Ayyaanni Irreechaa Magaal Bishooftuu Hoora Har-saadeettii
bifaa ho'aadhaan Kabajamee
Uumanii Oromoo Cunqursaa fi haccuuccaa bara dheeradhaaf irra tureen Aadaaf Afaan isaattin akka hin fayadamnee godhamee tureera. Afaan isaatiin barachuun, aadaa isaa guddifachuun waggaa 20'n dura kan hin yaadamne ture. Qabsoo hadhaawa Uumanii Oromoo dhaaba isaa Dh.D.U.O /ADWUI cinaa hiriiruudhaan adeemsiseen cunquursaa bara dheeraadhaaf irrra ture of irraa fonqoolchee gateera.
Uumanii Oromoo eergaa afaan isaattiin dubachuu, barachuu fi barreessuu, aadaa isaatiin boonuu fi guddifachuu jalqabee kunnoo waggoonnii 20'n lakka'amanii jiru. Uumanii Oromoo uumataa aadaa boonsaa qabuu fi sirni uufanaa isaa, sirni gadaa, sirni Irreefanaa fi aadaan nyaataa isaa baaayyee hawataa fi jalatamaadha.
Sirni gadaa fakkeenyaa dimookraasii addunyaa tanaatti. Yeroo isaa eegatee waggaa sadeetti sadeettiin angoo karaa dimookraatawwaa ta'een wal harkaa fuudhama jaarra hedduudhaaf turuudhaan haardhaas itti fufee jira.
Kana hundaa kan kaasseef waa'ee Ayyaana Irreechaa magaal bishooftuu horaa har-sadetti kabajamee akka ilaaluu barbaadeeti.
Oromoon Waaqa tokkotti amana. Wagaatti al tokkoo Magaala Bishooftuu hoora har-sadetti Oromoonni Kaabaa, Kibaa, Bahaa fi Dhihaa kan biyyaa alaa jiraataniis walitti qabamuudhaan galataa Waaqa tokkichaa galchuu. Sirni Irreefanaa baranaas bakkaa Preesidaantiin Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Alammaayyoo Atoomsaa, Itti gaafatamaan Kaabinee Federalawaa Muktaar kadiir, kabineen naannoo Oromiyaa, Abboottiin Gadaa, Bakka bu'oonni amantaa, fi Uumanii Oromoo bayyeen argameettii sirna Ho'aadhaan kabajammee ooleera.
Kabaja Ayyaana kana iratti Preezidantiin Bulchiinaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Alammaayyoo Atoomsa eergaa bagaa ittiin isiin gaheettiin “Kabajamtoota abbootti gadaa Akkasumaas hirmaatoota Ayyaana Irreechaa irratti argamtaan duraan dursee bagaa dukana gannaa keessaa dabartannii booqa birra geessaan ” jedannii booda saboonni sablammoonni fi Uumatootni biyyaa keenyaa qabsoo hadhaawwa taasisaniin sirna haccuuccaa fi cunquursaan eenyumaa isaanni ukaamse ture oof irraa foonqoolchuudhaan sirni walqixxumaan saboota, amantaa fi aadaa keessatti kabajamee fi tokkummaan dimookratawaa feedhii uumatoota irratti hunda'ee mirkanneessuu danda'aii jiru jedhaniiru.
