaa turan dadhabsiisuun gahumsa dhaabichaa mirkaneessaa dhufuu isaatiin ala, kal­lattiiwwan wayita yaa’ii kanneenii kaa’amaniin, hoj-maata misoomaa saff­isaa ta’e uumuudhaan naannoo keenya keessatti guddinni walitti fufiinsa qabu akka galmaa’u taasiseera.

Bu’uuruma kanaan, yaa’iin dhaab­batummaa Dh.D.U.O. tibbana guyyoota afuriif magaalaa Adaamaatti taa’amaa tures, ajandaawwan gara garaa irratti mari’achuun murtoo dabarseera. Dhim­moota yaa’iin kun irratti mari’atee murtoo dabarse keessaa, gabaasa koree giddu-galeessaa yaa’ichi irratti mari’ate keessatti hojiiwwan misooma magaalaa fi baadiyyaa waggoota lamaa fi walakkaa darban keessatti hojjetaman ilaalchisee marii mari’atamee fi murtoo yaa’ichi dabarse irratti xiyy­eeffachuun sagantaa qopheessine isin dub­bisiisuuf jenna. Kal­lattiiwwan Yaa’iin dhaabbatummaa 6ffaa Dh.D.U.O. kaa’e bu’uura godhachuud­haan, waggoottan la­maa fi walakkaa dar­ban keessatti hojiileen misoomaa magaalaa fi baadiyyaa karoora guddinaa fi tiraansi­foormeeshinii kees­satti qabaman qixa kamiin akka raawwatan, hanqinootaa fi ciminoota mul’atan irratti yaa’ichi bal’inaan mari’ateera. Marii kanaanis, gaaffiileen fedhii misoomaa gara garaa fi hanqinoonni hoj-maata keessatti mul’atan ka’uun, yaa’ichi gaafataas, deebii kennaas ta’uun, mariin bilchina qabu irratti gaggeeffameera.

Gabaasa koree giddu-galeessaa Dh.D.U.O waggoota lamaa fi walakkaa darbanii irratti mariin bal’inaan taasifa­muun gaaffiilee gurguddoo ka’an irratti, dura taa’aan Dh.D.U.O. fi pireezidaan­tiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Ob. Alamaayyoo Atoomsaa yaada kennaniiru. Ob. Alamaayyoon yaada kennaniin, “Gama misooma qon­naatiin waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti omishaa fi omishtum­maan dabaluu isaatiif shakkiin hin jiru. Bara 2002, wayita KGT qophaa’uu fi walakkaa bara kanaa gidduutti garaa­garummaa oomisha qonnaa bal’aatu jira. Omishaa fi omishtummaan dabaluu isaa qofa osoo hin taane, baay’inni um­mata misooma Kana irraa fayyadamaa ta’anis dabaleera. Baay’ina qonnaan bultoota adda duree bara jalqaba KGT kan bara walakkaa 2005 waliin yoo madaallu, garaa garummaa guddaatu mul’ata. Adda duroota qofa osoo hin ta’in, baay’inni qonnaan bultoota adda durummaatti siqanis miliyoonaan da­baleera. Kun ammo, misoomni dhaabni keenya waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti hogganaa tureen kan fayyadamummaan hawaasa bal’aa itti mirkanaa’e ta’uu isaa mul’isa” jedhan. Jijjiiramni argame ishoo! Kan nama jechisiisu ta’us, kanaan of dagachuu hin qabnuun dhaamsa Ob. Alamaayyoon yaa’ichaaf dabarsan ture. Sababni isaas, hojiileen waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti hojjetaman fooyya’insi guddaan kan itti galmaa’e ta’ullee, raaw­wiin jiru galma hiixataa KGT keessatti qabame waliin yoo madaalamu, yeroo hafe keessatti ariitii fi tooftaan itti hojj­ennu hundi jijjiiramuu qaba jedhu. Om­ishaa fi omishtummaa dachaan dabaluu irratti dhimmoota gurguddoo hudhaa ta’anii turanis yaa’ichaaf ibsaniiru. Inni tokkoffaan, itti fayyadama teeknoloojii irratti fooyya’insi jiraatullee, paakee­jiiwwan guutuu hojiirra oolchuu irratti karaa barbaadamuun hojjechuu dhabuu dha.

Teeknoloojii karaa guutuu ta’een oomishtummaa keenyaaf fayyadamuu irratti rakkoon qabnu maal irraa madda? Adeemsi keenya fuulduraa hoo maal ta’uu qaba?
Gama kanaan rakkooleen mul’atan, xaa’oo fayyadamanii, sanyii filatamaa dhiisuu, lafa qopheessuu jalqabee hanga sassaabbii omishaatti, hoj-maata qonnaa fooyya’aatti karaa guutuu ta’een fayya­damuu dhabuu dha. Kun ammo, omishaa fi omishtummaan qonnaa akkaataa gal­ma KGT keessatti kaa’ameen akka hin daballe taasiseera. Rakkoo lammaffaa dha kan jedhan Ob. Alamaayyoon, paa­keejiiwwan gara garaa walitti qindees­sanii hojiirra oolchuu dhabuu dha. Qon­naan bultoonni paakeejii qonnaa adda addaa wal-faana hojiirra yoo oolchan, tokkoon milkaa’uu yoo dhaban, isa biroon milkaa’uun jireenyi isaanii akka fooyya’u ta’a. Haata’uutii, paakeejii hunda walitti qindeessanii hojiirra oo­lchuu irratti hanqinni akka jiru, Ob. Al­amaayyoon yaa’ichaaf kan ibsan. Akka rakkoo sadaffaatti kan eeran ammo, tajaajilli ekisteenshinii karaa barbaa­dameen jijiirama fiduu dhabuu isaati. “ Sirni ekisteenshinii hojiirra ooluu erga jalqabee waggoottan hedduu lakkoof­sisullee, rakkoo ilaalchaa fi muuxan­noo dhabuu ogeeyyoota misooma qon­naatiin hanga eegamu bu’aa hin finne. Ogeeyyoonni kutannoo ol’aanaadhaan tajaajila ekisteenshinii hojiirra oolchu­un bu’aa buusan akkuma jiran, kanneen qonnaan /horsiisee bulaatti dhiyaa­chuun, hawaasa jijiiramaaf sochoosuu irratti rakkoo qaban lakkoofsi isaanii xiqqaa miti. Kanaaf, rakkoo ilaalchaa fi dandeettii ogeeyyoota kanaa furaa ad­eemuun kallatti yeroo hojii itti aananii ta’uu qaba” jedhan Ob. Alamaayyoon.

Tajaajila ekisteenshiniin wal-qaba­tee rakkoo waggoottan lamaa fi walak­kaa darabaniiti kan jedhan Ob. Ala­maayyoon, Sirni dhiyeessii xaa’oo fi liqii si’ataan dhabamuu dha.
Akka Ob. Alamaayyoon ibsanitti, “Bara kana rakkoo dhiyeessii calla-guddistuu furuuf, ergamni guddaan seektara Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaaf kennameera. Kun ammo, wag­goottan raawwii hojii KGT hafan kees­satti galma omishtummaa dabaluuf qabanne milkeessuuf haala mijataa uu­mame dha. Hata’uutii, omishtummaan dabaluun qofti galma isa dhumaa ta’uu hin danda’u. Qonnaan/horsiisee bulaan gabaa madaalawaa argachuu qaba. Ka­naaf, sirni gabaa si’ataan uumamuu qaba. Kunis, qonnaan /horiisee bulaaf qofa osoo hin taane, jireenya ummata magaalaa fooyyessuu irratti faayidaa qaba. Ammas, kun hundi guutamee, omishitummaan dabaluun qofti jireenya qonnaan bulaa hin fooyyessu. Aadaan qusannoo dagaagee bu’uura invasti­mantii ta’uu qaba. Kun ergama WHG ta’ullee, sochiin hanga ammaatti god­hame laafaa dha. Kanaaf, waggoottan raawwii KGT hafan keessatti WHG sir­noota sadan armaan olitti ibsaman, dhi­yeessii calla guddistuu, sirna dhiyeessii liqii fi qusannaa si’ataa ta’e diriirsuun omishaa fi omishtummaa dabaluu irratti cimee hojjechuu qaba, jechuun yaa’ii dhaabbatummaa kanaaf ibsaniiru.