Uumanii Oromoos akkuma uumatoota biyyaa keenyaa kan biroo mirgaa qabsoo isaatiin gonfateettii fayadamuudhan Naannoo irratti ofiin of bulchaa misoomaa Naannoo fi biyyaa keessaatti abbumaadhaan qooda fudhachaa jira. Kana maleessa aadaa fi seenaa isaa dhiibaa tokkoo malee guddisuu fi calaqisiisuu irratti argama. Kanaafiis sirna gadaa waggaa saddeetti saddeettiin angoo wal harkaa fuudhu , ayyaana Irreechaa guyyaa hardhaa kabajamaa jiru, Afaan Oromoo Afaan hojii, afaan barnootaa fi teeknooloojii ta'ee tajaajilaa jiraachuun isaa fi kunuunsaa fi eegumsii hambaalee seenaa Oromoo irratti taasifamaa jiru akka fakeenyaatti eeruudhaan ayyanni Irreechaa siraa ho'aadhaan uumataa Oromoo biratti kabajamee kun malattoo eenyumaa uumataa keenyaa calaqisuu irra darbee hawaasa turizimii ta'uudhaan dinaagdee keessatti gahee guddaa taphachuudhaaf deemaa jira deema jiraachuu isaa eeraniiru.
Mootumaan Naannoo Oromiyaa Aadaa fi seenaa Uummataa Oromoo Ifattii baasuu, kunuunsuu fi beeksiisuuf caraaqii taasisaa jiru xiyeefanaa addaa kenuudhaan cimsee akka itti fufuu beeksisaaniiru.
Aadaa boonsaa Uummannii Oromoo ittiin beekamuu keessaa tokkoo sabaa fi sablammoota biyyaa keenyaa waliin waldandeettii fi walkabajaan jiraachuu isaatti eergaa jedhanii booda hardhaas taanaan aadaa boonsaa qabu kana kunuunfachaa saboota biyyaa keenyaa waliin ta'uudhaan tokkummaa dimookraatawaa fedhii Uummatootaa irratti hunda'ee ijaaruu keessatti gahee isaa bahachaa irraas fayadamaa jiraachuu isaa ibsaniiru.
Mirgootaa Heera mootummaattiin argatteetti fayadamuudhaan aadaa fi seenaa kunuunfachaa dhaloota itti aanutti dabrsuu akka qabamuu jedhannii aadaa boonsaa qabnu kana caalmattii ittiin boonuudhaaf biyya badhaateefi hiyyumaa keessaa baatee wajjiin dhaloota dhufutti dabarsuudhaaf ciminaan hojjatamuu akka qabu dhaamsaa dabarsanii jiru.
Mootummaan keenyaa dinnii uummataa keenyaa hamaan hiyyumaa fi boodatti hafumaa ta'uu hubachuudhaan misoomaa ariifataa fi itti fufiinsaa qabu uumani sadarkaa sadarkaadhaan irraa fayadamu mirkanessuudhaaf hojachaa jira. Kanaafiis karooraa gidinaa fi traansfoormashiini baafachuudhaan sochii baldhee keessaa galuu isaa eeraniiru.
‘Aadaa boonsaa qabnuu kaneen akka Ayyaana irreechaa kuunuunfachuu fi dagaagfachaa meeshaa hiyyumaa fi boodatti hafuma ittiin dhabaamsiisnuu goonee itti fayadamu danda'uttu nuraa jiraata” jehaniiru.
Dhuma irrattis sochii karooraa guddinaa fi traansfoormeeshinnii fi hidhaa laga abbaaya irratti jalqabamee cimsamee akka itti fufuu qabuu wamichaa dabarsaniiru.
Abbootiin gadaa godinaalee oromiyaa gara garaa irraa dhufaan eergaa dabarsaniin Aadaa boonsaa qabnuu kunuunfachuu akka qabnuu eerga eeranii boodaa barmaatilee boodetti hafaa irraa of eegguu akka qabnuu dhamaniiru. Mootummaa cinaa hiriiruudhaan Misoomaa misoomaa caqabamee cimnee hojachauudhaan akka itti fufsinuu jedhaniiru.
Irreefanaadhaaf margaa jidhaa qabachuudhaan , sirbaa aadaa sirbaa garaa Hoora har-sadeetti demanii irreefachuudhaan galataa waaqa galchaa kan dhufuu mulkii akka isaaniif ta'uu hawaa rakkoo tokkoo malee sirnii irreefanaa barana xumurame.