Baajata mootummaatiin qofa, galma waliin gahiinsa bishaanii fi daandiif qabame milkeessuun ni danda’amaa? Hirmaannaa ummataa hoggannee itti fayyadamuu irratti sochiin godhaa jirru akkamiin ibsama? Hanqinoonni mul’atan akkamiin furamuu qabu?

Gama waliin gahiinsa daandiitiin, hojiileen bal’aan waggoottan lamaa fi walakkaa KGT keessatti akka hojjeta­man yaa’ii dhaabbatummaa Dh.D.U.O. kanaan hubatameera. Haata’uutii, am­malle fedhiin misoomaa walitti fufaan hawaasa biratti uumame, qulqullinaa fi babal’ina daandii irratti gaaffii kaaseera. Dhimma kanaan wal-qabaturrattis, Ob. Alamaayyoon akkas jedhan, “Babal’ina daandiin wal-qabatee dhimmi xiyyeef­fannaa barbaadu, dhimma hirmaannaa ummataati. Humna ummataa babal’ina daandii keessatti cimsuun kallattii ka­naan dura turee fi ammas cimee itti fu­fuu qabudha. Kanaaf ammo, kaka’umsi hawaasa biratti mul’ate, kan dinqisiifa­muu fi kallattii kaa’ame kanaaf galtee guddaa dha. Haata’uutii, kaka’umsa jiru kana hoggananii itti fayyadamuu irratti rakkoon hoggansa bira akka jiru hubachuun murteessaa dha. Kanaaf, dandeettii raawwachiistummaa hog­gansaa cimsuun, hirmaannaa ummataa humna guddaa milkaa’ina galama gama babal’na daandiitiin qabannee goonee itti fayyadamuun hojii itti aanuuf kal­latti ta’uu qaba” jedhan.

 

Tajaajila bishaan dhugaatii qulqul­luu waliin gahuuf, hojiin walakkaa KGT keessatti hojjetame ilaalchisee gabaasa koree giddu-galeessaa Dh.D.U.O kees­satti dhiyaate irrattis gaaffiileen adda addaa ka’uun irratti mari’atameera. Dhimma kana ilaalchisuunis dura taa’aan Dh.D.U.O. fi Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromi­yaa Ob. Alamaayyoo Atomsaa yaada kennaniin, “ Galmi tajaajila bishaan qulqulluu dhugaatii waliin gahuuf qa­bame galmoota biroo KGT irraa addaa fi hiixataa dha. Mootummoota darban hunda keessatti dabalatee hanga bara 2002tti hojii dhiyeessa bishaan qulqul­luu dhugaatii hojjetameen uwwisni isaa % 48 qofa irra ture. Waggaa shan kees­satti %52 hojjechuuf galmi kan qabame. Hojiin gama kanaan waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti hojjeta­man, kan yeroo kamiyyuu hojjetaman caalaa bal’ina qabaatanillee, galma hiixataa qabame waliin kan wal-sime miti. Rakkoon jirus, gama tokkoon rak­koo raawwachiistummaa waliin wal-qabatee, pirojaktoonni baajata mootum­maatiin qabaman yeroo fi qulqullina barbaadameen hojjetamuu dhabuu dha. Rakkoon inni lammataa, hirmaannaa ummataa cimsuun galma qabame kana milkeessuuf hojiin hojjetame laafaa ta’uu isaati. Kanaaf, otuma pirojaktoon­ni mootummaan qabaman saffisa bar­baadamuun raawwatani illee, waggoota shan keessatti uwwisa bishaan dhugaatii %52n gahuun waan hin danda’amneef, hirmaannaa ummataa cimsuun, tajaajila .

bishaan qulqulluu dhugaatii ganda hun­daan gahuun kallattii hojii keenya itti aanu ta’uu qaba” jedhan.
Gama tarsiimoo misooma IMX ti­inis, hojiin walakkaa yeroo raawwii KGT keessatti hojii dhabeeyyiif carraa hojii uumuuf hojjetame fooyya’insa kan qabu ta’ullee, galma qabame wali­in hojii bal’aan waggoottan raawwii hafan keessatti hojjetamuu akka qaban yaa’ii dhaabbatummaa kanaan kallattiin kaa’ameera.
Gama waliin gahiinsa, wal-gitiinsa, qulqullinaa fi gahumsa keessoo bar­nootaa mirkaneessuutiin, hojiin wag­goottan lamaa fi walakkaa darban kees­satti hojjetaman bu’aan kan itti galmaa’e ta’uunisaa yaa’ii kanaan hubatameera. Haata’uutii, ammallee gama qulqullina barnootaa gahumsa keessoo barnootaa mirkaneessuutiin, akkasumas, barnoota fedhii addaatiif xiyyeeffannaa godhamu irratti, hojii caalmaan waggoottan raaw­wii hafan keessatti hojjetamuu akka qaban gaaffiileen yaa’ii kanaan ka’anii fi mariin taasifame mul’iseera.
Gama fayyaatiinis, dhaabbilee fayyaa babal’isuu, humna ogeeyyii waliin ga­huu fi sagantaalee paakeejii ekisteen­shinii fayyaa kudha jahaan hojiirra oo­lchuun dhibeewwan daddarboo ittisuu irratti hojiin hojjetame foyya’insa akka qabu yaa’iin kun marii isaatiin mir­kaneeseera. Garuu, du’a haadholee fi daa’immanii xiqqeessuu irratti ammas hojii caalmaan hojjetamuu akka qabus, yaa’ichi kallattii kaa’eera.
Walii gala raawwii walakkaa KGT hoggansa Dh.D.U.O. maal-jechuu dan­deenya? Dura taa’aan Dh.D.U.O fi pirezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Ob. Alamaayyoo Atoomsaa madaallii raawwii hojii misoomaa bara walakkaa KGT bifa sa­diin kaa’an. “Inni tokkooffaan, hojiiw­wan yeroo raawwii waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti galma gahan akka jiran. Inni lammaffaan, hojiiwwan adeemsa sirrii keessa jiran, waggoottan lamaa fi walakkaa hafan kana keessatti kan milkaa’uu danda’anii fi garuu am­moo xiyyeeffannaan hojjetamuu kan qa­ban yoo ta’u, inni sadaffaan, yeroo hafe keessatti xumuruuf hiixataa kan ta’anii fi xiyyeeffannaa addaa kan barbaadanii dha” jedhan.
Akka Ob. Alamaayyoon jedhanitti, Waliigala hojiileen magaalaa fi baadi­yyaa waggoottan lamaa fi walakkaa darban keessatti hoggansa Dh.D.U.O tiin hojjetaman, hanqinoonni xiyy­eeffannaa barbaadan akkuma jiranitti ta’ee, adeemsa gaarii keessa kan jirruu fi karoora keenya milkeessuuf ka’umsa gaarii irra akka jirru agarsiisa. Kunis dandettiin raawwachiistummaa dhaabaa fi mootummaa cimaa dhufuun isaa kan itti mirkanaa’e. Kanaan alas, sosochii hawaasaa uumuun, hojii misoomaa ir­ratti ummata miliyoonatti lakkaa’amu hirmaachisuun danda’ameera.Agarsi­istuuwwan armaan olii kanaan dhaa­ba keenya yoo madaallu, Dh.D.U.O. dhaaba of jijjiiraa, jijjiirama hawaasaa hogganaa jiru jechuun ni danda’ama. Yaa’iinis kanumarratti waliigaleera.
Hanqinoota raawwii yeroo walak­kaa raawwii KGT keessatti mul’atan fooyyessinee galma keenya milkeessuuf adeemsi gara fuulduraa hojii keenya itti raawwanu maal ta’uu qaba jettu?
Ta’us, jijjiiramni mul’achaa jiru cimuu, itti fufiinsa qabaachuu fi arii­fachuu akka qabu irratti Ob. Ala­maayyoon yaa’ichaaf ejjennoo akka ta’u hubachiisaniiru. Kana gochuuf am­moo haal-dureewwan sadii kaa’aniiru. Ciminaa fi muxxannoo hanga ammaatti argaman kunuunsuu fi itti fayyadamuu, akkasumas, babal’isuu, ilaalchaa fi gochaawwan kiraa sassaabdummaa ir­ratti kutannoon qabsaa’uu fi dandeettii raawwachiistummaa dhaaba keenyaa fi mootummaa cimsuu dha, jedhan.
Itti aanaa dura taa’aan Dh.D.U.O. fi Sadarkaa muummee ministeera itti aanaatti, hogganaa riifoormii bulchi­insa gaarii mootummaa federaalaa fi ministira ministeera Sivilsarvisii Ob. Muktaar Kadiir gama isaaniin, “Wag­goottan lamaa fi walakkaa darban kees­satti hojii bal’aan hojjetameera. Haata’u malee, hojiin misoomaa bal’aan jojj­etame kun fedhii misoomaa bal’aa uu­maa dhufeera. Bakka daandiin gaheetti ibsaa, bakka ibsaan gahetti ammoo bil­bila gaafachuun itti fufeera. Kana kan uume hojii misooma bal’aa hoggansa dhaaba keenyaatiin hojjetamaa jiru dha. Waliigala yoo ilaallu, hojiin hoj­jetaa jirru, hawaasa gaafataa dheebuu misoomaa addaan hin cinne qabu, isa argate dhandhamachaa gaaffii misooma biroo nu gaafatu uumaa akka jirru agar­siisa. Kun ta’uu isaatiinis, wanti kallat­tii keenya itti aanu keessatti qabachuu qabnu, gaaffii misoomaa walitti fufi­insa qabu kana, tokko tokkoon deebisuu osoo hin taane, hoj-maata, gaaffii hed­duu si’a tokkotti itti deebisnu diriirsuun nurraa eegama. Kana gochuuf, hojiin hojjennu hundi karaa ijaarama qabuun ta’uutu irra jiraata” jedhan.
 
ixa ba’iinsa isaatiifis tattaaffii ol’aanaa kan itti taasifamu waan ta’eef, dhimmi kunis yaa’ii bara kanaa kan adda isa taa­sisu ta’uusaa Ad. Asteer himaniiru.
Sababoota yaa’ii idilee 7ffaa Dh.D.U.O. bara kana gaggeeffamu adda taasisan keessaa inni afuraffaa, ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O. waggaa 23ffaa yeroo kabajamutti kan gaggeeffamu ta’uusaati.
Kana ilaalchisuudhaan Ad. Asteer, “Dhaabni keenya Dh.D.U.O.n dhaaba dargaggeessa waggaa 23ti. Waggoottan 23 darban keessatti, ummatni Oromoo gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasum­maa, akkasumas, gama nageenyaatiin, bulchiinsa gaariifi demokraasiitiin fayy­adamoo akka ta’u carraaqqiin taasifame baay’ee guddaadha. Dhaabni keenya bu’aa-ba’iifi rakkoolee garaagaraa isa qunnamaa ture qabsoodhaan toora isaa qulqulleessaa, humna cimsataa, fayya­damummaa ummata Oromoo qabata­maan mirkaneessaafi bara baraanis injifannoo galmeessisaa waggaa 23ffaa irra gaheera. Kanaaf, ayyaanni hunde­effama Dh.D.U.O. waggaa 23ffaa yeroo yaa’iin kun gaggeeffamu kabajamuun isaa yaa’ii bara kanaa adda taasisa.” Jedhaniiru.
Gama biraatiin, yaa’iin bara kana gaggeeffamu yeroo filannoo naan­nawaafi itti guutiinsaa gaggeessuuf qo­phiirra jirru ta’uunsaa yaa’iiwwan ka­naan duraa irraa adda isa taasisa jedhu Ad. Asteer.
Akka Ad. Asteer ibsanitti, filannoo naannawaa (filannoo manneen maree aanaalee, magaalotaafi gandootaa) bara kana gaggeeffama. Filannichi karaa nagaa, demokraatawaa, bilisaafi haqa qabeessa ta’een, akkasumas, filan­noo amantummaan ummataa keessatti mirkanaa’e akka ta’u yeroo bal’inaan hojjetamaa jiru ta’uusaa, hojii kana keessattis gaggeessaafi miseensi faay­idaa filannichaa hubatee, filannicha mil­keessuudhaaf akka tumsu taasifameera. Manneen marii sadarkaan jiran utubaa sirna kanaa ta’uu kan danda’an, miseen­sota manneen marii ciccimoo, qaama raawwachiistuu ciccimoo, qaamoolee mootummaa sadan ciccimoo ta’aniin akka hundeeffamu, kanaafis Dh.D.U.O.n filannoo bara kanaatiif kaadhimamtoo­ta mill. 1.9 ol ergama isaanii bahachuu danda’aniifi adda dureewwan kan ta’an, naamusa gaariidhaan ummata tajaajiluuf qophaa’ummaa kan qaban qopheessuud­haan caasaafi ummataan akka qeeqaman taasifameera. Akkasumas, raayyaan misoomaa sadarkaa, sadarkaan jiru um­mata akka sochoosu, barbaachisum­maa galmee filannoo ummatni hubatee baay’inaan akka galmaa’u, hojii hoj­jetameen ummatni mil. 10.9 filachuud­haaf akka galmaa’u yeroo taasifameetti yaa’iin idilee 7ffaa bara kana gaggeeffa­muun isaa adda isa taasisa.
Qabsoo Dh.D.U.O.fi ummata bal’aadhaan taasifameen, bu’aalee gudguddaa gama hundaan argamani­ifi bu’aalee argaman kunneenis daran cimsuufi itti fufsiisuu ilaalchisee Ad. Asteer, “Bu’aaleen qabsoo Dh.D.U.O. fi ummata Oromootiin argaman baay’ee guddaafi bal’aadha. Sirni gita bittaa nafxanyaa erga barbadaa’ee booda sirni demokraatawaafi misoomaa ijaarameera. Ummatni keenya sirna kana keessatti mirgoota argate keessaa inni jalqabaa mirga ofiin of bulchuu gonfachuu isaati. Sadarkaa gandaa jalqabee hanga sadark­aa naannootti qaamolee mootummaa sa­dan haala demokraatawaafi bilisa ta’een filatee aangeessee ofiin of bulchuu erga jalqabee bubbuleera. Akka biyyaattis, mana marii bakka bu’oota ummataafi mana marii federeeshinii biyyaa kees­satti, akkasumas, qaamolee seera raaw­wachiistuufi seera hiiktuu mootummaa federaalaa keessatti hirmaachuudhaan gahee ol’aanaa taphachuu irratti argama.